Hidha Abbayyaa: Itoophiyaa, Sudaaniifi Masriin waraanatti seenuu danda'uu?

MM Abiy Ahimad, MM Abdallaa Hamdook fi Pirezidaanti Abdul Fattaah Al Sisi

Dhimma Hidha Abbayyaa irratti Itoophiyaa, Sudaanii fi Masriin ammallee waliigalteerra hin geenye. Dabalataan, gama daangaa Itoophiyaa fi Sudaan muddamni jira.

Dhihoo Masrii fi Sudaan walta'uumsa waraanaa taasisaniiru. Waliigalteen kuni leenjii waraanaa irraa kaasee hanga walta'uumsa diinagdee gaha.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad Kibxata darbe paarlaamaatti dhihaatanii gaafffii gaafatamaniif deebii yeroo kennanitti dhimmoota kaasan keessaa tokko tokko waa'ee Hidha Abbayyaati.

''Itoophiyaan fedhii Masriis ta'e Sudaan miidhuu hin qabdu. Haa ta'u malee, dukkana keessa jiraachuu hin feenu. Ibsaan keenya isaan kan fayyadu malee kan miidhu miti,'' jechuun ijaarsi isaa akka itti fufu himan.

Itoophiyaan ganna baranaa hidha Abbayyaa yeroo lammataaf bishaan guutuuf yaada qabdi. Masrii fi Sudaan immoo kana dura waliigalteen akka raawwatu barbaadu.

Dabalataan, biyyoonni lamaan Gamtaa Afrikaan ala Ameerikaa, UN fi Gamtaan Awurooppaa akka jaarsummaatti akka qooda fudhatu waliin gaafataniiru. Itoophiyaan garuu Gamtaa Afrikaan ala qaama kaan hirmaachisuuf fedha waan qabdu hin fakkaatu.

Biyyoonni sadan erga dhihoo as waldhibdee hammaateetti galuun isaanii maaliifi?

Hojjetaa ijaarsaa hidha haaromsaa

Madda suuraa, Getty Images

Sudaan bulchiinsa al - Bashiir booda

Dhimma Gaanfa Afrikaa kan itti dhiheenyaan kan hordofan, Landan irraa Abdurraahmaan Sayiid Abuhaashim ''sababni ijoo waldhibdeen hammaatuu ejjennoon Sudaan waan geeddarameefi'' jedhu.

''Abbayya ilaalchisee ejjennoon Itoophiyaa fi Sudaan tokko ture jechuun danda'ama. Amma ejjennoon Sudaan agarsiiste ejjennoo kana dura qabdurraa kan jijjiirameefi waan hin eegamnedha jedhamuu kan danda'udha,'' jedhu.

Kanaafis, akka fakkenyaatti wanti kaasan ejjennoon mootummaa cee'umsaa Sudaan tokko ta'u dhabuudha.

Waldhibdeen daangaa Itoophiyaa fi Sudaan gidduu ka'e hammana kan walitti buusudha jedhee hin yaadu kan jedhan xiinxalaan kuni, Itoophiyaan Tigraayitti lola seennaan kanatti carraa kana fayyadamani yaada jedhu qabu.

Keessumaa waraanni Sudaan dhimma daangaa dhimma keessoof itti dhimma bahuufi fudhatama itti argachuuf barbaade ta'a malee koreen biyyoonni lamaan hundeessan karaa nagaa furuu danda'a ture jedhu.

Akka xiinxalaa kanaatti Sudaan ejjennoo ishee kan jijjiirte dhimma biyya keessa qabdun walqabateeti jedhu.

Dhimma kana irratti Nezarlaand irraa dhimma Gaanfa Afrikaa kan xiinxalan Adam Kaase (Dr) yaada Obbo Abdurraahmaaniin waliigalu.

''Sudaan keessumaa bara al - Bashiir ejjennoo Itoophiyaa waliin wal fakkaatu qabdi. Haa ta'u malee, al - Bashir erga kaafamanii booda dhimma keessoo ishee yoo ilaallu biyya bulchaa tokko qabdu hin fakkaattu.

''Kutaan waraanni hoogganu jira. Isa keessammoo 'rapid force' kan jedhamu jira. Ergasiimmoo bulchiinsi sivilii MM Abdallaa Hamdookin hoogganamu jira. Ejjennoon hooggantoota lamaanii tokko miti,'' jedhu.

Akka xiinxalaa kanaatti taanaan Sudaan keessa qaamni Itoophiyaa waliin ejjennoo walfakkaataa ta'e mul'isaa ture hoggansa MM Abdallaa Hamdookin hoogganamudha.

