Itoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa tahuun maal fayyada?

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaan waggoota dheeraaf miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa osoo hin tahiin turte. Kun dinagdee biyyattii fayyaduuf moo sodaa irraa kan dhufedha?
Dhaabbanni Daldala Addunyaa miseensota 166 qaba. Dhiyeenya miseensa 165ffaa tahuun kan itti makamte ammoo Komoroosidha.
Daldala addunyaa irratti gaggeeffamu keessaa %98 kan qabatu daldala miseensota kanneen gidduutti gaggeeffamudha. Itoophiyaan akkamiin miseensummaa dhaabbata kanaa dhabdee turte? Amma gaaffiin dhiyeesitehoo maal irra jira?
Bara 2026 jalqaba irratti Itoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa [WTO] tahuun ishee akka mirkanaa'u himamaa jira.
Ministirri Daldalaa biyyattii Kaasahun Gofee, gaaffii Itoophiyaan miseensa dhaabbata kanaa tahuuf waggoota dura dhiyeessite amma sadarkaa dhumaarra gahuu miidiyaaleetti himaniiru.
Itoophiyaan qophii fi haaromsa dinagdee hedduu waggootaaf gochaa erga turtee amma yerootti dinagdee biyyattii sirna daldala idil-addunyaa keessa galchitu akka tahe himan.
Itoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa tahuuf jalqaba gaaffii kan dhiyeessite bara 2003dha jedha odeeffannoon WTO irraa arganne.
Ergasii haaromsa imaammata daldalaa fi dinagdee hedduu gaggeessiteetti. Kun ammoo ulaagaa dhaabbatichi gaafatu keessaa tokko.
Miseensa 'WTO' tahuuf ulaagaa akkamii gaafata?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Miseensa Dhaabata Daldala Addunyaa tahuuf biyyi kamiyyuu gabaa ishee biyyoota miseensa dhaabbatichaa tahaniif banaa gochuu qabdi jedhu ogeessi dinagdee Obbo Marid Tulluu.
Mootummaan Itoophiyaa dhaabbilee faayinaansii dabalatee dhaabbilee hedduu mootummaan qabamanii turan gara abbootii qabeenyaa dhuunfaatti deebisaa jira.
Haaromsi dinagdee biyya keessatti Itoophiyaan gochaa jirtu akka haal-duree tokkootti gargaara.
Damee faayinaansii haaromsuu, baankota alaa akka biyya keessa galan gochuuf haala mijataa uumaa jiraachuu, damee telekoomiin kaampanotni alaa akka biyya keessa galan gochuu fa'aa isaan muraasa mootummaan Itoophiyaa haaromsaa jiru keessaati.
Itti dabaluun fooyya'insi imaammataa akka barbaachisu kan himan Obbo Marid dhaabbileen alaa biyya keessa galanii dhorkaa malee akka daldalan ykn meeshaalee isaanii dhiyeessan gargaara jedhu.
Inni biraan daldalli Itoophiyaa keessatti osoo adeemsa bulchiinsaa wal xaxaa taheen hin danqamiin haala salphaa taheen gaggeeffamuu danda'aa kan jedhutu ilaalama jedhan.
''Dhorkaawwan daldala irra jiran ka'aniiruu?, meeshaalee biyya keessa galchanii rabsuun hagam salphaadha kan jedhu ilaalama. Namni bakka barbaadetti socho'ee oomisha isaa gurgurachuu danda'aa? kan jedhudha.6''
Daldala banaa ykn bilisa tahe qabaachuun akka ulaagaa tokkootti ilaalama jedhe ogeessi kun..
Daddabarsa maallaqaa bilisa tahe, ykn gabaan maallaqaa kan qajeele tahuu qaba.
Namni tokko biyya alaatii galee hojii hojjechuuf galmaa'uuf, biiroo banachuufi oomisha isaa gurguruuf haalli mijataan jiraa? kan jedhu ilaalu jedhe.
''Daldalumaafuu bu'uuraaleen misoomaa ni ilaalama. Geejiba lafarraa, qilleensarraa, galaanaraa, kaanis dabalatee haalli mijataan jiraa kan jedhu ilaalu.''
Teeknoloojii daldalaaf gargaaran irratti maal akka fakkaattu ulaaga biraa tahuu kan ibsu Marid kan akka [E-commerce], odeeffannoo gabaa waktaawwaa jiraachuu kanneen ilaalaman keessaa tahuu ibsu.
