Sudaan maaliif Hidha Haaromsaa Itoophiyaa itti cichuun mormiti?

Hidhi Guddichi Itoophiyaa, laga Abbayyaa iratti hojjetamu , naannoo daangaa Itoophiyaaf Sudaanitti dhiyoo jiru bishaaniin takkaa guutameera, Suuraan Sadaasa 6, 2020 fudhatame

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa satalaayitii ji'a Sadaasaa darbe fudhatamee bakka kuusaa hidhichaa agarsiisu

Sudaan falmii Hidha Haaromsaa Itoophiyaafi Masiriin waggoota kudhaniif gaggeessan irratti giddumarra deemaa turuun booda kana ammoo yaada ishee jijjiirteetti, akka Zeeyineb Mohaammed Saalii Kaartum irraa gabaastetti.

Yeroo waa'een Hidha Haaromsaa mari'atamu ejjennoon Sudaan yaadicha simachuu irraa gara shakkiifi mormiitti jijjiirameera.

Jijjiiramni ejjennoo hamma kana gahu dhiibbaa humni waraanaa Sudaan fonqolchaan booda biyyattii gara dimokiraasiitti ceesisa jedhamee aangoo qabate fide irraa tahuu agarsiisa.

Akkuma waqtiin roobaa Itoophiyaan Hidhicha yeroo lammaffaaf osoo waliigaltee irra hin gahiin guutuuf jettu dhiyaateen dhiibbaan dippilomaasii biyyoota kanneen gidduutti dabalaa dhufeera.

Itoophiyaafi Masiriin Hidhichi dhimma jiraachuuf jiraachuu dhabuu tahuu ifatti dubbataniiru.

Itoophiyaan Hidhaan Laga Abbayyaa kun misoomakoof baay'ee murteessdha, humna ibsaa biyyattiis gara %60tti ol guddisa jetti.

Masiriin ammoo yaa'a bishaan Naayil kan jireenyi ishee irratti bu'uureffame irratti dhiibbaa qaba jetti.

Sudaan kan biyyoota lameen gidduun lagicharratti argamtu akeekkachiisa cimaa baasteetti.

Gorsaa Olaanaan Mana Maree Sudaan, Lt-Jeneraal Abdel Fattaa al- Burhaan, waa'ee waraana bishaanii yoo dubbatan '' isa namni yaaduun ol baay'ee hamaadha'' yoo hawwaasni adunyaa gidduu galuun furmaata fidan malee jedhan.

Hidhichi jalqaba fudhatamee ture

Marsaa ji'oota 14 keessatti waci garaagaraa Sudaan magaalaa Kaartuumii dhagahamaa jira.

Guraandhala 2020, Ministerii Qabeenya bishaanii Yaasir Abbaas hidhichi Sudaaniif faayidaa akka qabu himan.

Haalotni xixiqoon akka qajeelfaman himuun, hidhi guddichi yaa'i laga Naayil maal akka fakkaatu tilmaamuuf kan gargaaruufi waktii qonnaa sadaffaas fiduuf oola jedhan.

Kana malees hidhichi Sudaan kan dhiyeenya sa'a 12'f humni ibsaa irraa cituuf gatii rakasaan akka argattu ishee gargaara jedhan.

Garuu jalqaba ji'a kanaatti marii jaarsummaa Gamtaa Afrikaan Itoophiyaa, Masiriifi Sudaan gidduutti hin milkaa'iin hafe hordofee, Itoophiyaan rakkoo gurguddaa jiran osoo hin furiin hidhicha guutnaan nageenya biyyaalessaaf yaaddoodha jechuun gaazexeesitootatti himan.

Sudaan akka Itoophiyaan qajeelfamoota isa hamma bishaanii qabachuu qabuu fi yeroo hidhichi guutamu ibsu caalaa, sanada waliigaltee dhaabbataa tahetti waliigaluu qabdi jetti.

Mr Abbaas BBCtti akka himanitti Itoophiyaan bishaanicha qonnaafis itti fayyadamuuf barbaaduun ishee waliigalticha wal xaxaa godheera jedhan.

