Sudaan naannoolee daangaa Itoophiyaarra 'balaliinsa xiyyaaraa dhorkite'

Sudaan kutaa bulchiinsoota ishee al- Qaadaariifi al-Fashaagaa kan daangaa Itoophiyaa irratti argaman irra balaliinsa xiyyaaraa dhorkite.
Akka Sudaan Tiribuun murtee Abbaan Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Sudaan Kamisa (Amajjii 14 bara 2021) baase waabeffachuun gabaasetti, naannoo qilleensaa bilchiinsoota al- Qaadaariifi al-Fashaagaa kanarra balalii'uun dhorkameera.
Kutaan bulchiinsootaa balaliinisi xiyyaaraa keessatti dhorkame kunneen lamaan Baha Sudaanitti kan argaman yoo ta'u, Itoophiyaa waliin kan wal daangessudha.
Sudaan Tiribuun dursaa Abbaa Taayitaa Sivil Aviyeeshinii Sudaan, Ibraahiim Adilaan eeruun akka gabaaseetti, murteen kun kan darbe erga xiyyaarri waraanaa Itoophiyaa naannoo qilleensa Sudaan qaxxaamuree galuunsaa Roobii ganama gabaafameen booda.
Taatee kanaafis Sudaan, ''waan haamaa fiduu mala'' jechuun Itoophiyaa akeekkachifte.
Walitti bu'inisi Sudaaniifi Itoophiyaa naannoo al-Faashaagaatti uumame torbanoota dhiheenya keessa hammaachaa dhufaa jira.
Waldhabdeen kunis kan cimaa dhufe erga Sudaan daangaawwan ishee kanneen waggoota 25'f to'annoo milishoota Itoophiyaa jala turan hundaa deebiftee qabachuu dhuma Muddee ibsiteen asidha.
Haata'u malee, Itoophiyaan daangaawwan ishee Sudaaniin qabamuu kan himattu yoo ta'u, Kaartum garuu himannaa kana ni haalti.
Dubbii Himaan Ministera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasadar Diinaa Muftii dhiyeenya BBCtti akka himanitti, loltootni Sudaan xiyyeeffannoon mootummaa Itoophiyaa ol-aantummmaa seeraa naannoo Tigiraayitti kabachiisuu irra tahuu hubachuun daangaa Itoophiyaa seenanii qabatan jedhan.
Dabalataan, qabeenya qonnaan bulaa laficharra tures saamaniiru jedhan.
Gama Sudaaniin ammoo loltootni Itoophiyaa loltoota Sudaan irratti haleellaa raawwatan kan jedhu jalqaba wal dhabdee kanarraa dhagahamaa ture.
Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook gita isaanii Itoophiyaa MM Abiy Ahimed waliin walgahii IGAD irratti wal arguun karaa nagaan hiikuuf mari'achuun isaanii gabaafamee ture.
Dhimmi daangaa Sudaaniifi Itoopiyaa waldhabsiise karaa nagaan akka furamu gochuun fedha mootummaa Itoopiyaa ta'uu dubbii himaan Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii himanii ture.
Waldhibdee kana keessa aanga'oonni olaanoon Sudaan muraasni fedha qabaachuu akka danda'an himanii, harka hedduu garuu ''qaama birootu duuba jiraa'' jedhan.
''Seeraan ala warra kana dhiibutu jira jennee amanna. Duubaan Itoophiyaafi Suudaan, Itoophiyaafi biyyoota hollaashee gidduu warra dhara hojjetutu jira,'' kan jedhan Ambaasaaddar Diinaan, qaama kana maqaan hin ibsine.
Itoophiyaan yaada loltoonni Sudaan lafa Itoophiyaa seeraan ala to'atan kana gadhiisanii rakkoo daangaarra jiru karaa nagaa furuuf dhiyeessiteef faara gaarii agarsiisaa akka hin jirree miidiyaaleen Sudaan gabaasaa jiru.
Yaadni kun fudhatama argachaa kan hin jirre ta'u ilaalchisee, ''warri didaa jiru fedhii uummata Sudaan kan tajaajilan miti, wanta Sudaan miidhudhaa,'' jedhan Ambaasaaddar Diinaan.















