Itoophiyaan dubbii Masiriin dhimma Hidha Haaromsa Mana-murtii Idil-addunyaattin geessa jetteef deebii kennite

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Itti-aanaa bakka bu'aa Itoophiyaa kan ta'an Yoseef Kaasaay

Madda suuraa, UN

Dhimma Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa irratti dhaadachaa kan turte Masiriin 'GERD' [Itoophiyaa] mana murtii idil-addunyaattan dhiyeessa jette.

Ministirri Dhimma Alaa Masirii Badir Abdellaatiin tibbana Kora UN irratti yoo dubbatan, Itoophiyaan lubbuu miliyoonotaa biyyoota yaa'a Abbayyaa irra jiran lamaa balaarra buusteetti jechuun dubbatan.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Itti-aanaa bakka bu'aa Itoophiyaa kan ta'an Yoseef Kaasaay deebii dubbii ministira dhimma alaa Masiriif kennaniin, "dubbii Masiriin dhimma Hidha Haaromsaa Abbayyaa ilaalchisuun dubbatte kan bu'uura hin qabneef dorgoggorsudha," jechuun harkati busheessan.

Masiriin, "waa'ee Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaa himannaa amanamoo hin taane irra deddeebiin Mana-maree Dhabbata Biyyoota Gamtoomaniitti dhiyeessiteetti," jedhan itti dabaluun Badir Abdellaatiin.

Ministirichi Sudaanii fi Masirii eeraniiru. ''Itoophiyaan hidhicha bishaaniin guutuun waan Masiriin mirga ishee dagatte itti fakkaateera,'' jedhan.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Itti aanaan Bakka Bu'aa Dhaabbataa Ityoophiyaa Jooseef Kaasaay gama isaaniitiin Itiyoophiyaan irra deddeebiin Hidhichaaf deebii seeraa fi qajeeltoowwan idil-addunyaa waliin walsimuun akka laatte hubachiisaniiru.

Ambaasaaddar Jooseef itti dabaluudhaan, "garaagarummaan imaammata Itoophiyaa wal tumsuurratti hundaa'uufi ejjennoo goolii uumuu Masriin qabdu gidduu jiru ifaadha" jedhan.

Ityoophiyaan laga Abbayyaa irratti ejjennoo qabdu seera addunyaa fi wal qixa qaqqabummaa irratti kan hundaa'e ta'uus ibsaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itoophiyaan waliigaltee dhaabbataa tokkorra osoo hin gahiin murtee ofii isheen hidhicha bishaaniin guutte jechuun himatan.

Dubbiin Ministirichaa erga Itoophiyaan Hidha Haaromsaa Guddicha waggoota 14'f ijaarsisaa turte sirna ho'aan eebbisiiftee booda dhagahame.

Itoophiyaan ammoo ibsa karaa Raayyaa Ittisa Biyyaa tibbana baasteen faayidaa biyyaalessaa kabachiisuuf qophii tahuu himte.

Itti fayyadama bishaanii fi gaaffii ulaa galaanaa kabachiisuuf qophii tahuu eereera ibsicha keessatti.

Itoophiyaan imaammata gar-tokkee hojiirra oolchuun Gaanfa Afrikaa fi biyyoota Baha Yaa'a Abbayyaa jeeqaa jirti'' jedhan.

''Masiriin biyyoota yaa'a Laga Abbayyaa qooddatan waliin hariiroo cimaa uumuuf hojjechaa turte. Misooma waloos ni deeggarti. Lagni Naayil madda badhaadhummaa fi guddina hunda keenyaati,'' jedhan Abdellaatiin.

Itoophiyaan garuu seera idil-addunyaa cabsuu filatte. Waliigaltee waloo malee ofumaaf imaammata Gaanfa Afrikaa fi Biyyoota Baha Naayil jeequ hordofte'' jechuun himatan.

Min. Dhimma Alaa Masirii, Badir Abdellaatii

Madda suuraa, Getty Images

Guyyaa Itoophiyaan hidha kana eebbisiiftu Masiriin ''Tarkaanfii seeraan alaa Itoophiyaan fudhatte'' jechuun xalayaa tokko Mana Maree nageenyaa UN'f galchiteetti.

Itoophiyaanis Laga Abbayyaa %85 akka gumaachitu himuun akkuma Masiriin hidha Aswaan irraa fayyadamtu Hidha Haaromsaa irraa humna ibsaa fi misoomaaf fayyadamuuf mirga guutuu akka qabdu ibsiteetti.

