Itoophiyaatti dolaarri eessatti, akkamiin argama?

US Dollars

Madda suuraa, Getty Images

Itoophiyaa taa’anii Amaazoon irraa Meeshaa bitachuun ni danda’amaa? ATMn dolaara qabu hoo eessaa argama?

Barattoonni carraa barnoota biyya alaa (Scholarship) waliiin walqabsiisee kaffaltaa raawwatachuu barbaadu. Biyya alaatii yoo fira hin qabaanne akkamiin kaffaluu?

Yeroo biyya alaa bahanitti ammoo kaffaltaa hoteela ittiin qabatan (Hotel Reservation) ni barbaachisa. Kaffaltaan akkasii kun kaardii malee akkamiin raawwatama?

Biyya keessaa daandiiwwan qilleensaa waajira damee tikeeta ittiin balali’an hin qabne jiru. Tokko tokko ammoo tasumayyu waajirallee hin qaban. Marsariitii ittiin tikkeetii gurguran qofa qabu.

Kaffaltaa maallaqa callaatiin raawwatamu erga dhiisanii tureera. Lammiin Itoophiyaa biyya keessa jiran kana akkamiin kaffalu?

Akkaawontaantii raga qabuufi beekamtii argate ta’uudhaaf barnootaafi qormaata fudhataniif kaffaltaa kan raawwatan karaa marsariitiidha. Hojjetoota baankii osoo hin hafiin kanaan rakkachaa jiru.

Biyya hanqinni dolaaraa rakkisaa jiru Itoophiyaa keessatti namoonni hedduun biyyaa yeroo bahanitti mataa dhukkubbii kan itti ta’u dhimma dolaaraati.

Keessumaa dame Baankii Daldala Itoophiyaa isa ‘Baanii Kibbii’ jedhamu [kan naannoo Biheraawwii jiru] darbii lammaffaasaarra hiriira namoota dolaara gaafatanii arguun waan baramedha. Bara baraan hiriirri dheerataa malee gabaabbachaa hin deemu.

Dhukkubsataan wallaansa fayyaa biyya alaa atattamaatiif dolaara kuma 30 gaafate, isayyu xalayaa boordii hakiimotaatiin itti mallatteeffame dhiyeesseeyyuu kan gaafate keessaa harka tokkollee hin argatu.

Baankonni ija maamiltootasaanii gaaffii dolaaraa dhiyeessan jalaa ni dhokatu. Dunuunfatanii yoo kennanillee xiqqooma ‘qonxoraniiti’.

Dolaara kaardiirra galfachuuu -Tooftaa haaraa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namoonni baayyeen imala biyya alaatiif dolaara wayita barbaadan gara baankii daldalaa deemuurra gara naannoo ‘Biheraawwii Tiyaatir’ [dolaara gabaa gurraacharraa barbaaduuf] deemuu kan filataniif jaallatanii miti. Kan barbaadan baankiirraa waan hin arganneefidha.

Gabaa gurraacharraa isayyu gatii dachaa ol ta’een dolaara erga bitatanii boodas mataa dhukkubbiin biraa ni jira. Maallaqicha qabatanii biyyaa bahuun nama hiisisa.

Dolaara birrii itti dhangalaasanii bitatan qabatanii biyyaa bahuun, godambaa hatanii biyyaa bahuuf yaaluu caalaa yakka cimaa kan ta’e hin jiru.

“Sharafin alaa hangam mararfataa kan kennamu ta‘uu isaa kan hubattu erga kenneamee booda paaspoortiirratti chaappaan rukkutamuusaa yeroo ilaaltudha,” jedha namni baankii dhuunfaa keessa hojjetu BBCn dubbise tokko.

Qormaanni waggoota dheeraa lakkoofsise kun yeroo dhiyoo asitti hanga tokko bifa qabachaa waan dhufe fakkaata. “Bifa Kaardii”.

Yoo xiqqaate namoota biyya alaa deemaniifi karaa marsariitiittiin meeshaa bitatachuu barbaadaniif baankonni filannoo dhiyeessuu jalqabaniiru.

Kun maamiltoota biyya alaa deemaniif maallaqa callaa (cash) osoo hin taane kaardiin tooftaa keessummeessaniidha.

“Nuti haara galfanneerra; maamiltoonni keenyas hanga fedhe ta’us gmmadaniiru,” jedha Obbo Kaasaayee Isheetuu. Obbo Kaasaayeen daarektara Qajeelcha Dijiitaal Biizinas Baankingii Daashen Baankiiti.

Baankiin Daashen ji’oota dura ture hojmaata haaraa kana kan beeksise. Baankonni biroos karaa mataasaanii itti deemaa jiru.

Wantichis haaraadha; haaraas miti. Hima tokkoon yeroo himamu ‘dolaara kaardiin’ filannoo kennuudha.

Maamilli tokko gara biyya alaatti imaluuf akka jiru raga mirkaneessu yeroo dhiyeessu, baankichi jalqaba ragaawwan kanneen qorata. Bara maamilummaa isaafi seenaa herrega isaa ilaalcha keessa galchuun gaaffii dolaara inni gaafate gar-tokkoon ykn ammoo guutummaan guutuutti deebisuuf ni carraqama.

