Sababoonni gatiin doolaaraa addunyaarratti bu'aa dhufeef maali?

Doolara

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ji'oota jahan jalqabaa bara 2025 keessa doolaarri Ameerikaa safartuu cimina maallaqa Ameerikaa madaaluuf itti fayyadamerratti waggoota 50 oliif hir'ina hamaa ta'e argarsiisera.

Waliigalatti hir'inni gatii maallaqaa kanaa baatii Waxabajjii keessa addunyaa irratti dhibbeentaa 11 kan ture yoo ta'u, doolaara Ameerikaa maallaqa biroo ja'a - Yuuroo, Yeen, Paawundii, Doolaara Kaanaadaa, Kiroonaa Siwiidinii fi Firaankii Siwiizarlaand waliin wal bira qabamee ilaalamudhani.

Kufaatiin akkasii kanaan duras mul'ateera. Garuu yeroo kanneen biroo guddina agarsiisanitti Doolarri haala kanaan hir'achuun isaa cimina doolaara Ameerikaa daran gaaffii keessa galchaa akka jiru fi ogeeyyii dinagdee biratti yaaddoo uumuu maddeen tokko tokko ni mul'isu.

Yaaddoowwan ibsaman keessaa kuufamni sharafa alaa baankota gurguddoo addunyaa gadi bu'uu isaati.

Imaammanni gibiraa bulchiinsa prezidaant Doonaald Tiraamp sababa gatii maallaqaa kun gadi bu'uu mala jedhu fi tilmaama boba'aafaa ta'eera.

Garuu gariin yaaddoo keessa osoo jiranii, kaan ammoo haala gabaa ykn illee ciminni maallaqni biyyoota tokko tokkoo sadarkaa doolaarri Ameerikaa irra ga'uu isaa irratti abdii guddaa qabu.

Doolaarri Ameerikaa Waraana Addunyaa Lammaffaa booda waliigaltee 'Bretton Woods' tiin maallaqa sadarkaa addunyaa ta'e.

Ergasii maallaqni kun maallaqa addunyaa irratti baay'inaan itti fayyadamu ta'eera, keessumaa sirna kaffaltii Swift kan dhaabbilee faayinaansii 11,000 biyyoota 200 ol walitti hidhu keessatti.

Kanaaf, amantaa dhabuun maallaqaa guddachaa dhufee fi daldala addunyaa qabate hoo? Akkasumas warri doolaarri maallaqa addunyaa ta'ee hafa jedhanii tilmaaman maal jedhu?

Akka Dhaabbanni Maallaqaa Idil-addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti, hanga Amajjii 2025tti kuufamni sharafa alaa doolaara tiriliyoona 12 ol ga’eera.Maallaqa kana keessaa dhibbeentaan 57 ol doolaaraan kan argamudha.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Akka Dhaabbanni Maallaqaa Idil-addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti, hanga Amajjii 2025tti kuufamni sharafa alaa doolaara tiriliyoona 12 ol ga'eera. Maallaqa kana keessaa dhibbeentaan 57 ol doolaaraan kan argamudha

Doolaarri maaliif kufuu jalqabee?

Qoqqobbii haaraa mootummaan Ameerikaa kaa'uu qofa utuu hin taanee taatewwaan doolara gatii dhabsiisan heddu ta'uu kaasu ogeessonni.

Akkaataan mootummaan Ameerikaa maallaqa kana akka mala qoqqobbii dinagdee kaa'uun namoota seera cabsan adabuuf itti fayyadamu maallaqni kun invastaroota biratti laafuu jalqabuun sababa ijoodha jedhu Roobart Maakoolii Yunivarsiitii Booston irraa, kan hojii isaanii harka caalu indaastirii tajaajila faayinaansii Niiw Yoorkitti hojjatan.

Biyyoonni, dhaabbileen, baankonni, ykn namoonni dhuunfaa Ameerikaan qoqqobbii irra kaa'an illee sirna faayinaansii idil-addunyaa irraa addaan cituu danda'u, garuu sadarkaa qoqqobbii irratti hundaa'a jedhu.

Akka xiinxalaan Yunivarsiitii Booston jedhutti tarkaanfiiwwan akkanaa namoonni biroo guyyaa tokko haala walfakkaatu keessa akka hin argamneef doolaara gara biraatti jijjiiruuf akka yaalan jajjabeessuu danda'u.

Doolaara irratti wal amantaa dhabuun guddachaa dhufuun isaa waan Pirezidaanti Tiraamp fi imaammatni isaanii daran hammeessedha jedhu ogeeyyiin

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Doolaara irratti wal amantaa dhabuun guddachaa dhufuun isaa waan Pirezidaanti Tiraamp fi imaammatni isaanii daran hammeessedha jedhu ogeeyyiin
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sababni biraa ka'e ammoo baasii waggaa mootummoonni biyyoota guddachaa jiran dabalaa dhufuu isaa yoo ta'u, waggoota dhiyoo asitti galii gibiraa isaanii irraa gadi bu'eera.

Ameerikaatti biyyattiin bara 2024 liqaa doolaara tiriliyoona 35.46 dhaabbilee fi namoota dhuunfaa mootummaa irraa qabduun xumurte, lakkoofsi kun oomisha waliigalaa biyya keessaa biyyattii keessaa dhibbeentaa 123 akka ta'e Ameerikaan ibsiteera.