Itoophiyaan miseensa dhaabbata Daldala Addunyaa yeroo taatu akkaataa ittiin bulmaataa fi waliigaltee dhaabbatichaan oomishaalee ishee irratti qaraxa dabarsitu qajeelchuun dhimma biraati.
Akkasuams oomishaalee miseensota dhaabbaticha irraa galchitu irrattis waliigalteen qaraxaa ni barbaachisa.
Itoophiyaan miseensa WTO yoo taate faayidaa akkamii argatti?
Kora Dhaabbata Daldala Addunyaa [WTO] tibbana Swiizerlaandi, Jeneevaatti gaggeeffamaa jiru irratti waliigalteewwan murteessoo tahan ni mallattaa'u.
Gabaa biyyattii banaa gochuu fi ittiin bulmaata gabaa biyya keessaa sirreessuu irratti Itoophiyaan WTO waliin waliigaltee irra ni geessi jedhamee eegama.
Fedhii Itoophiyaan Dhaabbata Daldala Addunyaa seenuuf waggoota dheeraaf qabdu amma sadarkaa murteessaa irra gahuu miidiyaaleetti kan himan Obbo Kaasahun Gofee, wal gahiin itti aanuu fi xumuraa ji'a Guraandhalaa ykn jalqaba Bitootessaa dhufutti qabamuu himameera.
''Kun Itoophiyaaf carraa seena qabeessadha. Dinagdee ishee jabeessuu fi invastimantii alaa harkisuuf gargaara,'' jedhan Obbo Kaasahun.
Dhaabbata Daldala Addunyaa seenuun al-ergiif balbala haaraa bana, kun ammoo guddina dinagdeef haala mijataa uuma'' jedhan.
Jilli olaanaan Itoophiyaa Dr Kaasahun Gofeen dursamu tibbana Jeneevaatti, barreessaa olaanaa WTO waliin mari'ataniiru.
Jilli Kaasahun dursan kun dhaabbilee adda addaa keessaa kan walitti bahan yoo tahu, ragaalee barbaachisoo tahan hunda galchuun miseensota WTO kaanitti akka ergamu tahuu odeeffannoon dhaabbatichi baase eerera.
Kun ammoo marii marsaa shanaffaa itti aanu gaggeeffamuuf haala mijataa uuma jedha odeeffannoon WTO irraa arganne.
Dameen tajaajilaa kun gabaa idil-addunyaaf banaa yoo tahu, ammoo dhaabbileen biyyoota adda addaas seenuun Itoophiyaa keessatti invastimantii irratti akka hirmaatan isaan gargaara.
Ogeessa dinagdee kan tahe Obbo Marid Tulluu Itoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa tahuun dinagdee biyyattii jabeessuu keessatti shoora olaanaa qaba jedhan.
Dhaabbatichi hundeeffamuun isaa dinagdee biyyootaa cimsuu fi gabaa isaanii walitti hidhuuf waan taheef Itoophiyaan gama hundaan fayyadamaa taati jedhan.
''Bittaa fi gurgurtaan biyya keessaa fi alaa iftoomina kan qabuu fi seeraa fi danbiin hogganamu taha. Itoophiyaan meeshaalee hedduu biyya alaa irraa waan galchituuf dhiyeessiin haala gaariin jiraata.
Kun ammoo dhaabbilee daldalaa biyya keessaa fi alaa gidduutti wal dorgommii waan uumuuf fayyadamtootaaf gaarii taha,'' jedhe.
''Sochii ykn dadabarsa maallaqaa bilisaa akka jiraatu taasisa. Gabaan sharafaa [maallaqaa] akka qajeelu taasisa. Meeshaaleen akka warqii, diyaamandii bilisaan akka gabaa keessa socho'an eeyyama.''
Meeshaaleen elektirooniskii, uffataa fi kaan kaampaanota adda addaan yeroo biyya keessa galu gabaa Itoophiyaaf gaarii akka tahu hima.
Dhaabbileen alaa yeroo gabaa biyya keessaa keessa galuun hojjetan dhaabbileen biyya keessaas dorgomaa tahuuf akka of cimsan gargaara jedhe.
Meeshaaleen alaa galanis akka qulqullina qabaatan taasisa. Rakkoon gabaa yoo si mudatellee biyya irraa bitte sana himachuu dandeessa jedhe.
