Itoophiyaanfi Turkii: Hariiroo cimsachuun isaanii siyaasa Gaanfa Afrikaa keessatti maal akeeka?

Madda suuraa, Anadolu Agency
Itoophiyaan dhiheenya kana walitti dhufeenyi biyya Turkii waliin qabdu cimsaa dhufuun ishee waan akeeku qaba jedhu xiinxaltoonni. Keessumaa rakkoo amma biyyattii keessa jiruufi waan Gaanfa Afrikaatti ta'a jiru kaasu.
Ofii galmi Itoophiyaa maali jedhanii himu?
Imalli qondaaltonni Itoophiyaa walakkeessa baatii Guraandhalaa gara Turkii taasisan dippilomaatii gameessa biyyattiitin ''ergama milkaa'e'' jedhameera.
Jila Itoophiyaa gara Turkiitti imale kan hoogganan Ministirri Muummee I/aanaafi Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Mokonnin gita isaanii Turkii Mevlut Cavusoglu waliin mari'ataniiru.
Akka miidiyaan biyyattii Anadolu Agency gabaasetti dhimmi waldhibdee daangaa Itoophiyaafi Sudaan akkasumas haala nageenyaa irratti hariiroo cimsachuun dhimmoota irratti mari'atamedha.
Biyyoonni lamaan erga hariiroo dippilomasii eegalanii waggaa 125 yoo ta'u isallee walin kabajaniiru.
Akka xinxaltoonni jedhanitti adeemsi Itoophiyaa biyya Turkii gama diinagdeefi waraanaan Afrikaa waliin hariiroo ishee cimsataa jirtuu waliin hariiroo ishee cimsachuun galma kaayyeffate qaba [strategic] jedhu.
Siyaasa Gaanfa Afrikaatti madaallii humnaa [balance of power] jijjiirsisuu danda'a jechuunis ibsu.
Inistitiyuutii Giddugala Bahaatti Daarektarri Wiirtuu Qorannoo Turkii Gonul Tol imaammata bara 2015 bahe booda Turkiin humna ishee gara biyyoota biraatti bal'isaa jiraachuu ibsiti.
Turkii fi Itoophiyaa
Akkuma biyyoota Gaanfa Afrikaa biroo Itoophiyaafi Turkiin hariiroo seenaafi aadaan walitti isaan hidhuufi yeroo dheeraaf ture qabu. Bara Dargi hariiroon isaanii laafus, bulchiinsa ADWUI fi kan ammaa waliin garuu cimee itti fufeera.
Haa ta'u malee, yeroo dheeraaf walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii diinagdeerra kan bu'ureeffate ture. Akka Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Turkii Yaprap Alp jedhanitti, invastimantiin Turkiin Itoophiyaa keessatti qabdu dolaara biiliyoona 2.5'tti tilmaamama.
Kunis biyya guddina diinagdeen Ameerikaa morkataa jirtu Chaayinaatti aane, Itoophiyaa keessa biyya invastimantii guddaa qabdu ishee taasisa.
Akka Ministeerri Dhimma Alaa Turkii ibsutti dhaabbileen Turkii Itoophiyaa keessatti lammiilee 20,000'f carraa hojii uumaniiru. Kunis, 'dhaabbilee dhuunfaa hojjettoota danuu qacaran keessaa tokko taasisa,' jechuun ibsa.

