Murtee loltoonni Eertiraa Tigraay keessaa bahuu biyyoonni maal jedhan?

MM Abiy AHimad fi Pireezidant Isaayyaas Afawarqii

Madda suuraa, Ministeera Odeeffannoo Eertiraa

Ibsa waa'ee suuraa, MM Abiy Jimaata ganama Asmaraa irraa gara Itoophiyaa deebi'an

Loltoonni Eertiraa Tigraay keessaa akka bahan dhiibbaa gochaa kan turan Ameerikaa, UN fi biyyoonni kaan murtee loltoonni Eertiraa daangaa Itoophiyaa keessaa akka bahan murtaa'e tarkaanfii sirriidha jedhan.

"Loltoonni Eertiraa hatattamaa fi guutummaatti Tigraay keessaa bahuun lola naannicha keessa jiru qabbaneessuuf tarkaanfii barbaachisaadha" jedhe ministeerri haajaa alaa Ameerikaa, akka AFPn gabaasetti.

MM Abiy Ahimad, pireezidant Isaayyaas Afawarqii waliin erga mari'atanii booda mootummaan Eertiraa loltoota isaa daangaa Itoophiyaa keessaa baasuuf waliigaluu kan himan Jimaata darbe ture.

Loltoonni Eertiraa Tigraay keessatti sarbama mirgoota namoomaa 'yakka waraanaa' ta'uu danda'u raawwataniiru jedhamuun qeeqamaa jiru.

Komiishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa gabaasa guyyoota muraasa dura baaseen loltoonni Eertiraa Aksum qofa keessatti lammilee nagaa 100 ol ajjeesuu mirkaneessuu hime.

Eertiraafi Itoophiyaan loltoonni Eertiraa Tigraay keessatti lolaa jiraachuu waakkataa erga turaniin booda Kibxata darbe MM Abiy Ahimad loltoonni Eertiraa daangaa ce'uu ifatti dubbatan.

Eertiraan hanga ammaa loltoonni ishee daangaa Itoophiyaa keessa jiraachuus ta'e yakkoota loltoonni ishee raawwatan jedhame waakkataa jirti.

Biyyoonni maal jedhan?

Ameerikaa: Jalqabaa lolichaa irraa kaasee loltoonni Eertiraa Tigraay keessatti bobbaafamanii lolaa jiraachuu ragaa qabatamaa qaba jechaa kan turte Ameerikaan, loltoonni Eertiraa Tigraay keessaa akka bahan dhiibbaa guddaa uumteetti.

Loltoonni Eertiraa Tigraay keessaa akka bahan murtaa'uunis kan dhagaahame ergamaan addaa pireezidantii Ameerikaa seenatar Kiriis Kuuns dhimmuma kanarratti MM Abiy dabalatee aanga'oota Itoophiyaa waliin erga mari'atanii booda.

Ameerikaan loltoonni Eertiraa Tigraay keessaa bahuutti dabalataan lolli akka dhaabbatu dhiibbaa gochaa turte.

Akka AFPn gabaasetti loltoonni Eertiraa hatattamaa fi guutummaatti bahuun isaanii lola naannicha keessa jiru qabbaneessuuf akkasumas gutummaa Gaanfa Afrikaa keessatti nageenyaa fi tasgabbii deebisuuf tarkaanfii barbaachisaadha jedhe ministeerri haajaa alaa biyyattii.

UK: Yunaayitid Kiingidam gama isheetiin loltoonni Eertiraa Tigraay keessa ni bahu jechuu MM Abiy Ahimad akka gaaritti ilaalla jette.

Ministirri haajaa alaa UK Daaminiik Raab, "loltoonni Eertiraa hatattamaan, haal-duree tokko malee Tigraay keessaa bahuu isaanii arguu feena" jedhan.

Lolli akka dhaabbatu, furmaatni siyaasaa akka jiraatu fi deeggarsa namoomaaf danqaa malee ulaan akka banamu gaafatan.

Itti dabaluunis kanneen yakka raawwatan akka itti gaafataman hubachiisan.

Raashiyaa: Marii MM Abiy Ahimad pireezidant Isaayyaas Afawarqii waliin godhan hordofee, loltoonni Eertiraa murtaa'an kan oppireeshinii olaantummaa heeraa kabachiisuu mootummaa Itoophiyaan durfamaa ture keessaa qooda qaban daangaa Itoophiyaa keessa akka bahan murtaa'uu isaatti gammadneerra jedha ibsi imbasiin Raashiyaa Itoophiyaa jiru baase.

Waliigalteen kun hojiirra ooluun isaa Gaanfa Afrikaa keessa nageenyi waaraan akka jiraatu ni tumsa jennee amannas jedha ibsi kun.

Haala Tigraay keessa jiru itti dhiyeenyaan hordofna kan jedhe ministeerri haajaa alaa Raashiyaa, naannichi yeroo gabaabaatti haala idilee duraaniitti ni deebi'a jennee abdannas jedhe.

UN: Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii murtee loltoonni Eertiraa naannoo Tigraay keessaa ni bahu jedhuu akka gaariitti simataniiru jedhan dubbi himaan UN.

Namoota nagaa naannicha keessa jiran deeggarsa isaan barbaachisu akka argatan murteen kun hatattamaa fi qabatamaan hojiirra oolfamuu akka qabus hubachiisan.

1px transparent line

Loltoonni Itoophiyaa sababa TPLF'n haadhamaniif jecha daangaarraa socho'anii waan turaniif, loltoonni Eertiraa bakka loltoonni Itoophiyaa gadi dhiisan qabatnii jedhan MM Abiy Ahimad.

Dabalataan humnooti TPLF rokeettii gara Asmaraa dhukaasanii waan turaniif, Eertiraan haleellaa dabalataa akkasumas balaa nageenyaa akka biyyaatti irra gahuu danda'u qolachuufi jedhan.

Lolli naannoo Tigraay Sadaasa darbe humnoonni TPLF raayyaa ittisa biyyaa achi buufatanii turan haleeluu hordofee ajaja raayyaan ittisa biyyaa Itoophiyaa tarkaanfii akka fudhatu MM Abiy kennaniin eegale.

Aanga'ootni TPLF tarkanfiin raayyaa itti sa biyyaa achi ture irratti fudhatame tarkaanfii dursanii haleellaa ofirraa qolachuuti jedhu.

Lola kanaan namoonni kumaatamaan lakkaa'aman yoo du'an, miliyoonaan kan lakkaa'aman ammoo qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.