Hidha Haaromsaa: 'Misoomni Itoophiyaa dantaa Masrii fi Sudaan miidhuu hin qabu'

Abdallaa Hamdook fi Musxafaa Madbuulii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hogganoonni lamaan Kaayirootti wal arganii mari'atan

Ministirri Muummee Masrii Musxafaa Madbuulii gita isaanii kan Sudaan magaalaa Kaayirootti simachuun waa'ee hidha haaromsaa Itoophiyaa, misoomaa fi siyaasaa waliin mari'atan.

Ministirri Muummee Masrii Musaxafaa Madbuulii dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa ilaalchisee hariiroo biyya isaanii Sudaan waliin qabdu cimee itti fufa jedhan.

Masrii fi Sudaan durii kaasanii mirga laga Abbayyaatti mirga seenaadhaan dhufee darbaa as ga'e qabu jedhan Ministirri Muummee Musxafaa Madbuulii.

''Masriin dantaa misoomaa Itoophiyaatti gufuu hin taatu, garuu ammoo akkaataa dantaa Masrii fi Sudaan hin miineen ta'uu qaba,'' jedhan.

Qondaalli kun kana kan jedhan marii gita isaanii kan Sudaan Abdallaa Hamdook waliin magaalaa Kaayirootti gaggeessan irratti.

Mariin qondaaltota kunneenii TV Masrii keessatti argamu 'Extra News TV' jedhamurratti kaleessa Bitootessa 11, kallattiidhaan darbaa ture.

Mariin dhimma hidha haaromsaa irratti gaggeeffamaa jiru akka xumuramuuf fedhii akka qaban kan himan Ministirri Muummee Musxafaa Madbuulii, ''Itoophiyaan garuu akkaataa dantaa biyyoota sadanii bu'uura godhateen deemuu qabdi,'' jechuun akeekkachiisan.

Akkaataa rakkoo hidha haaromsaan walqabatee jiru furuun danda'amurratti mari'achuu kan himan Ministirri Muummee Musxafaa Madbuulii, ''dantaa keenya mirkaneessuu keessatti qajeeltoon nuti hordofnu akkaataa dantaa Itoophiyaatti gufuu ta'uun ta'uu hin qabu,'' jedhan.

Mariin hidha haaromsaa rakkoo jiru furee akka xumuramus abdii fi ejjennoo qaban ibsaniiru.

Aab Madbuuliin waa'ee hidha haaromsaan achitti, dhimmoota misoomaa biroo kanneen akka tajaajila geejjibaa, misooma qonnaa fi jal'isii akkasuma misooma anniisaa irratti gitasaanii kan Sudaan waliin dubbachuu himaniiru.

Miidyaan biyya Sudaan, SUNA jedhamu akka gabaasetti, Ministirri Muummee Musxafaa Madbuulii biyyisaanii rifoormiiwwan diinagdee fi siyaasaa mootummaan Sudaan hojiirra oolchaa jiru akka tumsan ibsan.

Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook Bitootessaa 11 ture jila qondaaltota mootummaa olaanoo biyyattii qabatanii daawwannaa guyyaa lamaaf gara magaalaa Kaayiroo kan imalan.

Dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaarratti hariiroon Masrii fi Sudaan gidduu jiru dhiyeenya kana yeroo kamuu caalaa cimeera.

Dureewwan biyyoota lameenii dabalatee aanga'oonni olaanoon mootummaa tibbana wal-daawwachuu heddummeessaniiru.

Biyyoonni lameen Bitooteesa 02, 2021 gama humna waraanaan waliin qindoomanii hojjechuuf waliigaltee waliif mallatteessaniiru.

Masriin erga hojiin ijaarsa hidha haaromsaa eegalee Itoophiyaa waliin wal-qoollifataa fi wal-qoccolaa yoona geesseetti.

Mariin dhimma hidha haaromsaarratti mari'atamus sababa waldhibdee biyyoota sadan gidduu jiruuf hanga yoona bu'aa barbaachisu buusee hin xumuramne.

Masriin hidhi haaromsaa hamma bishaan na duraa hir'isa jechuun mormaa turteetti, Sudaanis dhiyeenya kana himannaa walfakkaataa dhiyeessuu eegalteetti.