Masriifi Sudaan hidha Abbayyaarratti jaarsummaa idil-addunyaa gaafatan

Pirezidantii Masrii al - Sisii fi Ajajaa humnoota waraanaa Sudaan Leetanaal Jeneraal Abdulfattaa al-Burhaan waliin

Madda suuraa, Getty Images

Masriifi Sudaan marii waa’ee hidha abbayyaarratti ammallee jaarsummaan idl – addunyaa akka keessa qooda fudhatu gaaffii dhiheessan.

Guyyaa kaleessaa, Sambata, Pirezidantiin Masrii Abdul – Fattaah al – Sisii erga Omaar Hasan al – Bashir aangoorraa kaafaman booda Sudaan yeroo duraaf daawwatanitti biyyoonni lamaan ejjennoo kana kan ibsan.

Sudaan Gamtaa Afrikaan ala Gamtaa Awurooppaa, Ameerikaafi Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) taajjabbuu qofa osoo hin taane akka jaarsummaa keessa qooda fudhatan gaafatteetti.

Itoophiyaan garuu torban darbeefi isa durallee Gamtaa Afrikaa malee dhimma marii hidha Abbayyaa irratti qaamni biraa jaarsummaan akka qooda fudhatu hin feetu.

Torban kana keessa dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii marii jaarsummaa Gamtaa Afrikaan taasifamaa jiru kaan keessa qooda haa fudhatan jechuun ''gahee dhaabbatichaa kan xiqqeessudha'' jedhaniiru.

Abdel Fattaah al – Sisiin hoggantoota siviiliifi waraanaa Sudaan waliin marii qofaatti gaggeessaniiru. Kanaanis, hidha abbayyaa irratti ejjennoo walfakkaataa qabatan.

Gamtaa Afrikaan ala jaarsummaan qaamolee kanneen akka Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaafi UN haa jiraatu jedhaniiru biyyoonni kunneen.

Dabalataan, osoo waliigalteerra hin gahamiin Itoophiyaan ganna baranaa bishaan marsaa lammataaf akka hin guutne jedhaniiru.

Hidhi Abbayyaarratti ijaarame xumuramaa kan jiru yoo ta'u ganna darbe marsaan jalqabaa bishaan guutameera.

Itoophiyaan garuu Gamtaa Afrikaan ala jaarsummaa dabalataa hin feetu. Dabalataan, ganna baranaas bishaan marsaa lammaffaa guutuurra qaamni nu dhaabu hin jiru jedheera mootummaan Itoophiyaa.

Hidhaa Itoophiyaan waggaa 10 dura laga dheerinaan addunyaarratti guddicha ta'e Abbayyaarra eegalte Masriin yeroo dheeraaf mormaa turte.

Masriin bishaan laga Abbayyaarraa argamuurra jireenyi lammiilee kiyya hundaa'a jechuun mormii dhageessisaa turte.

Laga Abbayyaa keessaa 85% kan gumaachitu Itoophiyaan garuu lammiileen miiliyoona hedduu ta'an tajaajila ibsaa akka argatan barbaaddi.

Akka ekispartoonni jedhanitti hidhi Itoophiyaan ijaartu Sudaanif balaa lolaa xiqqeessa akkasumas tajaajila ibsaallee akka argattu gargaara.

Haa ta'u malee, booda kana Sudaan ejjennoo Masrii deeggarun mormii cimaa Itoophiyaa irratti dhageessisaa jirti .

Torban darbe biyyoonni lamaan waliigaltee wal - ta'umsa waraanaa kan taasisan yoo ta'u wanti kuni Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad irratti dhiibbaa uumuu mala.

Badhaafamaan badhaasa nagaa noobeelii sababa walqoodinsa biyya keessa jiruuniifi nageenyi dhibuun qeeqamaa jira.

Lolli naannoo Tigraayitti taasifame rakkoo deeggarsa namoomaa jabaa ta'e kan uume yoo ta'u Sudaan waliinis waldhiibdeen daangaa muuddama uumeera.

Mariin kana dura dhimma Abbayyaarratti taasifame furmaata barbaachisu hin fidne. Waggaa darbe Masriif loogdeetti jechuun Itoophiyaan waliigaltee jaarsummaa Ameerikaan qophaa'e diduun ishee ni yaadatama.

Pirezidantiin Ameerikaa yeroosi immoo deeggarsa maallaqa Itoophiyaaf kennamu dhorkuun ala dubbiin dubbatan Itoophiyaa biratti mufii guddaa uumuun isaa ni yaadatama.