Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Ameerikaa naannichatti dowwannaa eegalan

Madda suuraa, AFP/Getty Images
Dhiheenya kana bulchiinsa Pirezidaant Joo Baayidaniin ergamaa addaa dhimmoota Gaanfa Afriikaa taasifamuun kan mudaman, Jefirii Feeltimaan biyyoota naannichatti argaman dowwachuu eegaluu waajjirri dhimma alaa Ameeriikaa beeksiise.
Ergamaan addaa kun guyyoota Caamsaa 4 hanga 13tti jiran jidduutti Masrii, Itoophiyaa, Ertiraafi Sudaan ni dowwatu jedhameera.
Imala taasisan kanaanis Mr Jefirii Feeltimaan aanga'oota biyyoota kanneenii dabalatee bakka bu'oota Gamtaa Afriikaafi Mootummoota Gamtoomanii waliin ni mari'atu jedhamee eegama.
Kanaan alattis Jefirii Feeltimaan dhaabbilee siyaasaafi kanneen deegarsa namoomaa dhiyeessan waliin akka wal argan dubbi himaan waajjira dhimma alaa Ameerikaa beeksiiseera.
Imalli Mr Jefirii Feeltimaan kun kutannoo bulchiinsi Baayidan rakkoolee siyaasaafi nageenyaa, akkasumas rakkoolee namoomaa Gaanfa Afriikaa hiikuuf qabu kan agarsiisuudha jedhameera.
Feeltmaan eenyu?
Jefirii Feeltimaan tibba muudama isaaniitti keessattu haalawwan Itoophiyaafi naannoo ishee jiraniif xiyyeeffannaa addaa akka kennan waajirri dhimma alaa Ameerikaa beeksisee ture.
Mr Feeltimaan dhimmoota mariifi jaarsummaa irratti qorannoo kan gaggeessaniifi mariisiisuudhaanis nama muxannoo olaanaa qaban ta'uutu himamaaf.
Jefirii Feeltimaan siyaasaafi imaammatawwan dhimmoota alaa irratti barreessaa muummee duraanii Mootummoota Gamtomanii Baan Kimuuniifi kan ammaa Antoniiyoo Gutturezaa kan gorsan yoo ta'u, mana maree nageenyaatiif ammoo dhimmoota nageenyaafi tikaa irratti ibsa kennuun beekamu.
Tibba Mootummoota Gamtoomanii keessa turanittis ergamaa addaatiin tajaajilaniiru. Kana malees, waajjira dhimma alaa Ameerikaa keessa waggoota 26f kan tajaajilan Mr Feeltimaan Liibaanoos, Iraaq, Israa'eel, Tuniziyaa, Haangaariifi Haayitiitti qondaala dippilomaasii olaanaa ta'uun tajaajilaniiru.
Filannoon dhufu haala amma jiruun ulaagaa 'idil-addunyaa' hin guutu'
Jefirii Feeltimaan osoo gara naannichaatti imalasaanii hin eegaliin dura xalayaan seeneetaroota shaniin mallattaa'ee isaa gahee ture.
Xalayaa ergamaa addaa kanaaf barraa'eenis filannoo biyyaaleessa Itoophiyaan torbanoota muraasaan booda gaggeessuuf jirtu, waa'ee Tigraay fi walitti bu'iinsa naannoolee biyyattii biraatti argamu ilaalchiisuun yaaddoosaanii ergamaa kanaaf ibsaniifiru.
Seenetaroonni kunneenis haala amma jiruun filannoon biyyaaleessaa bilisa, madaalawaafi ifa ta'uun ulaagaalee idil-addunyaa hinguutuu jedhaniiru.