Madda suuraa, Anadolu Agency
Gamoo Imbaasii haaraa Itophiyaan magaalaa Ankaaraatti yeroo eebbisiiste kan argaman Ministeerri Dhimma Alaa Turkii Mevlut Cavusoglu Itoophiyaan lola shororkeessummaa irratti qooda fudhataa jirtu akka jajaniifi, akka gargaaranillee himan.
Kana dura hariiroon biyyoota lamaanii diinagdeerra kan bu'uureffate ta'us akka Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii jedhanitti Itoophiyaan dhimma nageenyaarratti Turkii waliin hariiroo ishee cimsachuu barbaaddi.
Hariiroo Turkiin Masriifi Sudaan waliin qabdu
Hariiroo Itoophiyaan Turkii waliin qabdu cimsachuun hordofuuf waan nama si'eessu qaba. Kunis, hariiroo Masriin Turkii waliin qabdu laafuu isaati. Itoophiyaafi Masriin immoo dhimma hidha Abbayyaan muddama seeneera.
''Biyyoonni lamaan [Turkiifi Masrii] dhimmoota istiraatejikii kanneen akka qabeenya gaazii Baha Mediteraaniyaa, Liibiyaa yookiin Sudaan keessatti ejjennoo wal falmu qabu,'' jedhu Gaanfa Afrikaatti ekispartii kan ta'an Abdurrahmaan Sayiid.
Hariiroo Turkiin Sudaan waliin qabdu yoo himanis Obbo Abdurraahim bulchiinsa amma aangoorra jiru waliin hariiroon Turkii jijjiiramu ibsa.
Yeroo turtii bara pirezidantii duraanii Sudaan Omaar Haasan al - Bashir, Turkiin odola Suwaakim kan Galaana Diimaarra jiruufi gama siyaasaan murteessaa taate liiziidhaan fudhattee turte.
''Manni Maree Sudaan Masriifi Biyyoota Arabaa Gamtoomanii (UAE) waliin hariiroo cimsachaa jira. Biyyoonni lamaan kunimmoo Turkii waliin mormii qabu.
''Turkiin dhiibbaa Sudaanirratti qabdu dhabdeetti. Yeroo ammaa Masriitu Sudaanirratti dhiibbaa qaba, akkasumas hamma tokko UAE,'' jechuun himu.
Faallaatiin garuu, rogeessi akkasumas Yunivarsiitii Kiil UK argamutti kan barsiisan Dr Awwol Qaasim Aloo ''Turkiin ammallee Sudaan irratti dhiibbaa ni qabdi,'' jechuun ibsu.
Amma maalif?
Itoophiyaan lola Naannoo Tigraayitti mootummaa federaalaafi TPLF gidduutti eegale hordofee dhimmichi dhimma ijoo dubbii idil -addunyaa ta'eera.
Dabalataan, Sudaan waliin waldhibdee daangaa qabdi. Kunneen dhimmoota ijoo biyyattiin yeroo ammaa itti qabamteefi ko'essedha.
Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaatti Dubbii Himaa kan ta'an Ambaasaaddar Diinaa Muftii biyya ''sadaffaatu'' Sudaan dhiibee yeroo waraanni Itoophiyaa lola Tigraayirratti hirmaachuuf socho'e Sudaan lafa daangaa waldhibdeen irra jiru to'atte jedhan.
''Damee waraanaa Sudaaniin waraanni ololamaa jiru ummata Sudaan osoo hin taane qaama sadaffaa fayyada,'' jedha ibsi Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa baases.
Gama kaaniin, Sudaan Ertiraan Itoophiyaa waliin gorte jechuun himatti. Himannaa kana garuu Ertiraan hin fudhattu.

Madda suuraa, Anadolu Agency
Biyyoonni Lixaa hedduu lolli Tigraay keessaa eegale biyyoota Gaanfa Afrikaa kaan jeequ mala jechuun yaadda'aniiru. Xinxaltoonni kaanimmoo lola Tigraay keessa biyyi murteessitu Sudaani jechuun himu.
Rakkoon Itoophiyaan amma qabdu qaamolee idil - addunyaa affeereera. Kanaafimmoo Itoophiyaan michuu cimaa ishee barbaachisa jedhu xinxaltoonni.
Akka Awwol jedhutti hariiroon Itoophiyaan Turkii waliin qabdu cimsuu eegaluun ishee bu'uurri isaa ''rakkoo Itoophiyaan amma argaa jirturra ka'a'' jedha. Kanaaf adeemsa Itoophiyaa ''galma kan kaawwate [strategic]'' jechuun ibsa.
Rakkoo daangaa Itoophiyaafi Sudaan itti jiran Ambaasaaddar Diinaa Muftiin Miidiyaa Turkii Anadolu' tti akka dubbatanitti ''Yoo Turkiin jaarsummaa teesse, Itoophiyaan ni fudhatti,' jedhan.
Hariiroo Itoophiyaan Turkii waliin qabdu deeggarsa waraanatti ce'uu malaa?
Yeroo dhihootti hariiroon Itoophiyaan Turkii waliin qabdu garamitti akka guddachuu danda'u ammaaf ifa miti.
Awwol hariiroon ammaa waa argatanii waa kennuuf [transactional] irratti kan hundaa'edha jechuun ibsa. Kunis, dhiibbaa Turkiin Sudaan irratti qabdu irratti hundaa'a yaada jedhu kaasa.
Abduraahmaan garuu lola naannoo Tigraay fi muddama Sudaan jiru eeruun fuula duratti gara deeggarsa waraanaatti ce'u mala yaada jedhu qabu.
''Turkiin Itoophiyaarraa fagoo hin jirtu. Biyya Somaaliyaa magaalaa Moqaadishootti buufata waraanaa qabdi.''
''Turkiin waraanaan cimaa jirti keessumaa gama oomisha dirooniin [xiyyaara nama malee],'' jechuun oomishaalen Turkii waraana dhihoo Azarbaajaaniifi Armeeniyaa keessatti jijjiirama fidu himu.
''Kanarrattimmoo Itoophiyaan fedhii qabaachuu malti,'' jedhan.
















