Hidha Haaromsaa: Masrii fi Sudaan marii hidha haaromsaaf jaarsummaa DRC deeggaran

Masrii fi Sudaan wal dhabbii pirojeektii Hidha Haaromsarratti Itoophiyaa wajjin qaban hiikuuf marii godhamu Dimokiraatik Rippaabilika Koongoon akka dursitu deeggaran.
Ministeerri Haajaa Alaa Masrii Sameh Shukirii fi giti isaanii kan Sudaan Mariyaam Al-Saadiq akka ibsanitti, marii Gamtaa Afrikaan deeggaramu kan Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii, Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa itti hirmaatan ni deeggaru.
Ministeeronni biyyoota lamanii, marroo lammataaf kophaatti hidhichatti bishaan guutuun 'qooda bishaan' biyyoota lamaanii irratti kallattiin yaaddoo uuma jedhanii hubachiisan.
Pireezidantiin Masrii Abdulfattaa al-Sisii ministeera Sudaan wajjin wayita wal arganitti dhimmi hidhicha biyyoota lamaaniif dhimma ijoodha jedhe.
Gama kaaniin biyyoonni lamaan waliiglatee walta'iinsaa waraanaa mallatteessuu isaanii Tajaajilli Oduu Sudaan SUNAn gabaaseera.
Ajajaan humna waraanaa Masrii Kibxata daawwanna Sudaan wayita goolabanitti waliigaltee kana kan mallatteessan.
Marii hidha haaromsaa Dimokiraatik Rippaabilik Koongoon akka dursitu kan gaafatan pireezidantiin biyyattii Feliksi Tishikeedii dura taa'aa Gamtaa Afrikaa ta'uun ji'a darbe aangoo argachuusaanii hordofeetu.
Mariin dhimma hidha Haaromsaa baatilee darban Gamtaa Afrikaa fi US durfamee gaggeeffamaa ture firii hin buusne ture.
Itoophiyaan pirojeektii Hidha Haaromsaa doolara biliyoona 4.8 baasu kana madda annisaa elektirikii guddina dinagdee biyyattii utubuu isa ijoo ta'u beeksiste.
Taatullee biyyooti yaa'a lagicha gara gaditti argaman Masrii fi Sudaan hamma bishaanii argannu daran nu jalaa hir'isa jedhanii sodaachu ibsan.















