Pop Firaansis: Haleellaan mana keessaa dubartoota irratti gahu 'hojii seexanaan gadi miti' jedhan

Pop Firaansis

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pop Firaansis duruu haleellaa mana keessaa dubartootarratti raawwatu ni balaaleeffatu, kan Dilbataa garuu isa cimaadha

Paaphaasin Kaatolikii Firaansis haleellaa mana keessa dubartootarra dhaqqabu ''hojii seexanaan gadi miti'' jechuun jechoota cimaan balaaleeffatan.

Hoogganaan Mana Kiristaanaa Kaatoliki kana kan jedhan sagantaa biyya Xaaliyaanii TG5 network irratti gaafa Dilbataa darbeeni.

Pop Firaansis paanalii namoonni afur jireenya garagaraarraa dhufan, kanneen miidhaa mana keessarraa hafan of keessaa qabutti dubbataniiru.

Dubartoonni lakkoosi isaanii ''baay'ee baay'ee'' ta'an ''mana keessatti ni reebamu, dararamu'' jedhan.

''Anaaf rakkoon kuni hojii seexanaan gadi miti,'' jechuun nama ofirraa ittisuu hin dandeenyerratti raawwata jedhan. ''Kuni baay'ee nama cabsa.''

Dubartii Jovaanaa jedhamtuufi manatti rakkoo ishee qunnameefi ijoollee ishee afur dhiistee baate waliin dubbataniiru.

Dubartoonni haleellaan irratti raawwate kabajaa isaanii hin dhabne jedhan.

''Si keessatti kabajaan arga, silaa kabajaa hin qabdu ta'e asi jirtu turte,'' jechuun Pop Firaansis Jovaanaatti dubbatan.

Erga weerara koronaavaayirasii eegalee Pop Firaansis waa'ee haleellaa mana keessaa dubartootarra gahu irra deddeebiin dubbataniiru.

Yeroo uggurri ka'ame biyyoota hedduutti dubartoota irratti haleellaan raawwatu gabaafamaa ture.

Akka gabaasni UN biyyoota 13 irraa walitti qabetti, dubartoota gaafataman keessaa walakkaan erga weerarri eegalee haleellaan saalqunnamtii irratti raawwatu himan.

Yeroo weerara koronaavaayirasii kanayyuu abdii godhachuun akka danda'amu Pop Firaansis Jovaanaatti himan.