Miseensa dhaabbatichaa tahuun meeshaalee irratti qaraxni akka hafu ykn hir'atu waan tahuuf Itoophiyaaf bu'aa olaanaa qaba jedhan.
Mariin Itti aanu maal irratti xiyyeeffata?
Ji'a Guraandhalaa ykn jalqaba ji'a Bitootessaa bara 2026 yeroo wal gahiin marsaa shanffaa 'WTO' taa'amu dhimmoonni ijoon irratti dubbataman keessaa tokko taarifa ykn qaraxa kan ilaallatu taha.
Taarifni ykn qaraxni erga Doonaald Tiraamp aangootti deebi'anii meeshaa waraana daldala addunyaa guddaa taheera.
Itoophiyaanis miseensa WTO yeroo taatu dhimmoota kanneen irratti miseeonsota dhaabbatichaa waliin wal tahuu qabdi jedha odeefannoo dhaabbaticha irraa arganne.
Kan biraa damee tajaajilaa gabaa addunyaaf banaa tahuu isaa mirkaneessuu taha.
Damee qonnaa, eegumsa qabeenya abbantaa [Property Right], fi sadarkaa daldala addunyaa madaalutti hojjechuuf walii galuun fa'aa qabxiilee marii itti aanan keessatti xumura argatanidha.
Konfiraansii 14ffaa dhaabbatichaa irratti Itoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa akka taatu abdi qaban kan himan Kaasahun Gofee, guddina dinagdee ariifachiisaa galmeessaa kan jirtu Itoophiyaan miseensa WTO tahuun ardii Afrikaafis tahe biyya keenyaaf injifannoo guddaadha jedhan.
Ministirichi kana kan dubbatan kora tibbana Jeneevitti gaggeeffame irrattidha.
Konfiransiin 14ffaa dhaabbatichaa Kaameeruun magaalaa Yawundeetti gaggeeffama.
Haaromsa Dingadee Biyya Keessaa guddaa Itoophiyaan gaggeesite akak dhaabbilee faayinaasnii Idil-addunyaa fi kaan irraa xiyyeeffanno argattu taasiseera.
Haaromsi dinagdee Itoophiyaan dhiyeenya gaggeessaa turtes akkaataa danbii WTO waliin deemuun akka tahe Dr Kaasahun himaniiru.
Jijjiiramni Imaammataa kun dinagdee jabaa ijaaruu, dhaabbilee dhuunfaa jajjabeessuu fi akkaataa qajeelfama WTOtti daldalaaf haala mijataa uumuu waliin akka wal qabatu Dr Kaasahun himaniiru.
Haaromsa dinagdee murteessaa Itoophiyaan taasifte keessaa tokko damee faayinaansii kan ilaallatudha.
Sharafni alaa akkaataa gabaa idil-addunyaa irratti hundaa'uun akka gaggeeffamu murteessuun tarkaanfii isa olaanaadha.
Sirna gabaa istookii hundeessuu fi dhaabbilee adda addaa irratti hirmaachisuun isa biraadha.
Dhaabbilee dhuunfaa damee dinagdee keessatti hirmaachuun haaromsa dinagee barbaadame fiduuf shoora olaanaa akka qabu himaniiru.
Itoophiyaan dhimmuma waliin daldaluufi miseensa tahuu irratti miseensota dhaabbatichaa biroo 12 waliin marii gaggeessuu ishee WTO ibseera.
Erga bara 2024 as Itoophiyaan haaromsa barbaachisu hojjechaa miseensa tahuuf cimsitee hojjechaa akka turte himameera.
Guraandhala bara 2024 keessa kora Gamtaa Afrikaa cinatti MM Abiy Ahimed Daariktera Waliigalaa Dhaabbata Daldala Addunyaa Ingoozii Okoonjaa Iweelaa waliin wal arguun mari'ataniiru.
Hanga jalqaba bara 2026tti miseensonni dhaabbatichaa dhimma carraa gabaa fi waliin hojjechuu irratti Itoophiyaaf wixinee isaanii dhiyeessu.
Ji'a Eeblaa dhufu keessa koreen dhimma kana irratti hojjetu madaallii barbaachisu hojjechuun miseensotaaf dhiyeessa.
Itoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa tahuuf yeroo dheeraa waan gaafatu hin fakkaatu.