Haa ta'u malee, lolli Naannoo Tigraayitti erga eegale booda waraanni Sudaan humna isaa cimsataa jiraachuu kan ibsan Dr Adam, ''hooggansi sivilii immoo humna duratti mariin arganna jedhan caalaa amma humna cimsanna yaada jedhu qabu,'' jedhu.

Xiinxaltoonni lamaanuu waldhibdeen daangaa Itoophiyaa fi Sudaan itti jiran mariin dhimma Abbayyaa akka muddama seenu sababa ta'u danda'a jechuun tilmaama qaban ibsu.

Walitti dhufeenya Masriif Sudaanirraa eenyutu buufata?

Sudaan ejjennoo ishee jijjiiruurraan kan ka'e gara Masrii caalsifatteetti. Waliigalteen dhihoo mallatteessanis jira.

Eenyutu buufata jennee kan gaafanne Adam (Dr) dhimmichi waa'ee hidha Abbayyaa qofa osoo hin taane dhimma daangaas ta'eera. Sababa kanaan, Sudaanonni dhimmichi adda qoqqoodanii kan Abbayyaa fi daangaa jedhanii dubbachuu hin danda'ani.

''Waliigalteen Sudaanii fi Masriin taasisan bal'aadha. Walitti dhufeenya dippilomasiis qaba. Kaanis jiru. Itoophiyaan dhiibbaan itti cimee ejjennoon Abbayyarratti qabdu yoo laaffiste Masriinis, Sudaanis ni fayyadamu. Kanaaf, faayidaan isaan lamaaniifuudha.''

Ta'us, ''akka namoonni tokko tokko jedhan dhimmichi gara waraanatti kan adeemu yoo ta'e Sudaan kan buufattu caalaa miidhamuu dandeessi,'' jedhu.

Waliigaltee hoogganoonni waraanaa Masriifi Sudaan Kaartuumitti mallatteessan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Waliigaltee hoogganoonni waraanaa Masriifi Sudaan Kaartuumitti mallatteessan

''Akkuma beekamu diinagdeen ishee dadhabaadha. Bakkaa bakkatti waldhibdeen jira. Lolli kaanaan Itoophiyaanis akkuma miidhamtu Sudaanis haalaan miidhamti. Lolli yoo eegale kan haalaan fayyadamtu Masriidha,'' jedhu.

Obbo Abdurraahmaan gama isaaniin Itoophiyaafi Sudaan tasgabbaa'u dhabuun isaanii Masriif fayyada kan jedhan jiraatanis isaan garuu yaada kanatti wal hin galan.

''Dhuguma Sudaan waggoota dheeraaf wal waraansa waliini keessa turuun ishee Masriif mijatee ture. Sababni isaas gahee bishaanii isaanii malu ol argataa turan. Ta'us, dhimmi kuni stiraatejikii hin turre. Sababni isaas faayidaa kan fuuladuraa kan bu'uura godhate hin turre waan ta'ef.''

Amma hidhi Abbayyaa xumuramaa waan jiruuf filannoon Masriin qabdu biyyoota yaa'a laga Abbayyaa waliin waliigaltee seenanii filmaata fedhiin hunduu ittiin guutamu barbaadu malee faayidaan tasgabbii dhabuu biyyoota kaanirratti bu'uureeffate hin baasu jedhu.

Waraanni ka'u danda'aa?

Itti fayyadama bishaan Abbayyaa waliin walqabatee yaaddoo lolli ka'u danda'a jedhu akka qaban Dr Adam dubbatu.

''Waraana seenuuf fedhiin dhibus hubannoon dogongoraa jiraachuu mala. Qaamni biraa maal gochuu mala jechaa tarkaanfii kan fudhattu. Odeeffannoo guutuu yoo hin qabaanne murtee dogongoraa fudhachuu malta. Kanaaf, murteewwan dogongoraa akkanaa dhimmicha to'annoon ala gochuun danda'u yaaddoo jedhun qaba,'' jedhu.

Dr Adam itti aansuunis Itoophiyaa fi Sudaan rakkoo biyya keessaa qaban eeruun waraana ni fedhu jedhanii akka hin yaadne himu.

''Haa ta'u malee, lolicha barbaaduu malu. Waraanni Sudaan biyyattii dammaqsuuf itti fayyadamuu danda'a. Gama Itoophiyaanis akkasuma barbaadamuu danda'a. Lola ijootti seenuuf fedhis, humnas qabu jedhee hin amanu. Ta'us, dogongorri raawwatuu mala.''

Kanas akka fakkeenyaatti mootummaan MM Abdallaa Hamdook waraana biyyattii irratti to'annoo hin qabu, gama Itoophiyaas humnoonni mootummaan ala socho'an jiru jedhu.

