Daangaa Itiyoo-Sudaan: Sudaan sababii daangaatiin Itoophiyaa irratti lola banuu hin barbaadu jette

Ministera Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Ministera Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook

Ministirri Muummee motummaa Ce'umsaa Sudaan Abdallaa Hamdook, biyya ollaa keenyaa Itoophiyaa waliin waraannatti akka hin seenne ejjennoo ''hin sochoone'' qabna jedhan.

Miidiyaan biyyattii 'SUNA' jedhamu akka gabaasetti, Abdallaa Hamdook, dhimmi daangaa kun akkan yaadutti erga 1902 waan irratti waliigalamee turedhas jedhan.

Ministirri Muummee Sudaan kana kan dubbatan wayita ergamaan Gamtaa Awurooppaa fi ministira dhimma alaa Finlaandi, Peekaa Haavistoo waajjira isaaniitti simachuun waliin mari'ataniiitti.

Abdallaa Hamdook ergamaa Gamtaa Awurooppaa kana bakka ministirri dhimma kaabinee, Ambaasadar Omaar Maanis, Bakka Bu'aan ministeera dhimma alaa fi Ministirri Jallisii fi Qabeenya Bishaanii fi Ambaasadarri Gamtaa Awurooppaa jiranitti simachuun waliin dubbatan.

Ministirri Muummee Sudaan kunis, ejjennoo Sudaan dhimma hidha Guddicha Laga Abbayyaa irratti qabdu fi miidhaa inni Sudaan irratti qabaatu ilaalchisuun qondaalota Gamtaa Awurooppaatti himaniiru.

Itti dabaluunis, adeemsi marsaa lammaffaa hidhicha bishaanii guutuufi hojii oppireeshinii isaarratti osoo qaamoolee dhimmisaa ilaallatu irratti waliin waliigaltee irra hin gahiin raawwachuun, lammiilee Sudaan miliyoona 20 olii kanneen qarqara laga Abbayyaa jiraataniif miidhaa guddaadha jedhan.

Ibsa Minitirri Dhimma Kaabinee kunis kennaniin, daawwannaa guyyoota lamaa ergamaan Gamtaa Awurooppaa taasisaniin, waliitti dhufeenya gamtichaafi Sudaan jidduu fi dhimma wal dhabdee daangaa Sudaaniifi Itoophiyaa jidduutti umamee akkasumas waa'ee baqattootaafi hidha guddicha Itoophiyaa irratti kan xiyyeefate ture jedhan.

Haaluma kanaanis ce'umsa dimokiraasii biyyattii mirkaneessuuf caasaa aangoo isa murteessaa waan taheef mana maree seera baastotaa hundeessuun ariifachuu akka qabuu waamichas godheera.

Ergamaan addaa gamtichaa kunis boru baqattootaa Itoophiyaa buufata Gaadaariifiitti argaman erga doowwatanii booda aanga'oota Itoophiyaa akka wal arguuf ilaman eegama.

Wal dhabdee daangaa Itiyoo-Sudaan

Itoophiyaafi Sudaan daangaa dheerina Km 750 qabuu waliin qooddatu. Haata'u malee daangaan kuun haala ifa ta'een lafarratti hinsararamne.

Dhimmicharra irratti yeroogaraa garaatti mariiwwan gaggeefaman illeen osoo hinmilkaa'iin hafeera.

Dhiheenya keessa ammoo Itoophiyaan wayita loltoonni koo daangaa irraa ka'uun oppireeshinii seera kabachiisuutiif gara naannoo Tigiraayif bobba'aniitti loltoonni Sudaan daangaa koo seenuun lafa qabatan jete himatte.

Loltoonni Sudaaniifi Itoophiyaa daangaa irratti yeroo adda addaatti dhukaasa kan waliitti banan tahus, Dubbii Himaan Ministera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasadar Diinaa Muftii biyyi isaanii Itoophiyaan waraanattii akka hin gallee fi dhimmichi karaa nagaa wal hiikuu akka barbaaddu himaniiru.

Ambaasadar Diinaan loltoonni Sudaan irra deddeebiin daangaa Itoophiyaa seenuun oomisha qonnaan bultootaa saamuun lafa qabachu himaa turan.

Haaluma walfakkaatunis, amma MM Sudaanis Abdallaa Hamdookis wal dhabdee daangaa kanaaf jecha biyyi isaanii Itoophiyaa waliin waraanatti akka hin galle himaniiru.

Marii Itoophiyaan dhimma hidha haaromsaa doolaara biiliyoona afurii oliin ijaartu irratti Sudaanii fi Masirii waliin gaggeessaa turte walii galtee malee addaan citaa ture.

Itoophiyaan marsaa tokkooffaa hidhichaa baatiiwwan muraasaan dura raawwachunshee ni yaadatama.