Sudaan: 'Itoophiyaa waliin lola hin feenu, lafa keenya taakkuu tokko hin kenninu'

Madda suuraa, AFP
Ajajaan humnoota waraanaa Sudaan Leetanaal Jeneraal Abdulfattaa al-Burhaan Sudaan Itoophiyaa waliin wal waraanuu akka hin feene dubbatan.
Ibsa ajajoota waraanaa biyyattii sadarkaa meejar jeneraalaa fi birgaader jeneraalaarra jiraniif Roobii kennaniin, 'Itoophiyaa waliinis ta'e biyyoota ollaa kam waliinuu lola hin feenu garuu lafa daangaa Sudaan taakkuu tokkollee akka gadi hin dhiisnu' jechuu isaanii maddi oduu biyyattii SUNA gabaaseera.
Sudaan waliigaltee mirga seeraan qabdu eeguufirra gahuu fi daangaan akka sararamu feeti jedhan.
Itoophiyaan gama isheen Sudaan lafa baatii Sadaasaa keessa qabatte mara akka gadi dhiiftu gaafatteetti.
"Iddoo kamiyyuu yaa ta'u, [Sudaan] lafa Sadaasa 06 as qabatan yaa gadhiisan," jedhan dubbi himaan ministeera dhimma alaa Ambaasaaddar Diinaa Mufti ibsa Roobii kaleessaa (20,01,21) miidiyaaleef kennaniin.
Loltoonni Sudaan waraanni Itoophiyaa lola Tigraayiin ko'oommachuu daheeffachuun daangaa qaxxaamuruun lafa to'achuu fi qabeenya qonnaan bultootaa mancaasuu himatti Itoophiyaan.
Biyyooti lamaan lafa qonnaa al-Fashaga jedhamu daangaarra jiru irratti waggoota hedduuf wal falmaa turan.
Waraanni Sudaan lafa daangaa Sudaan keessa jiru qabate, kanas hoggansa siyaasaa naannoo sanii waliin qindoominaan raawwatani jedhan letanaal jeneraal Abdulfattaa al-Burhaan.
Kana gochuu isaaniittis loltoota Sudaan akkasumas uummati loltoota waliin dhaabbachuu isaaf galateeffataniiru.
'Waraanni bakka duriitti deebi'uu qaba'
Biyyooti lamaan walitti bu'iinsa uumamee yeroo gara garaa mariin furuuf yaaliin taasisan hin milkoofne.
Torban darbe Sudaan xiyyaarri Itoophiyaa daangaa ishee seenuu 'gocha hamaa' jechuun balaaleffatte.
Hidhattoonni Itoophiyaa haleellaa naannoo daangaatti raawwataniin lammilee nagaa shan ajjeesuus himaa turte.
Muddamni biyyoota lamaan jidduutti jabaachaa dhufe akka laaffatuu fi mariin furmaata akka dhahan UAE dabalatee biyyoonni kaanis waamicha dhiyeessaa turan.

Sudaan waliin gara lolaa seenuu fedhii akka hin qabne irra deddeebiin himaa kan turte Itoophiyaan mariif haal duree tokko lafa keesseetti.
Haaldureen Itoophiyaa tokko qofa ta'uu kan himan Ambaasaaddar Diinaa Muftii "ejjennoon Itoophiyaa loltoonni Sudaan gara iddoo duraan turtanitti deebi'anii mari'achuu dandeenya kan jedhudha" jedhan.
Kana malees dhimmi daangaa kun kanaan dura koreen hundaa'ee irratti mari'atamaa akka ture himuun, marichi iddoo itti dhaabbatee akka itti fufu gaafataniiru.
Biyyattiin lafa Sadaasa 06 bara 2020 booda qabatte haala kamiinuu kooti jechuu akka hin dandeenyes himaniiru.
'Qaama sadaffaa'
Muddamni Itoophiyaa fi Sudaan jidduu jiru kun fedhii mootummaa Sudaan osoo hin taane qaama sadaffaatu duuba jira jetti Itoophiyaan.
Ajajaa olaanaan Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa jeneraal Birhaanuu Juulaa Sudaan kiyyoo qaamni sadaffaan gara waraanaa akka seentuuf kaa'eefiin qabamuu hin qabdu jechuu FBC'n gabaaseera.
Wayita mootummaan Itoophiyaan Tigraay keessatti olaantummaa seeraa kabachiisaa turetti loltoonni Sudaan daangaa cabsaniiru jechuunis dubbatan.
Qaamni sadaffaa kun eenyu akka ta'e himuu baatanis galmi qaama kanaa ijaarsa hidha haaromsaa Itoophiyaa gufachiisuu ta'uu dubbatan.
Itoophiyaan michuu ishee yeroo dheeraa kan taate Sudaan waliin lola hin feetu kan jedhan jeneraal Birhaanuun, Sudaan kiyyoo kaa'ameef irraa maqxee gara nagaatti akka deebitu waamicha dhiyeessan.














