International Crisis Group: 'Qaamoleen waldhiban hanga nagaan hin mari'annetti lolli Tigraay ni hammaata'

Sirna baniinsa daangaa Zaalambassaa fi Humaraa-Omhajaar FUlbaana 2018

Madda suuraa, Fitsum Arega

Ibsa waa'ee suuraa, Sirna baniinsa daangaa Zaalambassaa fi Humaraa-Omhajaar Fulbaana 2018

Jaarmiyaan idil-addunyaa walitti bu'iinsa ittisuufi furuu irratti hojjetu 'International Crisis Group' haala naannoo Tigraay irratti xiyyeeffachuun gabaasa haaraa har'a [Jimaata] baase keessatti, rakkoo nageenyaa naannichaatiin yaaddoo guddoo akka qabu ibseera.

Lola naannoo Tigraayitti mudateen lammiileen akka malee dararamuu kan ibse jaarmiyaan kun, mootummaan Itoophiyaa iyya hawaasa idil-addunyaa dhagahuun gara furmaata barbaaduutti deemuu qaba jedhe.

Mootummaan Itoophiyaa jaarmiyaaleen deggersaafi qaamoleen dhiittaa mirga namoomaa raawwatame qoratan akka naannicha seenan, akkasumas loltoonni Eertiraa akka ba'an walii galus, qaamoleen waldhiban akka mari'atanii furmaata kaa'an kan jedhu garuu akkuma cufametti jira jedha ibsi jaarmiyaa kanaa.

Dhibdeen Tigraay keessatti mudate, rakkoo fala itti barbaaduun qormaata cimaa ta'eedha kan jedhu ibsi jaarmiyaa kanaa, mormii jabaan uummata Tigraay fi fedhiin mootummaan Itoophiyaafi Eertiraa qondaaltota TPLF balleessuuf waliin qaban waraana hamaaf kan daandii saaquudha jechuun sodaa qabu dabalee ibse.

Lolli asiin booda dhalatu ammoo kan Tigraayiin barbadeessuufi Itoophiyaaf kisaaraa guddaa ta'e, darbees ammoo Gaanfa Afriikaa kan tasgabbii dhorkuudha jedhe jaarmiyaan kun ibsa isaa keessatti.

Kun akka hin mudanneef qaamoleen waldhibdee qaban hunduu nageenya buusuun lammiileen miidhaman akka deggeraman haala mijeessuu qabu jechuunis dhaameera.

Qaamni hunduu dhukaasa dhaabuun nageenyaafi deggersa lammiileef dursa yoo kennan haasaa waliinii itti aansee ta'uuf daandii saaqaa deema jedhe jaarmiyaan kun.

Biyyoonni akka US, Gamtaa Awurooppaafi Gamtaan Afriikaa, akkasumas hawaasi idil-addunyaa waraanni dhaabbatee deggersi akka lammiilee bira ga'u; akkasumas qaamoleen waldhiban hundinuu akka mariidhaan dhibdee furan dhiibbaa gochuu qabu jechuunis dhaameera.

Akka gabaasa jaarmiyaa kanaatti, MM Abiy Ahmad qondaaltota TPLF waliin marii nageenyaa taasisuu yaada jedhu akka hin fudhanne waan ibsaniif, mariin karaa nagaa ammallee fagoo jira.

Garuu badii dhufuuf malu hubachuun karaa nagaatti deebi'uun ammarraa eegaluu qaba yaada jedhu dhiyeesse jaarmiyaan kun.

Pirezidaantiin Eertiraa Isaayyas Afaworqii qondaaltota TPLF cabsuun fedhiisaa yeroo dheeraa waan tureef loltootasaa salphaatti Tigraay keessa akka hin baasne sodaa qabus ibseera Crisis Group.

Dhimma loltoota Eertiraa irratti MM Abiy waadaa seenanitti cichuun Tigraay keessaa baasuu qabus jedheera.

Gama kaaniin qondaaltonniifi miseensonni TPLF, akkasumas hidhattoonni paartichaaf michuu ta'an lola Tigraay booda dhokatanii jiru, kan qabamaniifi ajjeefaman akkuma jiran kan riphanii jiranillee inuma jiru.

Duree paartichaa Dabratsiyoon Gabramikaa'el (PhD) dabalatee qondaaltonniifi miseensonni TPLF riphanii jiran deggersa uummataa qabaniin dhaadatu waan ta'eef, isaanis akkuma mootummaa Federaalaa mo'uusaanii himatu jedha gabaasi kun.

Haala kanaan lolli xumura dhabe kun gara badii kana caaluutti deemuu waan maluuf, kanneen walhimatan hunduu dhukaasa dhaabuun gadi taa'anii waliin dubbachuu qabus jedheera.

Yeroo ammaa naannoon Tigraay loltoota gosa afuriin burjaaja'aa jiraachuu kan eere gabaasi kun, baadiyyaa giddugala Tigraay, kibba, kibba bahaafi baha naannichaa waraanni TPLF riphanii jiru jedhe.

Karaa dhihaafi kibbaan milishaan naannoo Amaaraa, karaa bahaa, kaabaafi kaaba dhihaan loltoota Eertiraatu humna waraanaa Itoophiyaa deggeruun lolaa jiru jedheera.

Loltoonni Eertiraa heddummaachuun gara kibba biyyattiitti bobba'uun akka lolaa turan UN dabalatee qaamoleen garaagaraa gabaasaniiru jedhe Crisis Group.

Torban sadaffaa ji'a Bitootessaa darbe keessa pirezidaantiin US Joo Baayidan dhimma Tigraay ilaalchisuun MM Abiy akka dubbisaniif jila tokko erga gara Itoophiyaa erganii booda, MM Abiy loltoonni Eertiraa Itoophiyaa keessa jiraachuu amanan.

Isa booda Bitootessa 26,2021 gara Asmaraa erga imalanii booda, loltoonni Eertiraa daangaa Itoophiyaa gadi dhiisanii ba'uuf akka jiranis dubbatan.

Jaarmiyaa mirga namoomaa Itoophiyaa dabalatee dhaabbileen mirga dhala namaaf falman gareewwan hidhattootaa lola Tigraay keessatti hirmaatan afur dhiittaa mirga namoomaafi ajjeechaa lammiileerratti raawwatameef qoratamanii itti-gaafatamuu qabu jechuun himataniiru jedha gabaasi Crisis Group.

Biyya rakkooleen nageenyaa naannolee fi daangaarratti ishee mudataa jiru kana keessatti lolli Tigraayis kan itti fufu yoo ta'e badii guddaatu mudata jedhe.

Gabaasi Crisis Group kun rakkoo nageenyaafi komii uummataa naannolee Oromiya fi Beenishaangul Gumuz, akkasumas walitti bu'iinsa Sudaan waliin jirus akka yaaddoo guddaatti kaase.

Paartileen naannoo Oromiyaa filannoo irraa hafuun, filannoo biyyattiin Caamsaa keessa filachuuf jetturratti dhiibbaa guddaa qabas jedheera.

Kanaafuu, dhibdee naannoo Tigraayis ta'e bakkeewwan biroof furmaata marii nagaa qofa jedhe gabaasi kun.

Garuu dhiittaan mirga namoomaafi ajjeechaan qindoomina mootummaa Itoophiyaafi loltoota Eertiraan raawwatu, mufiifi falmii lammiilee Tigraayin dabaalamee yoo itti fufe; waraanni caalu dhalachuuf jira jechuun yaaddoo qabu ibseera jaarmiyaan kun.