Kun ammoo invastaroonni gara fuulduraatti maallaqni kun rakkoo biyyattiin al-ergii ishee irraa argattu caalaa galtee irratti baasii guddaa baasuu hir'isuuf ykn illee dhabamsiisuuf gatii doolaaraa laaffisuuf dhiibbaa jala seena jedhanii sodaatu.

Ogeeyyiin dinagdee tokko tokko kun al-ergiin Ameerikaa dorgomaa akka ta'u taasisa jedhanii amanu sababiin isaas gatiin isaanii bittoota biyyoota biroo irraa dhufaniif gatii salphaa waan ta'uuf.

Dabalataanis baankiin giddu galeessaa Ameerikaa ji'oota dhufan keessatti dhala dabalataa hir'isuu akka labsan kan eegamu yoo ta'u, kunis invastaroota biratti doolaara laaffisuu danda'a.

BRICS fi itti fayyadama doolaara Ameerikaa hir'isuu

BRICS hirkattummaa doolaaraa hir’isuu deeggaruun akka garee dursaa jirutti ilaalama

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images

Hedduun itti fayyadama doolaaraa irraa fagaachuun qoqqobbii ykn gibira biyyoota irratti kaa'amee fi bu'aan isaa irra caalaatti doolara laaffiseera jedhanii amanu.

Fernanda Brandao akka jedhutti, kana booda, jijjiiramni imaammata dinagdee Ameerikaa, kan Federaal Reserve fi White House hojiirra oolu kamiyyuu, rakkoo dinagdee namoota biroo irratti dhiibbaa geessisu uumuu akka danda'u iji addunyaa caalaatti banaa ta'eera.

Yeroo ammaa gareen dinagdee BRICS akka dursaa jirutti ilaalama. Haa ta'u malee, dhiheenya kana gareen Biraazil, Raashiyaa, Hindii, Chaayinaa fi Afrikaa Kibbaa bara 2024 irraa eegalee miseensota haaraa kudhan dabalateera.

Fernanda Brandao'f, rakkoon dinagdee biyyoota guddachaa jiran bara 2008 mudate, rakkoon kun Ameerikaa irraa kan madde ta'us, BRICS erga gareen kun uumamee imaammata hirkattummaa doolaaraa hir'isuu akka fudhatu taasiseera.

''Ergasii doolaara irratti garmalee hirkachuun miidhaa akka qabu ifa ta'aa dhufeera,'' jedhan.

Biyyootni BRICS daldala idil-addunyaa keessatti itti fayyadama doolaaraa hir'isuuf fedhii qaban ibsuun maallaqa mataa isaanii ummachuuf sochii taasisaa turaniiru.

Biyyoonni BRICS, keessattuu Chaayinaan daldala biyya keessaa to'achuuf itti fayyadama maallaqa biyyaalessaa isaanii babal'isaniiru. Raashiyaan gama isheetiin dhiibbaa qoqqobbii biyyoonni kaa'an salphisuuf sirna maallaqaa uumuuf yaalaa jirti.

Tiraamp, yeroo darbe garee kana ''haleellaa doolaaraa'' jechuun ibsuun, Hindiin garee kana keessatti miseensummaa qabaachuu ishee akka sababaatti fayyadamuun erga biyyattiin gara Ameerikaatti ergitu irratti taarifa dabalataa kaa'aniiru.

Pirezidaantiin Ameerikaa dhuma baatii JAdoolessaa keessa ''BRICS garee farra Ameerikaa ta'e qabu,'' jedhan. "Kun haleellaa doolaara irratti raawwatamuudha, namni kamiyyuu doolaara irratti akka duulu hin hayyamnu"jedhan.

Bulchiinsa Tiraamp keessatti gaheen doolaarri dantaa siyaasaa Ameerikaa keessatti qabu ilaalchisee ilaalchi garaa garaa akka jiru xiinxaltoonni ni dubbatu.

Akka ogeeyyiin tokko tokko jedhanitti, fedhiin doolaaraa dabalaa dhufuun gatii isaa dabaluu, meeshaaleen Ameerikaa keessatti oomishaman qaala'aa taasisuu, oomishtoonni oomisha isaanii gara biyya alaa akka sochoosan kan jajjabeessu yoo ta'u, kunis hojii biyyattii keessattis miidhaa ni geessisa.

Gorsitoonni Tiraamp tokko tokko doolaarri ammas yoo dadhabe, bittoota biyyoota biroo irraa dhufaniif gatii salphaa waan ta'uuf, al-ergii Ameerikaa sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa akka ta'u taasisa jedhu. Akkasumas baasii meeshaalee gara Ameerikaatti galfaman ni dabala.

Ogeeyyiin tokko tokko kufaatiin doolaaraa hanga ammaatti akka hin mudanne amanu.

Gufuuwwan kurmaana tokko tokko keessatti mul'atanis, doolaarri daldala idil-addunyaa ol'aantummaa qabaachuu itti fufuu eeru. Akkasumas akka xiinxaltoonni baay'een jedhanitti yeroo ammaa maallaqni biraa bakka bu'uu hin danda'u.

Maallaqni Chaayinaa fudhatama argachaa jiruu fi baankonni gurguddoon hedduun kuufama sharafa alaatif itti fayyadamaa jiru illee maallaqa Ameerikaa bakka bu'uuf cimaa miti jedhu ogeeyyiin.

Gariin biyyoonni akka Raashiyaa fi Chaayinaa imaammata itti fayyadama doolaara Ameerikaa hir'isuu jajjabeessan illee itti fayyadama doolaara Ameerikaa dhiisuu irratti qormaata isaan mudachaa jira.