Biliyeenaroota addunyaa keessaa gurraachota hidda Afrikaa qaban

Daangotee, Rihaanaafi Lebroon Jeems bitaarraa gara mirgaatti

Madda suuraa, Getty Images

Barruun dureeyyii addunyaa tarreessuun sadarkaa itti baasuun beekamu Forbes dureeyyii addunyaarratti qabeenya doolaara biliyeenan lakkaa'amu qaban kan bara 2025 lakkoofsan 3,028 ta'an tarreesseera.

Dureeyyiin kun qabeenyisaanii dimshaashaan doolaara tiriliyeena 16.1 ta'a.

Namoota barruun Forbes biliyeenaroota addunyaa bara 2025 jedhee tarreesse keessa biliyeenaroonni gurraacha ta'aniifi hidda Afrikaa qaban 23 keessatti argamu.

Biliyeenaroonni gurraacha ta'an kunneen dimshaashaan qabeenyisaanii dolaara biliyeena 96.2 ta'a.

Biliyeenaroonni addunyaa guraacha ta'an muraasni kunooti:

1. Aliikoo Daangotee

Aliikoo Daangotee abbaa qabeenyaa Naayijeeriyaa yoo ta'u, Itoophiyaa dabalatee biyyoota heddu keessaa qabeenya qaba.

Qabeenyi waliigalaa inni qabu dolaara biliyeena 23.

Abbaa qabeenyaa dhaabbata Dangote Group jedhamuuti. Bara 2013 irraa ka'uun Afrikaa keessatti dhaabbata boba'aa guddaa ijaaruu danda'eera.

Waggaa 11 keessatti abbaa qabeenyaa beekamaa addunyaa ta'eera.

Ardii Afrikaarraa qabeenyan dursummaa akka qabu ragaaleen ni agarsiisu.

2. Deeviid Istiiwart

Deevid Istiiwart biliyeenarota addunyaa gurraacha ta'eefi hidda Afrikaa qabu yoo ta'u, lammii Ameerikaati.

Qabeenyi walii galaa Deevid qabu dolaara biliyeena 11.4 akka ta'e ibsa ragaan barruu Forbes kun.

Maddi galii isaa ammoo dhiyeessii omishaalee kompitaaraati.

Deevid gurraacha Ameerikaa dureessa yoo ta'u, dhaabbata teeknolojii beekamaa World Wide Technology jedhamu namoota kaan waliin hundeesse.

Gaggeessaa dhaabbata dhuunfaa hojjattoota 10,000 qabuu yoo ta'u, waggaatti galii dolaara biliyeena 20 ta'u galcha.

3. Roobart F. Ismiiz

Roobart biliyenaroota addunyaa keessaa tokko yoo ta'u, gurraacha hidda Afrikaa qabuudha.

Lammii Ameerikaa yoo ta'u qabeenyisaa dolaara biliyeena 10.8 akka ta'u ibsa tilmaamni Forbes.

Maddi qabeenyasaa ammoo biizinasii dhuunfaa irraayi.

Dhaabbata Vista Equity Partners keessaa gahee kan qabu yoo ta'u, dhaabbatichi bara 2000 irraa kaasun hojiirra jira.

Dhaabbatichi hojjattoota 700 ta'an kan qabu yoo ta'u, kaampaaniwwan sooftiweerii keessatti invest gochuun beekama.

4. Aleeksaandar Kaarp

Aleeksandar akkuma Roobart gurraacha Ameerikaa yoo ta'u, hangi qabeenya isaas kan Roobart waliin waluma qixa- dolaara biliyeena 10.8.

Maddi duroomasaa kaampaniiwwan dhuunfaa qaburraa galii argatuun akka ta'e ibsa barruun kun.

Dhaabbata Palantir Technologies jedhamu namoota biroo waliin ta'uun kan hundeesse yoo ta'u gaggeessaa duree dhaabbatichaati.

Biiroleen mootummaa US kanneen akka FBI, Ministeera Ittisaafi kaan maamila cimoo dhaabbata kanaati.

5. Maayik Adenuugaa

Maayik Adenuugaa biliyeenaroota addunyaa keessatti kan lakkaa'ame yoo ta'u, akkuma Aliikoo Daangotee lammii Naayiyeeriyaati.

Qabeenyasaa dolaara biliyeena 6.8 akka ta'e ibse Forbes.

Dureessi Naayijeeriyaa kun addumatti telekominikeeshiniifi boba'aa irratti bobba'uun duroome.

Maayik Aduunaa umurii ganna 26 yeroo ta'u qabeenya dolaara miliyeena tokko horateera.

Dureeyyii Afrikaan addunyaarraa qabdu keessaa tokko yoo ta'u, dhaabbata telekoomii Globacom jedhamuufi dhaabbata boba'aa barbaadun omishu Conoil jedhamu irraa galii argatuun duroome.

6. Abdulsamad Rabiyuu

Abdulsamad akkuma Aliikoo Daangoteefi Maayik Adenuugaa lammii Naayijeeriyaati.

