'Sudaan sababa uumtee marii lafarra harkisaa jirti'- Ambaasaaddar Diinaa Muftii

Ambaasaaddar Diinaa Muftii

Madda suuraa, Ministeera Haajaa Alaa

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa marii dhimma hidha haaromsaa Guddicha Itoophiyaa Dilbata darbe mari'atamerratti waldhibdee yaadaa uumame ilaachisuun, Sudaan sababa adda addaa dhiyeessuun marii lafarra harkisaa jirti jechuun komateera.

Waggoota dheeraa dura eegalee hanga yoonaa yaada furmaataa kan hin dhiyeessin jiru, mariin dhimma Hidha Haaromsaa toophiyaa, Masrii fi Sudaan gaggeessaa jiran sadarkaa yaadaan walii galuu dhabuurra ga'eera.

Marii alanaa kanarrattis Sudaan gufuu taateetti kan jedhan Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii, rakkoo ulfaataan garuu akka hin jirre himan.

''Mariin kanaan wanti addaan baaneen, Sudaan ga'een ogeeyyii Gamtaan Afriikaa dhiyeessee sadarkaansaa olka'uu qaba, olguddachuu qaba yaada jedhu qabatte. Kanarratti nutis rakkoosaa hin qabnu, garuummoo ga'een ogeeyyii kun qajeeltoorratti hundaa'uu qaba, waanti jiru hundinuu akkuma jirutti ogeeyyii Gamtaa Afriikaatti kennamuu hin qabu. Qajeeltoo seeraatiin daanga'ee deemuu qaba ejjennoo jedhu qabdi Itoophiyaan.'' jedhan.

Mariin ji'a tokkoo oliif adda citee ture silaa kan torbee darbe mari'atamuuf ture torbee kanatti darbe.

Kunis sababa Sudaan dhiyeessiteeni jedhan Ambaasaaddar Diinaan.

''Torban darbe kan jedhame ogeeyyii Afriikaa waliin tokko tokkoon haasofnu malee hin ta'u jedhan, kana tole jedhee koreen hojii raawwachiiftuu Gamtaa Afriikaa marii kana mijeesse. Ammas ammoo deebi'anii kunis hin ta'u, inumaa seerri ittiin hojjetamu(bizarre) dhiyaatu malee hin ta'u jedhan. Kanarraa kaatee yoo ilaaltu, rakkoon hamaan jiraatee osoo hin taane dubbiin akka lafarra harkifatuufi fashalu gochuuf waan ta'eedha.''

Sudaan sababoota adda addaa dhiyeesuudhaan maricha tursiisuu barbaaddi kan jedhan Ambaasaaddar Diinaan, ''wanti isaan yaadan, ji'a tokko booda aangoon dura taa'ummaa Gamtaa Afriikaa amma jiru waan obba'uuf biyyi biraa dura taa'ummaa wayita fudhatu ammas jaarsummaa haaraa eegaluufi. Jaarsummaan Afriikaa hin hojjennee, kufee jira waan ta'eef gara biraa deemnaa yaada jedhutti deemuuf malee wanti cimaan sababa ga'aa qabaatan dhiyeessan hin jiru'' jedhan Amaabaasaaddar Diinaan.

Sudaan isa Itoophiyaan bishaan marsaa lammaffaaf guutuuf jetturratti waliif hin galle jedhama, Kanaan walqabatee yaadi ka'e tureeraa? gaaffii jedhuuf Ambaasaaddar Diinaan kana jedhan.

''Waa'een bishaan guutuu wanti ka'e hin jiru, dubbiin amma jiru haasaa kana akkamiin itti fufna kan jedhuudha. Kanumarratti sababa dhiyeesuun Sudaan adda ba'aa jirti malee waa'ee bishaan guutuu miti'' jedhan.

Kanaafuu amma waliigaltee malee adda erga ba'amee, fuulduratti maaltu ta'a, mariin itti fufamoo maaltu ta'a?

''Marii taa'amerratti gabaasi pirezidaantii Afriikaa Kibbaaf dhiyaata. Qaamni walga'ii kana dursaa ture Ministeerri Haajaa Alaa Afriikaa Kibbaa Pirezidaantii Afriikaa Kibbaaf gabaasa galchu. Pirezidaantichimmoo akka dura taa'aa Gamtaa Afriikaatti waanta itti aanu dhiyeessu jechuudha'' jedhan.

Komii biyyoota yaa'a gadii-Masrii fi Sudaan

Hidha haaromsaa

Madda suuraa, Reuters

Biyyoonni lameen Sudaanii fi Masriin osoo waliigalteerra hin ga'amin hidhi haaromsaa guutamuu hin qabu ejjennoo jedhu qabaatanis Itoophiyaan garuu ganna darbe hojii bishaan guutuu marsaa duraa milkaa'inaan xumuruu ibsitee turte.

Sudaan gamasheen adeemsi bishaan guutuu hidha haaromsaa marsaa lammaffaan kan eegalamu yoo ta'e hidhashee guddicha Rooziyar jedhamurratti dhiibbaa guddaa waan uumuuf jetteeti kan dhimmicharratti waliigaluu didde.

Hidhi Rooyizar hammi bishaanii inni qabatu kan hidha haaromsaarra dhibeentaa 10n gadi jira.

Barruun biyya Sudaan tokko Ministira Qabeenya Bishaanii fi Jal'isii biyyattii kan ta'an Pirofeesar Yaasir Abbaas dubbisuun akka gabaasetti biyyisaanii adda addummaa jedhame akka dhiphatu feeti, kunis karaa qaamolee mariisisuudhaan gidduu jiraniin raawwatamuu qaba.

Masriin gamasheen hidhi haaromsaa bishaan hedduu qisaasessa waan ta'eef hammi bishaanii biyyishee argattu akkaan akka waan hir'atuutti irra deddeebiin himachaa turte.