Sudaanii fi Masriin waliigaltee walta'iinsa waraanaa mallatteessan

Waliigaltee hoogganoonni waraanaa Masriifi Sudaan Kaartuumitti mallatteessan

Madda suuraa, Getty Images

Sudaanii fi Masriin gama hoogganoota waraanaa isaanii marii marsaalee garaagaraatti gaggeessaa turan xumurun waliigaltee waldeeggarsa waraanaa mallatteessuu isaanii maddi oduu biyyattii SUNAn gabaase.

Waliigaltee tumsa waraanaa kana kan mallatteessan Itaamajoor shuumiin waraana Masrii Leeftanaant Janaraal Mohaammad Faareed xumura daawwannaa isaanii Kaartuum irratti.

Itaamaajoor Shuumiin waraana Sudaan Mohaammad Osmaan al-Huseen ''waliigalteen kun nageenya biyyaalessaa biyyoota lameenii cimsuuf gahee kan qabu ta'uu ibsan.

Tajaajilli oduu Chaayinaa Shiiniwaan dabalee akka gabaasetti Sudaan deeggarsa Masriirraa argattuuf galateeffatteetti.

Hoogganaan waraana Masrii biyyi isaanii Sudaan waliin gama hundaan hariiroo cimsachuu kan feetu akka ta'e ibsanii addatti ammoo waraanaa fi nageenyaa irratti akka xiyyeeffatan himaniiru.

Biyyoonni lameen waliigaltee waraanaa kana kan mallatteessan yeroo Sudaanii fi Itoophiyaan lafa Itoophiyaan Sudaan lola Tigraay daheeffattee na jalaa fudhatte jetturratti walitti bu'anitti.

Waliigaltee hoogganoonni waraanaa biyyoota lameenii Kibxata kaleessaa mallatteessan ilaalchisee gaazexaan Masrii Al-Haraam akka barreessetti biyyoonni lameen fedha biyyaalessaa isaanii bu'uureffachuun haala danda'amu hundaan wal tumsuuf waliigalteerra gahan jedheera.

''Yaaddoowwan waloo kan naannoo ta'an qabna. Kanaaf yaaddoowwan kana gama hundaan waliin taanee ofirraa ittisuu qabna'' jedhan hoogganaan waraana Masrii Mohaammad Fardii.

Guyyaa lama dura hoogganaan waraana Masrii gara Kaartuum akka dhufan beeksisee kan ture Ministeerri Ittisaa Sudaan waliigalteen kun akka mallateeffamu akeekee ture.

line

Masriif Sudaan ammaan dura shaakala waraanaa waliin ta'uun shaakalanii kan beekan yoo ta'u waliigaltee kanaan duubas shaakkalli waraanaa ni eegama.

Dhuma Torbee kanaattis jilli hooggansa Masrii olaanaan pireezidant Abdul Fattaa al-Siisiin durfamu daawwannaa hojiif Sudaan Kaartuum ni gala jechuun miidiyaaleen Masrii fi Sudaan gabaasaa jiru.

Biyyootni lameen hidha guddicha Itoophiyaan laga Abbayyaarratti ijaartee amma bishaan itti guutuu eegalte hanga bishaanii argannu nu jalaa miidha yaaddoo jedhu qabu.

Kanarraa ka'uunis fedha isaanii kana kabachiifachuuf sadarkaa adda addaatti waltumsaa jiru.

Biyyootni lameen Itoophiyaan marroo lammataaf hidha kana bishaaniin guutuu itti fufuun dura mariin qaamolee garaagaraa hirmaachisuufi jaarsummaa Gamtaa Afrikaan gaggeeffamu akka deeggaran beeksisaniiru.

Itoophiyaan gama isheen guutinsi hidhachaa hanga bishaan yaa'uu hin miidhu ejjennoo jedhu qabachuun guutinsa itti fufuuf qophaa'aa jirti.

Waliigaltee dantaa biyyaalessaa ishee miidhu keessa galuuf fedha akka hin qabnes ibsaa jirti.