Raayyaan Ittisaa faayidaa biyyaa kabachiisuu keessatti 'sodaa dhufu kamuu' qolachuuf qophiidha- Dubbi himaa

Miseensota Raayyaa Ittisaa hiriiraan

Madda suuraa, PMO/FB

Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa adeemsa faayidaa biyyaalessaa kabachiisuu keessatti ''muddamni nageenyaan walqabatu'' kamuu yoo uumame qolachuuf qophii ta'uu ibse.

Ibsa kana kan kennan dubbi himaan Raayyaa Ittisaa Birgaader Jeneraal Geetinnat Adaanee faayidaalee biyyaalessaa jedhanii akka fakkeenyaatti kan eeran ''mirga bishaanitti fayyadamuu'' fi ''gaaffii ulaa galaanaa'' eeran.

Hoogganaan Qajeelcha Humna Namaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Leetenaal Jeneraal Achaaluu Shallamee, dhihoo kana guddinni gulantaa ajajoota olaanoo miseensota raayyichaaf kenname ''ergamaa fi dirqama dabalataa ilaalcha keessa kan galchedha,'' jedhan.

Jeneraalonni lameen guddina gulantaa aanga'oota olaanoo miseensota Raayyaa Ittisaa Itoophiyaaf tibbana kennamerratti ibsa kan kennan Jimaata kaleessaa (Fulbaana 26, 2025) gaaffii fi deebii Tajaajila Oduu Itoophiyaa irratti taasisaniin ture.

Torban dura (Fulbaana 20, 2025) aanga'oota waraanaa Ministirri Muummee Abiy Ahmad dhiheessan 66'f guddinni gulantaa kennameera.

Aanga'oota waraanaa olaanoo Pirezidantii biyyattii Taayyee Atsqesillaasee harkaa badhaasa guddinaa fudhatan keessaa afur gulantaa jeneraalaa argataniiru.

Kanaan dura gulantaa leetenaal jeneraal irra kan turanii fi gorsaa olaanaa Itaamaajoor Shuumii Humna Waraa Itoophiyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Julaa kan ta'an Alamisheet Daggifee fi Raayyaa Ittisaatti hoogganaan damee injinariingii Dastaa Abbichee kanneen gulantaa jeneraalaa argatan keessaati.

Hoogganaan damee barnootaa fi leenjii Yimar Makonnin fi hoogganaan damee Inispekshinii Raayyaa Ittisaa Dirribaa Makonnin gulantaa jeneraalummaatti guddataniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Leetenaal Jeneraal Acaaluu Shallamaa guddinni gulantaa kun adeemsa seerotaa fi qajeeltoowwan Raayyaa Ittisaa hordofee kenname jedhan.

''Dirqama loltummaa sirnaan ba'achuun, dandeettii hooggansaa, ga'umsaa fi naamusi akkasumas seera kabajuun,'' ulaagaalee guddina kana kennuuf murteessoo ta'anidha akka qondaala waraanaa kanaatti.

Qondaalonni waraanaa guddina gulantaa argatan kunneen ''kan haqaa fi walqixxummaan Itoophiyaa bakka bu'an akka ta'an, akkasumas ''bakki muudamaa banaan jiraachuun'' ilaalcha keessa galfamuun muudamni kun raawwachuu ibsan Leetenaal Jeneraal Acaaluu Shallamaa.

''Muudamni kun dirqama fuulduratti jiraatu baadhachuuf qophii ta'uu'' akka ta'es ibsaniiru.

Qondaalonni waraanaa muudama kana fudhatan ''dirqama dabalataa fi ergama haaraa dhufu baadhachuuf qophaa'uun akka irraa eegamu ilaalcha keessa galfameera,'' jedhan aanga'aan waraanaa Itoophiyaa kun.

Daarektarri Quunnamtii Hawaasaa Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa Geetinnat Adaanee guddina gulantaa waraanaa tibbana kennameen gara Birgaader Jeneraalitti guddataniiru.

Muudamni kenname kun ''qophaa'ummaa waraanaa'' kan cimsuu fi ''ergama fuulduratti jiraatuuf'' waan gaarii akka ta'e ibsan Birgaader Jeneraal Geetinnat.

Hoogganaa Humna Namaa Raayyaa Ittisaa Leetenaal Jeneraal Acaaluu Shallamaa (bitaa) fi Dubbi himaa Raayyaa Ittisaa Birgaader Jeneraal Geetinnat Adaanee (mirga)

Madda suuraa, ENA

Ibsa waa'ee suuraa, Hoogganaa Humna Namaa Raayyaa Ittisaa Leetenaal Jeneraal Acaaluu Shallamaa (bitaa) fi Dubbi himaa Raayyaa Ittisaa Birgaader Jeneraal Geetinnat Adaanee (mirga)

Birgaader Jeneraal Geetinnat Adaanee guddinni sadarkaa kun gama "dantaa biyyaalessaa kabachiisuu" fi "abbaa biyyummaa cimsuutiin'' ilaalamuu qaba jedhan.

Dubbi himaan kun akka jedhanitti, yeroo ammaa dhimmoonni mootummaan ''dantaa biyyaalessaa'' jedhee irratti xiyyeeffatee jiru ''mirga bishaanii'' fi ''dhimma ulaa galaana'' dabalata.

Akkasumas "waarshaalee boba'aa, buufataalee anniisaa niwukilaraa fi indaastiriiwwan xaa'oo hundeessuun" ajandaawwan mootummaan qabatee jiru.

Birgaadeer Jeneraal Geetinnat "Mootummaan ummataan filame 'kun dantaa biyyaalessaa ani galmaan gahuu barbaadu' hanga jedhetti humni waraanaallee milkaa'ina ajandaa kanaaf qophaa'uu qaba," jedhan.

Qophiin jalqabaa Raayyaan Ittisa Biyyaa adeemsa ajandaalee mootummaa hojiirra oolchuu keessatti taasisuu malu "garafilannoo humnaatti deebi'uu" waliin kan walqabatu ta'uu ibsan.

"Mootummaan fi ummanni Itiyoophiyaa dhimma kana yommuu kaasan, 'karaa nagaa ta'een furra' jedhu. Garuu kana keessatti rakkoon nageenyaa (security dilemma) jira,'' jechuun adeemsa keessa rakkoon nageenyaa uumamuu akka danda'u akeekaniiru.

"Itoophiyaan ajandaa kana kan kaafteef wanti kun ta'a' jechuun wanti filannoo humnaatti deemu yoo jiraate, waraanni qophaa'uu qaba," jedhan.

Qophiin waraanni taasisu ''ergamaa fi ajaja mootummaa kan bu'uureffate,'' ta'a jedhan.

Dubbi himaan Raayyaa Ittisaaa Itoophiyaa kun ibsa kana kan kennan yeroo Itoophiyaan dhimma ulaa galaanaa xiyyeeffannaashee isa olaanaa godhattee jirtutti.

Ministirri Muummee Abiy Ahmad torban darbe ALI Fulbaana 6, 2018 haasaa taasisaniin, Itoophiyaan ''bara baraan lafaan daangeffamtee, hidhamtee'' akka hin hafne dubbataniiru.

Ministirri Muummee Abiy Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuun ''waan hin oolleef'' qaamni mari'achuuf fedhii qabu yoo jiraate akka of qopheessu gaafataniiru.

Itoophiyaan waggoota shanan darban ulaa galaanatti ishee baasu argachuuf ''kadhachaa'' turuufi ammallee karaa nagaa gaafachuu akka itti fuftu dubbatani.