Masiriin dhimma laga Abbayyaa irratti waliigaltee bara kolonii tureen buluu barbaaddi. Waliigalteen kun dhimma Laga Abbayyaa ilaalchisee mirga guutuu Masiriif qofa kenna.

Itoophiyaan waliigaltee ''dulloomaa'' akkasiin mirga akka biyyatti qabeenya ishee irratti qabdu dhabuu akak hin barbaanne ibsaa turte.

Xalayicha irratti Masiriin waggootaaf karaa dippilomaasii fi dhaabbilee idil-addunyaa adeemuun ''hamma danda'ame of qusachaa turuu'' agarsiifteetti jette.

Tarkaanfii akkasii fudhachuun keenya ''dadhabina irraa kan ka'e osoo hin taane'' biyyoota yaa'a laga Abbayyaa hundaaf waliigaltee waloorra gahuuf akka mijatuuf jette.

''GERD' Mana murtii Idil-addunyaattin geessa'

Masiriin kana booda akkaataa seera idil-addunyaatti tarkaanfii seeraa fudhachuun dhimmicha gara mana murtii idil-addunyaattin geessa jette.

''Isas tahu yoo Itoophiyaan seerota idil-addunyaa sana kabajjedha'' jedhan.

"Yoo qaamni seerota idil-addunyaatiif bitamu jiraate dhimma kana mana murtii idil- addunyaatti karaa fudhachuu dandeenyurratti qophii guutuu gooneerra. Yoo dhuguma qaamni seerota kana kabaju jiraateefi, garuu qabatamaatti tahees argamees hin beeku'' jechuun Itoophyaa himatan.

Faayidaa keenya kabachiisuufis tahe humna isaa itti qabna jedhan.

Masiriin hidha Itoophiyaan hojjette kana ilaalchisee bara 2020, 2021 fi 2025 Mana Maree Nageenyaa UNtti Itoophiyaa himatteetti.

Kora UN 80ffaa irratti bakka bu'aa Itoophiyaa

Madda suuraa, UN

Itoophiyaan UNtti karaa bakka bu'aa ishee ''dhugaa irratti hundaa'uun deebii barbaachisaa tahe himata Masiriif kennuun Mana Maree nageenyaa UN'f ergiteetti'' jette.

Itoophiyaan hariiroo Itoophiyaa, Sudaanii fi Masirii jabaatee akka itti fufuuf tarkaanfii hundaa fudhatteetti jette.

Itoophiyaan seera idil-addunyaa itti fayyadama haqa qabeessaa fi wal qixa tahe eeyyamu hordofti.

Masiriin garuu mirga seenaa keessatti qabdu [kan bara kolonii dhuunfaatti akka fayyadamtu taasisu] kaasti. Masiriin waliigaltee bara kolonii hordofti. Itoophiyaan humna ibsaa, fi misooma adda addaaf hidhicha fayyadamuu barbaaddi,'' jechuun deebiste.

Itoophiyaan dizaayinii fi oppireehsinii isaa irraa eegaluun Masirii mariisisiaa Hidhicha ijaaruu jalqabde jedhan.

Masiriin hidha Aswaan kan bishaan isaa dachaa sadiin Hidha Haaromsaa nuyi ijaarre caalu ijaarteetti.

Itoophiyaan waliigaltee waloo irra gahuuf marsaa hedduu marii gaggeessaa turuu kan himan dippilomaatiin Itoophiyaa Masiriin garuu laga Abbayaa qofuma to'achuuf fedha waan qabduuf waiigalteerra gahuuf fedha hin agarsiisne jette.

Itoophiyaan biyyoota ollaa fi yaa'a laga Abbayyaa irra jiran waliin hariiroo gaarii ijaaraa jiraachuu himti. Tasgabbii fi nageenya biyyoota ollaa waliin uumuuf hojjechaa jiraachuus dubbatti.

Shororkeessitoota waraanuun nageenya Gaanfa Afrikaa keessatti qooda olaanaa bahachuu kan himte Itoophiyaan, Masiriin garuu naannicha jeequuf meeshaa waraanaa gara biyyoota ollaashee gara Kibbaa fi Lixaatti fe'uun jeeqaa jirti jechuun himatte.