Sudaan daangaa kiyya weerartee, dabalataaf dhaadatti jette Itoophiyaan

MM Aballaa Hamdoo fi Mm Abiy Ahimad

Madda suuraa, Getty Images

Sudaan daanga kiyya weerarte, qabeenya mancaastee, lammilee kiyyas buqqaaste, ammoo lafa dabalataa weeraruuf dibbee waraanaa dhawuutti jirti jechuun Itoophiyaan himatte.

Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa barreeffamma fuula tiwiitarii isaa gubbaa baaseen Sudaan kana gochuu isheen nagaa fi tasgabbii Gaanfa Afrikaa rakkoo keessa buusaa jirti jedhe.

Biyyoonni lamaan Sadaasa darbe lola naannoo Tigraay keessatti dhalate hordofuun naannoo daangaatti walitti bu'aa turan.

Itoophiyaan loltoonni Sudaan waraanni ishee lola Tigraayiin ko'oommachuu arganii daangaa cabsanii seenuun lafa Itoophiyaa weeraran jettee himatti.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Qondaalonni waraanaa Sudaan ammoo lafti isaan to'annoo jalatti deebifatan kan silaa Sudaaniif malu garu waggoota dheeraaf loltoota Itoophiyaan qabamee ture ta'uu himu.

Walitti bu'iinsa darbee darbee loltoonni Sudaan fi loltoota Itoophiyaa akkasumas milishaa naannoo Amaaraa waliin godhaniin, lubbuun namoota nagaa darbuu fi namoonni hedduun qe'ee isaaniirraa buqqa'uun gabaafamaa ture.

Itoophiyaan maal jette?

Sudaan dura teessuu IGAD taatee osoo jirtuu daangaa Itoophiyaa weeraruun nagaa fi tasgabbii Gaanfaa Afrikaa rakkoo keessa buusaa jiraachuun gaabbisiisaadha jedhe Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa.

Lafa Daangaa Itoophiyaa keessa jiru kan amma dura weerarte osoo hin xiqqaatiin lafa dabalataa weeraruufis qophiitti jirti jechuun Sudaan himata.

Sudaan loltoota ishee erga Sadaasa 6 bara 2020 as daangaa Itoophiyaa keessa jiran akka baastu hawaasni idil-addunyaa dhiibbaa akka irratti godhus gaafata.

Loltoonni Sudaan bahanii bakka duraan turanitti kan deebi'an yoo taate Itoophiyaan wal-dhabdee daangaa Sudaan waliin jiru tooftaa ittiin wal-dhibdee hiikan biyyootni lamaan amma dura qabaniin furuuf qophii ta'uus beeksise.

Waliigalteen bara 1972 biyyooti lamaan mallatteessan wal-dhibdeen daangaa hanga furmaata waaraa argatutti humna fayyadamuu fi lammilee iddoo jiranii buqqisuun dhorkaa ta'uu kan yaadachiise ministeerichi ammas kanumatti deebi'uun furmaata waaraa soquuf waamicha dhiyeesse.

Ka'umsi wal-dhabdee biyyoota lamaanii lafa qonnaa al-Fashagaa Kaaba-Lixa Itoophiyaatti naannoo Amaaraa fi naannoo Sudaan Gadareef jedhamu jidduutti argamudha.

Daangaa Sudaaniifi Itoophiyaan irratti wal dhaban

Itoophiyaa fi Sudaan jidduutti daangaa irratti waldhibdeen jiru waggoota dheeraa kan ture ta'us loltoonni biyyoota lamaanii daangaa irratti kallattiin yoo walitti dhukaasan arguun taatee barame hin turre.

Mootummaan Ameerikaa ibsa torban dura baaseen muddamni naannoo daangaa Itoophiyaa fi Sudaan jiru akka tasgabbaa'u biyyoota lamaaniif waamicha dhiyeessee ture.

Wal-dhibdee daangaa kanarratti dabalataan dhimmi hidha haaromsaa Itoophiyaa guddicha irrattis biyyoonni lamaan waliigaluu hin dandeenye.

Gaaffiiwwan Sudaan hidha kana irratti kaasaa turteef guutummaatti deebii kenneera kan jettu Itoophiyaan, Sudaan sababa ijaarsa hidhichaa mormituuf hin qabdu jetti.

Sudaan waggootaaf hidhi Haaromsa Itoophiyaan ijaaraa jirtu biyya isheef faayidaa akka qabu ibsuun dinqisiifataa turuu ministeerri haajaa alaa Itoophiyaa torbe darbe ibsa baaseen hime.

"Mormii akka hidhichi bishaaniin hin guutamneef Sudaan dhiyeessiterraa eenyutu fayyadamaa?" jechuun gaaffii gaafata.

Hidha Haaromsaa marroo lammataaf bishaan gutuuf qophiirra kan jirtu Itoophiyaan, bishaan guutuu osoo hin eegaliin dura, odeeffannoo wal jijjiiruun akka danda'amuuf Masrii fi Sudaan oggeessoota isaanii akka ergan gaafattee turte.

Kana biyyoonni lamaanuu hin fudhanne.

Mariin dhimmi kanarratti dura taa'ummaa Gamtaa Afrikaan marsaa gara garaaf gaggeeffamaa ture bu'aa hin buusne.