Hogganaan Qarcaashee Giruup, Israa'el Daggafaa, Landanitti badhaasa gurra guddaa qabu argatan

Madda suuraa, Israa'el Daggafaa
- Barreessaa, Hirphaa Gammachuu
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo
Abbaan qabeenyaafi hogganaan dhaabbata buna omishufi alatti erguun beekamu Qarcaashee Giruup, Israa'el Daggafaa badhaasa sadrkaa idil-addunyaatti gurra guddaa qabu Rising Star Award at the Sustainable Times RISE Awards 2025 Landanitti qophaa'e argatan.
Badhaasni kun gaggeessitootaafi dhaabbilee hojii daldalaafi kalaqawwan bifa egeree ilaalcha keessa galcheen hojjetaniif kan kennamudha.
Gaggeessummaa Dr. Israa'el Daggafaa jalatti dhaabbanni Qarcaashee kun Itoophiyaa keessatti omisha bunaa bifa naannootiif ta'u ilaalcha keessa galcheen omishuun fakkeenyumaa kan qabudha.
Kana malees, mul'anni Dr. Israa'el omisha bunaa qonnaarraa hanga gabaa addunyaarratti karaa qonnaan bulaa cimsuun, jireenya qooda fudhattootaa foyyeessuufi sadarkaa hundarratti qulqullinni bunaa eegameen hojjechuurraati kan xiyyeeffatudha.
Omisha egeree naannootiif xiyyeeffannaa kenne hojiirra oolchuun, hojmaata kunuunsa naannoofi hawaasa naannoof deeggarsa kennuurratti fuulleffachuun buna Arabikaa qulqullinni isaa olaanaa ta'e gabaa addunyaatiif dhiyeessa.
Dr. Israa'el Daggafaa eenyu?
Dr. Israa'el Daggafaa biliyeenara buna Itoophiyaa biyyoota addunyaaf dhiyeessuun sadarkaa jalqabaa qabatanidha.
Buna Itoophiyaa naannoo itti omishamu wajjin addunyaatti beeksisuun bara darbes Morookoo, Kazabilankaatti pilaatiniyeemii badhaafamee ture.
Al-ergii bunaatiin badhaasa sadarkaa biyyaa, Afrikaa fi addunyaas injifateera.
Israa'el otoo birrii biliyeenaan lakkaa'uu hin jalqabiin dura jalqabbiin isaa sadarkaa xiqqaarraa akka ka'e dubbata.
Ofii akkamitti sadarkaa kanarra gahe?
Dr. Israa'el Daggafaa ga'eessa, biliyeenara ganna 38ti. Gujii Aanaa Booreetti dhalate. Mana barnoota sadarkaa lammaffaa fi Uunvarsitii Finifinneetti barate.
Ijoollummaatti daldala shaakalaa guddate. Amma kaampanii namoota 26,000 oliif carraa hojii uume qaba.
Dhaabbata alergii bunatiin beekamu 'Qarchaanshee Giruup' jedhamu hoggana.
Dhaabbatichi bunaan cinatti shaayii fi mi'eessituu omishuun biyya alaatti erga, akkasuma hojiiwwan ijaarsaa fi geejjibaarrattillee bobba'eera.
Israa'el sadarkaa kana gahuuf ''badhaasa akkookootu bu'uura naaf ta'e'' jedha.
'Badhaasa akkootu bu'uura naaf ta'e'

Madda suuraa, Israa'el Daggafaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Israa'el kutaa saddeet yeroo baratu qorumsa ministirii kutaa saddeettaffaa qabxii olaanaa(%99.8) fidnaan akkoon isaa warqii badhaaste.
Israa'el warqii badhaafame kana dhoksee gurguree bunaa kg 25 bitee, suuqii ollaatti birrii 850tti gurguree, daldala ittiin eegale. Birriin sun daldala bunaaf kaappitaala ka'umsaa naaf ta'ee jedhe.
Yeroo sana ijoollee umrii 14 ture. Abbaan suuqii buna sana eessaa akka fide deddeebi'ee gaafachuu yaadate.
Abbaan suuqii warra jalaa hatee jedhee waan yaade fakkaata. Sana booda haatisaa buna Gujiirraa bitanii Finfinneetti yeroo baratu erguufi jalqaban.
Maatiin isaa garuu daldalaa bunaa ta'ee akka hafu hin barbaadan ture.
''Abbaankoo injinara ykn paayileetii akkan ta'u malee, daldalaa bunaa akkan ta'u hin barbaadan ture'' jedhe.
Inni garuu Yunvarsitii Finfinneerraa digirii jalqabaa biizinas maanejimentiin erga eebbifamee booda maatiin isaa Awuroppaatti akka baratu jajjabeessaa turan.
Israa'el garuu Gujii, naannoo dhalootasaa kan taate Qarcaatti deebi'ee buna oomishuuf daldaluutti ciche.
Buna gabaa biyya alaatti erguu kan eegale ammoo waggaa 15 dura ture. Buna qofaa miti, midhaan akka boloqqee, Boqqolloo fa'aas Gujiirraa hanga Moyaaleetti geessee daldalaa ture. Sududaan Israa'el bu'aa buufataa, hojii daldalaa isaas bal'isaa adeeme.
