Filannoo Itoophiyaa: Gamtaan Awurooppaa taajjabdoota filannoo Itoophiyatti hin ergu jedhe

Madda suuraa, Getty Images
Gamtaan Awurooppaa haal-dureewwan guutamuu qaban irratti qondaalota Itoophiyaa waliin waliigaluu dhabuu isaa irraa kan ka'e taajjabdoota filannoo Itoophiyaatti erguuf ture akka haqe ibse.
Gamtichi kana kan jedhe ibsa Wiixata 3,2021 kenne irratti yoo tahu, bakka bu'aa ol aanaan gamtichaa Jooseef Booreel taajjabdoota erguuf ulaagaaleen barbaachisan akka hin guutamne himan.
Gamtaan Awurooppaa taajjabdoota filannoo gara Itoophiyaatti erguuf jecha haaldureewwan guutamuu qaban irratti qondaalota mootummaa waliin hojjetus, waliigaltee irraa gahuu dhabuusaan taajjabdoota akka hin ergine ibsa baaseen hime.
Itoophiyaan Waxabajji 5,2021 filannoo biyyaalessaa kan gaggeesitu yoo tahu, haal-dureewwan hin guutamne, kanaaf bobbiin taajjabdoota filannoo haqamuu qaba jedha ibsichi.
Qindoominni ergama taajjabdoota filannoo deeggarsa dimokiraasii Awurooppaaf dhagaa bu'uuraati.
Gamtaan Awurooppaa ulaagaaleen taajjabdoota bobbaasuuf taa'an guutamuu dhabuun kan isa gaabbisise tahuu ibse. Walabummaa ergamichaa fi meeshaalee komunikeeshinii nageenya taajjabdootaaf murteessoo tahan gara biyyatti galchuu dhabuun ulaagaalee guutamuu dhaban keessatti ibseera.
Haalli kun qophii filannoo dabalatee galmee filattootaa irrattis dhiibbaa qaba.
Gamtaan Awurooppaa deeggarsa qabatamaa gaaffii uummatni Itoophiyaa dimokiraasii irratti qabuuf taasisuuf jedhee deeggarsa barbaachisaa dhabuu isaatiif gaddi itti dhagahamus ibseera.
Gamatichi qondaalonni Itoophiyaa lammiileen biyyattii mirga siivilii fi siyaasaa isaanii akka fayyadaman deeggaruu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Gamtichi filannichi galma isaa akka gahuufi fudhatama akka qabaatuuf yeroo qophii filannootti boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaaf Yuuroo miliyoona 20 akka deeggarus ibseera.
Gama kaaniin seenaataroonni Ameerikaa shan filmaatni Itoophiyaan torbanoota booda gaggeessuuf deemtu, haala amma jiruun ulaagaalee idiladdnuyaa hin guutu jechuun torban darbe xalayaa barreessanii turan.
Miseensonni Senetii Ameerikaa kunniin kana kan jedhan, xalayaa Ambaasaaddar Jofrii Feltamaaniif barreessaniini - Aabba Feltimaan dhiyeenya kana bulchiinsi Joo Baayidan ergamaa addaa Gaanfa Afrikaa gochuun muudeera.
Xalayicha irratti filannoo Itoophiyaan gaggeessuuf deemtu haala amma jiruun ulaagaa filannoo idil addunyaa haqa qabeessa, walaba taheefi ifa tahe hin guutu jedhan senaaterootni Ameerikaa.
Kanaaf akka sababaatti kan eeran ammoo hoggantoota siyaasaa fi deeggartootni isaanii hedduun mana hidhaa jiraachuu fi paartileen siyaasaa tokko tokko gamanumaan filannicha keessaa bahuu isaaniiti.
Namootni siyaasaa hidhaa jiran gariin mirga seeraan murtii argachuu dhabanii kaan ammoo dararamaa jiru jedhe xalayichi.
Osoo haaromsi barbaachisu hin guutamiin filannichi kan gaggeeffamu yoo tahe, wal dhabdeen saboota gidduu jiruufi rakkoon siyaasaa biyyattii keessaa daran hammaachuu akka danda'u sodaa qaban ibsuun barreessan.
Seenaataroonni kunneen ergamaa addaa Gaanfa Afrikaa kan tahan Jefrii Feltmaan araaraa fi nageenya buusuuf akka hojjetan dhaaman.
Kana malees rakkoo kanneen furuuf marii biyyaalessaa sabaa fi paartilee siyaasaa hunda hammate akka gaggeeffamuuf hojjechuu akka qaban dhaaman.
Boordiin filannoo Itoopiyaa sababa nageenya fi dhibboota biroo waliin walqabatee yeroo galmee filattootaa torbee lamaafi sadiin dheeressuun isaa ni yaadatama.













