Qondaalli Ertiraa yaa'ii UN irratti haasaa Isaayyaas Afawarqii mufachiise dubbatan

Osmaan Saaleeh

Madda suuraa, UN

Ibsa waa'ee suuraa, Ministiirri Dhimma Alaa Ertiraa Osmaan Saaleeh yaa'ii UN 80ffaarratti argamuun haasaan taasisan mootummaa Ertiraa dallansiise

Ministiirri Dhimma Alaa Ertiraa Osmaan Saaleeh yaa'ii waliigalaa UN torban lama dura gaggeffamerratti haasaan taasisanii ture mootummaasaanii hin gammachiisne jedhame.

Qondaalli olaanaan Ertiraa kun mootummaa Ertiraa bakka bu'uuni yaa'ii UN 80ffaarratti haasaa kan taasisan. Haasaan Osmaan Saaleeh taasisan garuu Isaayyaas Afawarqii hin gammachiisne jedhame.

Ministiirri Ertiraa kun waan Isaayyaas mufachiise maal dubbatan?

Miidiyaalen Ertiraa haasaa ministiirri dhimma alaa biyyattii yaa'ii UN irratti taasisan guutummaan tamsaasaniiru.

Garuu haasaa qondaalichi taasisan keessaa bakka murteessaa ta'e miidiyaaleen Ertiraa keessaa hambisan.

Guutuunsaa garuu marsariitii UN irratti ni argama. Osmaan Saaleeh dubbiisaanii keessaa Isaayaas Afawarqii kan mufachiise, US qeequu isaaniti.

US qoqqobbii barootaaf Ertiraafi Kuubarra keesse akka kaastu qondaalli kun haasaa isaanii keessatti gaafataniiru.

"Tarkaanfiwwaniifi qoqqobbiin hacuuccaa Ertiraafi Kuubaa irraa hatattamaan akka ka'u waamicha goona," jechuun dubbatan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kuni ammoo mootummaa Ertiraa hin gammachiifne; sababni isaa Ertiraan bulchiinsa Tiraamp waliin hariiroo qabdu fooyyessuuf tattaaffii gochaa jirti kan jedhuuni.

Isaayyaas yeroo kanatti waan bulchiinsa Tiraamp mufachiisu akka dubbatamu hin barbaadu ture jedhama.

Dippilomaatii duraanii Ertiraa kan ta'an Zarasillaasee Radii Shikr haasaan qondaala Ertiraa rakkoo kan uumef walitti dhufeenya Isaayaas US waliin fooyeessuuf jedhu hammeessuu danda'a sodaa jedhurraa ka'ee ta'uu himu.

"Haasaan ministirichi UNtti taasisan rakkoo kan uumef Isaayaas bulchiinsa Tiraamp waliin hariiroo fooyyeffachuu waan barbaaduuf US mufachiisuu mala kan jedhuudha," jedhu.

Yaadi Osmaan Saaleeh dubbatan ilaalcha Isaayaas "dhimma idiladdunyaarratti qabaniin kan wal-fakkaatudha" kan jedhan dippilomaatiin duraanii kun, wal-tajjii UN irratti ejjannoo Ertiraa ibsuuf akka dubbatan kaasu.

"Wal-tajjii UN fayyadamuun dhiibbaan biyyoota akka [Ertiraafi Kuubaa] irra jiru akka ka'uuf sagalee ta'uuf dubbatan," yaadi Osmaan Saaleeh akka yaadatti rakkkoo akka hin qabne kaasu Zarasillaasee Radii.

Ministiirri Dhimma Alaa Ertiraa Osmaan Saaleeh yaa'ii UN irratti haasaa taasisaniin Ertiraa qofaa osoo hin taane qoqqobbiin waggaa 60 ta'uuf Kuubaarra kaa'ame akka ka'uuf gaafachuun US qeeqan.

Bulchiinsi Tiraamp akkuma aangotti dhufeen qoqqobbiiwwan bara Baayidan Kuubarraa ka'an deebisee jabeesse.

Ertiraan ammoo keessumaa waraana Kaaba Itoophiyaatti ishee hirmaachise hordofee sarbama mirga namaa raawwatte jechuun USfi Gamtaan Awurooppaa qondaalota waraanaafi nageenyaa isheerra qoqqobbiin kaa'ame.

Osmaan Saaleeh yaa'ii UN booda Dhimmoota Afrikaarratti Gorsaa Olaanaa Tiraamp kan ta'an Masaad Faarees waliin wal-arguun mariyachuutu ibsame-kunis hariiroo biyyoota lamaanii deebisanii haaressuuf akka ta'etu himama.

Gama biraan ammoo Osmaan Saaleeh haasaa yaa'ii UN irratti waa'ee Israa'elifi Filisxeem osoo hin kaasin hafuunsaanii ijoo ta'eera.

Kanaan dura Isaayyaasa Afawarqiis ta'ee Osmaan Saaleeh yaa'ii UN irratti argamuun yeroo garaa garaa Filisxeem deeggaruun haasaa taasisuunsaanii ni beekama.

Waa'ee muddama Gaanfa Afrikaatti Itoophiyaafi Ertiraa gidduutti dhalatee ilaachisee yaada ifa ta'e osoo in dhaiyeessin hafuusaniif Osmaan Saaleeh komatamaniiru.

Gamtaa Awurooppatti ambasaaddara duraanii Ertiraa kan ta'an Andebirhaan Waldagoorgis: "duumessa waraanaa Ertiraa marsee jiru osoo hin kaasin hafuunsaa, yaaddoo Itoophiyaan Ertiraa irratti uumaa jirtu osoo hin eerin hafuunsaa [isa komachiisa]," jechuun BBCtti himan.

Osmaan Saaleeh haasaa UN irratti taasisaniin komiin irratti ka'us barreessaa olaanaa UN Antooniyoo Guteereez wajjin wal-arguun waa'ee nageenya Gaanfa Afrikaa dubbataniiru jedhama.