Mooraa mana jireenyaa Hayyuu Duree ABO Obbo Daawud Ibsaatti maaltu ta'e?

Hayyu Duree ABO Obbo Daawud Ibsaa

Madda suuraa, Addis Standard

Manni jireenyaa Hayyuu Duree Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Obbo Daawud Ibsaa alkan darbe humnoota nageenyaa kan mootummaati jedhamaniin sakkatta'amu namoonni ijaan agarree jedhaniifi aanga'aan dhaabbichaa BBCtti himan.

Akka namni BBC irraa odeeffate kun jedhaniitti, Wiixata 3, 2021 halkan keessaa sa'aa sadii itrratti humnootiin nageenyaa motummaa gara mana jireenyaa Obbo Daawud deemuun balabala reebaa turan.

Akka namni haalicha itti dhiheenyaan hordofaa turuu himuun nageenyaaf jecha maqaansaanii akka hineeramne gaafatan kanaatti, ''Hulaan mana isaanii konkolaataan cufameera, namootni Obbo Daawud waliin jiraatan hidhamaniiru. Obbo Daawudii fi hojjettuu nyaata bilcheesituuf qofatu manatti hafeera.''

Manni Obbo Daawud humna nageenyaan marfamuu miidiyaa hawwaasaa irratti dubbii ijoo tahee bule.

Qondaalli ABO, Waaqoo Noolee haalaa naannawa mana jireenyaa Obbo Daawuud ture qaamooleen nageenyaa wayita mooraa reebaa turanii fi cabsanii seenaa viidiyoo waraabuun karaa Feesbuukii isaa maxxanseera.

Dubbii himaan ABO Lammii Gammachuu jalqaba dhimmicha kan dhageenye fuula feesbuukii qondaala ABO Waaqoo Noolee irraati jedhe.

''Sa'aatii sirrii waan hin taaneef hordofuufillee rakkisaa ture. Odeeffannoo qabnuun erga seenanii sakatta'anii booda meeshaa baay'ee fudhatanii deeman.

Kompiitera, dookimantiiwwanii fi moobaayila Hayyuu Duree fi eegdota dhuunfaa isaanii hunda fudhachuun deeman. Uffata dabalatee meeshaa garaagaraa fuudhanii deeman,'' jechuun BBCtti himan.

Obbo Lammiin odeeffannoo guutuu argachuuf akka isaan rakkise him hanga ammaatti waan nuyi beeknu odeeffannoo namoota achirra darbuun ilaaluuf yaalan irraa qofadha jedhe.

''Nageenya Hayyuu Dureef yaaddoo qabna, haala akkamii keessa jiran hin beeknus,'' jedhe.

Eegdota Obbo Daawud keessaa nama tokkoo fi dargaggoo Qeerroo jedhamu konkolaachisaa fi Obbo Daawud waliin jiraachaa ture akkasumas qondaala dhaabichaa Waaqoo Noolee fuudhanii deeman jedhe.

Eegdota Obbo Daawud duraan turan kaasuun eegdonni biraa ramadamuu, namni BBC'n irraa odeeffateefi nageenya isaaf jecha akka maqaan isaa dhahamu hin feene ni dubbata.

Akkasumas maddi kun daandii gara mana jireenyaa Obo Daawuud geessu irra namoonni darban akka sakatta'amanii fi achiin darbuuniyuu akka hin eeyyamamne hime.

Odeeffannoo miidiyaa hawaasaarra dhukaasni ture jedhuuf namni dubbisne kun soba ta'u BBC'f mirkanneessaniiru.

Hanga ganama har'aattis humni waraanaa naannicha akka jiru namoonni BBC'n dubbise himaniiru.

Itoophiyaatti halkan mana namoota siyaasaa deemuun sakkatta'uun haaraa tahu baatus, kana dura eegdota Jawaar Mahaammad halkaniin kaasuuf jedhamees rakkoon nageenyaa mudachuun ni yaadatama.

Dabalataan ibsa Dameen Dantaa Alaa ABO baaseen, ajaja mana murtii malee manni Hayyuu Duree dhaabichaa halkan sakkatta'amuu ibse.

Sakkatta'insa kana gaggeesuuf balbala mooraa mana jireenyaa cabsanii akka seenanii fi yeroo sana ibsaan naannichaa akka balleeffame ibsicha irratti eeraniiru.

Waan mudate kana maaliif akka tahee fi shakkiin akkamii akka jiru hubachuuf komishinii poolisii federaalaaf irra deddeebiin bilbillus milkaa'uu hin dandeenye.

Qondaalli paartii Badhaadhinaa Obbo Taayyee Danda'aa halkanuma edaa ''Gurmuun Shanee "Daawud Ibsaa waan marfameef Oromoon birmadhaafii" jedha. Ajaa'iba! Oromoon erga "Daawud Ibsaa nurraa hidhaa" jedhee ganna lama taruu hin dhageenye fakkaata!,'' jedhanii fuula Feesbuukii isaanii irratti barreessan.

Dubbii himaan komishinii poolisii federaalaa Jeeyilaan Abdii dura wal gahii irra akka jiran himanii booda ammoo itti deebinee bilbillaan bilbila hin kaasne.

Qondaalonni ABO miseensota koree hojii raawwachiistuu dabalatee hedduun isaani mana hidhaa jiru.

Haaluma walfakkaatuun ABO filannoo biyyaaleessaa torbanoota muraasaan booda gaggeeffammuuf jiru 'motummaatu na na dhiibe' jedhuun keessaa bahuunsaa ni yaadatama.