Waliigaltee malee hidhi guddichaa biyyoota yaa'a gara gadiif balaadha.... eegumsa naannoo fi jireenya uummataaf,'' jedhan.

Osoo hidhacha bishaaniin guutuun hamma bishaanii gadhiifamu xiqqeesse Sudaan, Masirii caalaa miidhamti jedhan. Masiriin kuusaa bishaanii guddaa hidha Aswaan irraa waan qabduuf jedhan.

Odeeffannoo dabalataaf:

2px presentational grey line

Madda suuraa, Reuters

Dhugaawwan kunneen jalqabumayyuu kan beekaman yoo tahu, amma wanti jijjiirame yoo jiraate madaalliin aangoo humna waraanaa fi bulchiinsa siivilii kufaatii Bashir booda aangoo qabate gidduu kan jirudha.

Yaaddoon nageenya biyyaalessaa amma xiyyeeffannoo biraas kaaseera. Walitti bu'insi daangaa Itoophiyaa fi Sudaan naannoo al Fashegaa hammaataa dhufe Sudaan Itoophiyaaf deeggarsa guddaa akka hin kennine godheera.

Daangaan biyyoota lameenii bakka walitti bu'insaa kun adda bahuun kan hin qoodamne yoo tahu, waliigaltee bara koloniitiin garuu lafichi Sudaan keessa oola. Lammiileen Itoophiyaa achi keessa jiraatanis gibira mootummaa Itoophiyaaf kaffalaa turan.

Bara 2008, lafichi kan Sudaan tahuu Itoophiyaan itti waliigaltus lammiileen Itoophiyaa garuu achuma jiraachaa turan.

Yeroo Itoophiyaan lola naannoo Tigiraayitti deebitu carraa kanatti fayyadamuun Sudaan ammoo loltoota ishee gara al- Fashaagaatti bobbaaste.

Gara Masiriitti dhiyaachuu

Mootummaan duula guddaa gaggeessuun naannichatti uummatni akka tarkaanfii humna waraanaa deeggaru taasisan.

TKun namoota dhiibbaa uumuun beekaman gara daangichaatti geessuufi weellistoota beekamootti uffata waraanaa uffisuun akka isaan Kaartumitti weellisan gochaa turan.

Kaaba Sudaanitti humni waraanaa isaanii shaakala waraanaa Masirii waliin gaggeessan.

Itoophiyaa irratti ulee isaanii ol fudhachuuf akka tahe kuni ifadha'' jechuun BBCtti himan soorama kan bahan birgeder jeneraal Mahammuud Galender.

Gama kanaan Itoophiyaan ammoo hidhi guddichaa Sudaan irraan miidhaa gahu hin qabu jechuun amansiisuuf yaalaa jirti.

Dilbata darbe, MM Abiy Ahimed karaa tiwiitera isaanii Itoophiyaan biyyoota yaa'a gadii irratti '' kaayyoo miidhaa geessisuu'' hin qabdu jedhan.

Bara darbe hidhicha guutuun ''shakkii kan hin qabne biyya ollaa Sudaan irraa lolaa hamaa ittiseera'' jedhan.

Itti dabaluun waktii roobaa kana dura maaltu akka tahu irratti odeeffannoo akka wal jijjiran himaniiru.

Jechoonni kunneen Sudaaniifi Masiriin akka waliigalticha itti fufaniif gahaa hin fakkaatan.

Ministerri Dhimma Alaa Masirii Saamee Shuukirii, wixinee waliigaltee seeraa akkaataa fedha biyyoota sadeeniitti haala oppireeshinii fi guutunsa hidhicha qabatu kan Masiriin dhiyeessite, akka deeggaraniif biyyoota Afrikaa irra deemuun daawwannaa gaggeessa jiru, jedha ibsi mootummaa biyyattii.

Jeneraalli Sudaan Burhaanis gaaffif deebii TV irratti torban darbe taasisan irratti yaaduma wal fakkaatu kaasan.

Akkuma dhiibbaan dippilomaasii dabalaa dhufeen, waktiin roobaa hidhichi waliigaltee irra gahames gahamuu baate yeroo lammaffaaf itti guutamus dhiyaachaa jira.