Amma dhaabbata isaa Qarcaanshee giruup, kan qabeenya waliigalaa birrii biliyoona 100 fi biliyoona 65 horachuu danda'e gaggeessaa jiraachuu dubbata.
Qarchaansheen maqaa ganda oomisha buna itti eegaleeti. Gandi kun Gujii Lixaa Aanaa Qarcaatti argamti.
''Hojiin kiyya danuun achii jalqaba, maqaa ganda sanaa waamisisuuf yaadeen maqaa kana itti moggaase'' jedha.
Israa'el amma lafa bal'aa(heektara kuma kudhan) ta'urratti bifa ammayyaan oomishaa jira.
Amma ''addunyaarraa biyya bunni itti hin biqille hundatti ergina'' jedha. Ardilee Ameerikaa, Awurooppaa fi Eeshiyaarraa maamila heddu horateera.
Buna Itoophiyaa naannoo itti oomishamu wajjin addunyaatti beeksisuun barana dhaabbata Afrikaa Liiderashippi jedhamuurraa Morookoo, Kazabilaankaatti pilaatiniyeemii badhaafame.
Kanaan duras buna dhandhama gaarii qabu gabaaf dhiyeessuun 'African Coffee Association' dhaabbata jedhamurraa badhaasa argateera.
Akkasuma sadarkaa addunyaatti dhaabbata 'World of coffee' jedhamurraas badhaasa argachuu dubbata.
Bunni harki caalaan(%80) Oromiyaarraa gabaaf dhiyaatu maqaa naannoo itti oomishamuun gabaa addunyaatti akka beekamu hojjachaa akka ture ibsa.
''Bunni siyaasaas of keessa qabaa'' kan jedhu Israa'el, bunni Oromiyaatti harka caalu oomishamu kaan bakka itti oomishamu waliin addunyaatti beekamaa hin turre jedha.
Akka fakkeenyaatti buna Baalee fi Gujii kaase. Bunni Gujiitti oomishamu kanaan dura buna Sidaamoo jedhamee beekama akka ture eeruun, amma buna Gujii jedhamee addatti warra buna jaalatan beeksifnerra jedhe. Bunni Gujii amma buna Itoophiyaatti oomishamuu keessaa qulqullinaan sadarkaa tokkoffaa qaba jedhe.
Dhaabbanni Israa'el hundeesse Qarcaanshee Giruup namoota 26,500 carraa hojii dhaabbiif yeroon uumuu dubbate.
Qarchaanshee Giruup alergii bunaa, hojii ijaarsaa, geejjibaa fi qonna-oomisha buna, baalaa shaayii fi mi'eessituu lafa heektara 10,000 olirratti misoomsa.
Warshaalee buna alatti erguuf isaan gargaaran Gimbii, Jimmaa fi Bulee Horaa fa'arraa akka qaba. Bunatti sona dabalanii, saamsanii gabaaf akka dhiyeessan ibseera.
Obbo Israa'el qabeenya horataniirra yeroo gargaaraatti namoota rakkoo adda adda kessa jiran ni gargaaru.
Yeroo hongeen Booranaa, Baalee fi Gujiitti namaaf horii miidhe deeggarsa dhiyeessaniiru. Hawaaasa Oromoo naannoo Somaaleerraa buqqa'an deebisanii qubsiisu, bishaan dhugaatii iddoowwan kudhanitti baasuu, akkasuma manneen barnoota ijaaruun hawaasa gargaarurratti akka hirmaatan dubbatu.
Itoophiyaa keessatti qonnaan bultoonni miliyoonatti lakkaa'aman oomisha bunaarratti bobba'an hanga dhamaatiisaanii galii akka hin argannetu kaafama.
Obbo Israa'el akka jedhutti, amma Itoophiyaan foyyaa'insa gama dinagdeerratti erga dhiyeenya gaggeessite galiin qonnaan bultoonni bunarraa argatan wayyaa'era jedhee amana.
Israa'el abbaa isaa barsiisummaarraa gara hojii daldalaatti akka ce'aniirras waan barate qaba.
Abbaan isaa barsiisaa amantaa ta'uun Shawaa Lixaarraa gara Gujii dhaqan. Gujiitti daldalaa ta'an. Haatisaa ammoo Baalee gara Gujii kan dhaqan yoo ta'uu suuqii banatanii daldala keessa turan. Kanaaf Israa'el abbaafi haadhasaa hojii daldalaan wayita maatii bulchan argaa guddate.
Gatii taaksiif jedhame maallaqa maatiin kennaniif qusachaa amma biliyeenara ta'uu hime.
Hawaasni Oromoo gama dinagdeetiin sadarkaa inni irra qaqqaberra gahan lakkoofsaan xiqqaa ta'uu dubbata.
Fuuldurattis hojii investimeentii itti jiru kana caalatti bal'isee hojjachuu akka fedhu haasa'a.
Obbo Israa'el maatii kan horate yoo ta'u, abbaa ijoollee lakkuuti.