Obbo Abdurahmaan immoo lolli ka'u dhiisuu danda'a yaada jedhu qabu.

''Dhibba keessaa osoo kaa'i naan jette 50% yookiin isaa gadiin kaa'a. Muddamni amma jiru biyyi tokko isa kaan irratti dhiibbaa uumuuf malee waraanatti seenuuf fedhiin waan jiru natti hin fakkaatu. ''

Ta'us, Itoophiyaan osoo dhimma biyya keessaan qabamtee jirtuu Sudaaniifi Masriin haalli isaa mijataadha jechuu danda'u jedhu.

''Sudaaniifi Masriin dhimmi kuni furmaata waaraa yoo hin arganne karaa salphaan hiikamuu akka hin dandeenye beeku. Dhimmi kuni mootummaa MM Abiy Ahimadin milkaa'u dhabus mootummaa dhufun ka'un isaa hin oolu. Sababni isaas dhimmichi bara MM Mallas ka'aa ture.''

Sababa kanaaf, dhimmichi humna ofii agarsiisuufi dhiibbaa uumuu malee waraanatti seenuuf fedhiin hin jiru jechuun ibsu.

MM Abiy haala Sudaan waliin jiru ilaalchisuun ''waraana hin caamnetti hin seennu'' jechuun biyyattiin waraanatti seenuu akka hin barbaanne paarlaamaatti dubbataniiru.

''Mariidhaan furuuf carraaqqii keenya itti fufna.''

Osoo lolli ka'e maal fakkaata?

Obbo Abduraahmaan Itoophiyaafi Sudaan gama daanga waraana yoo seenan Masriin Sudaaniin deeggarurra kan darbe kallattiin hirmaachuu dandeessi jedhu.

Ta'us garuu Sudaan amma Masrii abdattee malee haala amma keessa jirtuu haa turuuti bara tasgabbii qabaachaa turtees humna waraanaa qabdi jedhee hin yaadu jedhu.

Dabalataan, Masriifi Sudaan yoo waliif goran Ertiraan Itoophiyaatti goruu malti jechuun xiinxaltoonni kaasan jiru.

Ministiroota dhimma Alaa Itoophiyaafi Turkii

Madda suuraa, Anadolu Agency

Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaan gama diinagdeen ala gama nageenyaatiinis Turkii waliin hariiroo cimsachuu barbaaddi

Dr Adam gama isaaniin erga lolli eegale booda maal akka ta'u hin beekamu, eenyu maal godha kan jedhu tilmaamuun nama rakkisa jedhu.

''Kaayyoon ijoo mootummaa Ertiraa TPLF balleessuu waan ta'ef xiyyeeffannoon Itoophiyaa gara Sudaanis ta'e kaanin akka qabamu hin barbaadu. Ertiraan hanga danda'amef Sudaan waliin nagaan akka bu'u barbaaddi,'' jedhu.

''Itoophiyaafi Sudaan gara Sudaan Kibbaa kan deemanis dhiibbaa uumuuf natti fakkaata.''

Gahee biyyoota kaani?

Xinxaltoonni lamaan gahee biyyoota kaanin wal hin galan. Dr Adam erga lola Tigraayi dippilomasiin Itoophiyaa laafuu ibsu. Obbo Abdurahmaan garuu ejjenoon Itoophiyaan Gamtaa Afrikaarratti qabdu kan Masriifi Sudaan kan caaledha jedhu.

Dabalataan, biyyoonni laga naayil gadii osoo lolli ka'e kallattiin hirmaatu dhabu jedhu. Ta'us, kallattiin Masriifi Sudaan deeggaru ilaalcha jedhu hin qabani.

Obbo Abdurahmaan immoo biyyoonni Gaanfa Afrikaa Itoophiyaa waliin gama teessuma lafaa, diinagdeefi hawaasummaa walitti hidhiinsa waan qabaniif ejjennoo Itoophiyaa waliin waliigalu qabaachuu malu yaada jedhu qabu.

Xinxaltoonni kunneen biyyoonni gurguddoo dhimma biyyoota sadan irratti qooda kallattii hin taane qabaachuu malu jedhu.

Itoophiyaan marii hidha Abbayyaa irratti dhiibbaa qabdu guddisuuf tasgabbii dhabuu biyya keessaa sireessuu akka qabdu Dr Adam amanu.

Kanaan ala gama daangaatiinis ta'e hidha irratti jijjiiramni ejjennoo dhalachuu danda'a jedhu. Kunimmoo deebi'e tasgabbii dhabuu biyya keessaa ni bal'isa yaada jedhu qabu.

Itoophiyaan tasgabboofte gama dippilomasiitiinis bu'aa argamsiisuu dandeessu jechuun himu.