Omisha simintoofi sukkaara irratti bobba'uun biliyeenaroota addunyaa keessatti maqaansaa galmaa'era.

Qabeenyisaa dimshaashan dolaara biliyeena 5.1 ta'a.

Dhaabbata omisha simintoo, sukkaarafi riil isteetii irratti bobba'e BUA Group jedhamu kan hundeesse.

Gama biraan ammoo faawundeeshinii ofiisaa kan qabu yoo ta'u, biyyoota Afrikaa garaa garaa keessatti deeggarsa barnoota, fayyaafi guddina hawaasaa taasisuun beekama.

7. Maayikil Joordaan

Taphataa kubbaa kachoo beekamaa kan ta'e Maayikil Joordan qabeenyisaa dolaara biliyena 3.5 akka ta'etu himama.

Lammiin Ameerikaa kun garee Chikaagoo Buuls waliin waliin si'a jaha chaapiyoonaa NBA ta'eera.

Bara 2023 Charlotte Hornets keessaa gahee qabu hedduusaa dolaara biliyeena 3tti guurguree ture.

Maayikil Joordaan gurraachota lammii Ameerikaa dureeyyii addunyaa keessaa tokko ta''uun barruu Forbes irratti maqaansaanii tarreeffamee keessaa tokkoodha.

8. Paatiriis Motseeppee

Paatiriis lammii Afrikaa Kibbaa yoo ta'u, biliyenaroota Afrikaa muraasa maqaansaanii barruu Forbes irratti bahan keessaa tokko.

Dureessi kun dolaara biliyeena 3 akka qaba jedhame.

Maddi galiisaa ammoo investimentii albuudawwan irratti bobba'uuni.

Lammiin Afrikaa Kibbaa kun dhaabbata albuuda baasun beekamu African Rainbow Minerals jedhamu kan hundeesse yoo ta'u, Afrikaa Kibbaafi Maleezhiyaa keessatti hojii albuudarratti bobba'ee jira.

Barruun Forbes gabaasa biliyenaroota bara 2008 tarreesse keessaa Afrikaarraa Paatiriis qofaatu keessatti argame.

9. Oppeeraa Winfireey

Oppeeraa Winfireey

Madda suuraa, Getty Images

Oppeeraa Winfireey dubartii dureeyyii addunyaa keessatti maqaanshee eerameedha.

Lammiin US kun sagantaa TV irratti dhiyeessituun beekamti. Waggoota hedduuf sagantaa The Oprah Winfrey Show jedhamu dhiyeessaa jirti.

Qabeenyi ishee waliigalaa dolaara biliyeena 3 ta'a.

Ogummaa gaazexeessummaa kan eebbifamte Opperaan yeroo ganna 19tti buufata TV tti oduu dubbisuun hojii eegalte.

Ergasii booda sagantaa TV mataashee banachuun beekamtii guddaa horatteetti.

Badhaasawwan Emmy Awards heddu injifachuu dandeessetti.

10. Rihaanaa

Rihaanaan addumatti muuziqaan beekamti. Muuziqaa qofa osoo hin taane, faashiniifi beeksisa cosmootiksiin beekamti.

Hojiiwwan muuziqaan alatti kaampaniiwwan dhuunfaashee qabdurraa galii guddaa argatti.

Dhaabbata kosmootiksii Fenty Beauty jedhamu kan qabdu yoo ta'u, akkasumas dhaabbata LVMH jedhamu keessaas gahee guddaa qabdi.

Qabeenyi Rihaanaa dimsaadhan dolaara miliyeena 1.4 akka ta'u ibsa gabaasni barruu Forbes.

11. Jeey -Z

Jeey Z muuziqaa hiip hooppitiin beekama.

Maddi galiisaa muuziqaa yoo ta'u, qabeenyi isaa dolaara biliyeena 2.5 akka ta'e ibse Forbes.

Gurraachi lammii Ameerikaa kun =Net worth: $2.5 billion

Source of Wealth: Music

Country: United States

One of the greatest hip-hop artists of all time, Jay-Z won 25 Grammys and founded numerous businesses, including the fashion brand Rocawear (sold for $204 million in 2007) and the liquor company D'Usse and Armand de Brignac.

In 2019 he became hip-hop's first billionaire.

11. Lebroon Jeems

Lebroon Jeems

Madda suuraa, Getty Images

Lebroon Jeems taphataa kubbaa kachoo beekamaa yoo ta'u, biliyeenaroota bara 2025 barruun Forbes tarreesse keesaa tokkoodha.

Gurraachi lammii Ameerikaa ta'e kun qabeenyisaa dolaara biliyeena 1.3 akka ta'utu ibsame.

Maddi qabeenyasaatii ispoortii kubbaa kachooti. Bara 2022 keessa taphataa kubbaa kachoo jalqabaa biliyeenara jedhameedha.

Taphataa collee NBA jedhamuun si'a 21 badhaafameera. Si'a afur ammoo shaampiyoonaa NBA ta'uu danda'eera.