Senaateroonni US dhimma waldhibdee daangaarratti mariyachuuf Sudaan daawwachuuf

Senator Chris Coons

Madda suuraa, Senator Chris Coons

Senaateroonni Ameerikaa lama Kiristoofer Kuunsiifi Kiriis Vaan Haalen Wixata dhufu dhimmi waldhibdee daangaa Itoophiyaafi Sudaan gidduu jiru irratti mariyachuuf Sudaan akka daawwachuuf jiran burqaan oduu biyyattii SUNAn gabaaseera.

Kiristoofer Kuuns kanaan dura ergama addaa Pirezedaant Joo Baayidan irraa fudhatee Itoophiyaa daawwachuun waa'ee lola naannoo Tigiraay dabalatee dhimmoota nageenyaa biroorratti ministira muummee Abiy Ahimad dabalatee aanga'oota waliin dubbatee ture.

Senaater Van Holeenis wantoota Itoophiyaa keessatti ta'an kanneen itti dhiyeenyaan hordofan keessaati.

Kuuns turtii isaa Bitootessa 21, 22 Itoophiyaatti taasiseen dhimma Hidhaa Haaromsa Guddicha Itoophiyaan Laga Abbayyaarratti ijaaraa jirtu ilaalchisuunis aanga'oota waliin dubbatee ture.

Kana malees, waldhibdee dhimma daangaa Itoophiyaafi Sudaalillee kaasuun mariyatanii akka turan ni yaadatama.

Ebla 24 irratti ammoo haala amma Gaanfa Afrikaa keessatti ta'aa jiruun naannawaan sun gara tasgabbii dhabuutti deema soda jedhu ibseera Kiristoofer Kuuns.

"Walitti bu'insi Tigiraay keessatti deemaa jiruufi loltoonni Ertiraa itti fufinsaan keessa galuun, walitti bu'insi saba irratti hundaa'e guutummaa Itoophiyaa keessatti dabaluufi marii Hidha Haaromsaa Guddichaa ilaalchisee jijjiiramni dhabamuu, akkasumas muddama daangaa al-Fashagaa irratti mullatu nagaa dhiyeenya Afrikaa Bahaatti argame yaaddoo keessa galcha," jedhe.

SUNA eeruun akka Sudaan Tiribiyuun gabaasetti, seera baastonni dimokiraatotaa lamaan kunneen miseensa koree Seneetii Hariiroo Dhimma Alaa US yoo ta'an, daawwannaa isaanii Sudaan kanaan dura ta'aa mana maree walabaa, ministira muummee, ministira haqaafi ministira jallisii Sudaan waliin wal arganii dubbachuuf jiru.

Turtii isaanii guyyoota sadii keessatti senaateronni kunneen kaampii baqattoonni Itoophiyaa keessa jiran kan baha Sudaan Gadaareef jiru Um Rakubaa jedhamu ni daawwatu jedhamees eergama.

Kiristoofer Kuuns Kaartuum keessatti jaalala Sudaaniif qabuun beekama. Sababiin isaas bara darbe keessa Sudaan akka tarree biyyoota shororkeessitoota deeggaru jedhaman keessaa baatuuf baayyee hojjeteera. Seera ce'umsa dimokiraatawaa ta'e Sudaan milkeessuu keessattis gumaacheera Kuuns.

Daawwanaan senaaterootaa Sudaanitti taasisan kun yeroo mootummaan Ameerikaa Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa muuduu beeksiftettidha.

Antonii Biliinkeen ibsa Jimaata baasaniin qondaala olaanaa mootummoota Gamtoomanii kan turaniifi dippiloomaatiin maqaa guddaa qaban soorama bahanii jiran Jeffrey Feltman Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa Ameerikaa ta'uun muudamuu ibsanii turaniru.

Biliinkeen ibsa isaanii keessatti muudamni kun rakkowwan nageenyaa, siyaasaafi namoomaa naannichatti dhalachaa jiru kara dippiloomasiin furuuf murannoo bulchiinsi Baayidan qabu agarsiisa jedhan.

Itoophiyaafi Sudaan dhimma daangaa gidduusaanii jiruuf furmaata waarawaa kennuuf sararuun haala danda'amurratti aanga'oonni mootummoota lamaanii mariyachuuf yaalii taasisaa turaniis hanga ammaa fala hin arganne.

Daangaan Itoophiyaafi Sudaan gidduu jiru yeroo hedduu bakka itti walitti bu'insi uumamudha. Lafa qonnaa gabbataa kana qonnaan bultoonni gama lamaanuu jiran kan keenya kan jedhan yoo tahu, Sudaan lafti kun daangaa Sudaan keessa jira jetti.

Akka ragaaleen agarsiisanitti, Itoophiyaafi Sudaan daangaa km745 ol dheeratu waliin qooddatu.

Sudaan Kibbaa biyyattiirraa fottoquun biyya of-dandeesse osoo hin tahiin dura garuu daangaan biyyoota lamaan qooddatan km1600 ol ture.

Haga hardhaa garuu daangaan biyyoota lamaanii kun haala ifa taheen sararamee hin jiru.

Seenaa keessatti walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii durii qabee yeroo mara yaa'aa bishaanii lageen Abbayyaafi Atibaaraa irratti kan hundaa'efi haala gaariirra kan jirudha jedhamaa ture.