Akka BBCn hubatetti kaardiin dolaaraa bittaa marsariitii idil-addunyaa ittiin raawwatamu torbanoota muraasa dura beeksise kun bifa lama qaba.

Inni tokko kaardii laastikaati. Inni kan biraa ammoo yaadumaan kan jiru (virtual card) kan ta’edha.

Lamaan isaanii garuu kaardii dursa kaffalamu ykn ‘pre-paid’ ta’anidha. Lamaan isaanii kaffaltaa marsariitii idil-addunyaaf tajaajilanidha.

Kanaan namni keessummeeffamu nama dolaara qabu miti. Tajaajila kana kan adda godhus kanumadha.

Maamiltoonni Itoophiyaatti herrega baankii banatu. Ragaa imalaa yeroo dhiyeessanitti birrichi dolaara ta’ee kaardiirra galeefii kennamaaf.

“Garaagarummaan isaa dolaara harkatti osoo hin taane kaardota kanarra galchinee kenninaaf,” jedha Obbo Kaasaayeen.

Maaster Kaardii

Madda suuraa, Getty Images

“Kanaan dura dolaara kan argatan warra dolaaraan isaaniif kaffalamu ture”

Obbo Malkaamuun baankii dhuunfaa tokko keessatti daarektara Oppereeshinii Dijitaalaati. Ibsi BBCf kennan baankii keessa hojjetu bakka hin bu’u.

Itoophiyaatti kaardiiwwan idil-addunyaa hojiirra oolchuun kan jalqabame yeroo dhiyootti jedha Obbo Malkaamuun.

Hojmaata kanaan dura tureen baankonni dhuunfaa kaardii idil-addunyaa maxxansuu hin danda’an ture.

“Fooyya’insa Baankiin Biyyaalessaa taasiseen baankonni dhuunfaa kun hayyamameeraaf.”

Jalqaba Baankiin Daladalaa Itoophiyaa qofti xiqqeessee haa yaalu jedhame. Muuxannoon isaa ilaalamee, bu'aafi miidhaan isaa erga gamagamamee waggaa lama booda baankota warra kaaniifis hayyamame.

'"Isaan dura garuu Itoophiyaa keessa kaardiin dolaaraan hojjetu hin turre. Qajeelfamni jirus ni dhorka ture." Hojmaata amma jiruun baankiin kamiyyu hirmaannaa dolaara dijitaalessuu qabaachuu akka danda'u seerri ni jajjabeessa.

Obbo Malkaamuun akka jedhutti, hojmaata amma jiruunis kaardichi akka gosa isa biyyoota kaanii keessa jiru "bifaafi haala baayyeen" kan hojjetu miti.

'Kaardii imalaati' jechuutu salphata jechuun garaagarummaa isaa ibsa Obbo Malkaamuun.

"Fakkeenyaaf namni Ameerikaa ykn Awurooppaa jiru tokko biyya keessattis biyya biraattis tajaajila gara garaaf yeroo deemu waan barbaade itti fayyadamuu danda'a. (Yeroo shunkurii bitatus-yeroo tikkeettii bitatus).

Biyya keenya keessatti garuu biyya alaa deemee akka hin rakkanneef qofa tajaajilli kun kan dhiyaate."

Kaardicha argachuudhaaf maamilli ni imalaa? Tikkeettii qabaa? Viizaan rukkutameeraafii? jedhamee kan gaafatamuufis kanumaafidha.

Kanaaf, kaardichi mataan isaayyu osoo 'kaardii imalaa' jedhamee salphata.

Namni biyya alaa hin deemne kaardicha argachuu danda'aa?

Itoophiyaatti herrega baankii dolaaraan akka qabaataniif kan hayyamameef ulaagaa cimaa kaa'ame warra guutan qofaafidha.

Fakkeenyaaf, lammii Itoophiyaa ta'anii dhaabbata biyya alaa keessa hojjetan dolaaraan isaaniif kaffalamu, namoota dhuunfaa daldala alatti erguurratti bobba'aniifi kkf.

"Namni alatti ergu (Export) godhu tokko 'riteenshin akkaawont' qabaachuu danda'a. Maamilichi baankichi isaaf hayyamnaan dolaara herrega dolaaraan kaawwate kaardiitti jijjiiramee kennameefiif itti fayyadamuu danda'a.

Kun garuu carraa maamiltoota miliyoonaan lakkaa'aman keessaa muraasni kan argataniidha.

Warri sharafa alaan isaaniif kaffalamu ammoo 'Deebiit Kaard' irratti maallaqni galeefiif biyya alaa yoo deeman itti fayyadamuu danda'u. Lakkoofsi maamiltoota kanaa garuu baayyee xiqqaadha.

Maamiltoonni baankii hafan garuu dolaara yoo barbaadan karaan isaa hunduu cufaadha.

Haala hojmaata amma jiruun kaardiin idil-addunyaa tajaajila imala waliin walqabataniifidha.

Kana jechuun garuu waan imala waliin wal hin qabanneef kaardicha fayyadamuu hin danda'u jechuudhaa? Fakkeenyaaf, namni tokko Itoophiyaa keessa ta'ee karaa marsariitii waa bitachuu yoo barbaade ni dhorkaa?

Obbo Malkaamuun akka jedhutti, namni tokko sharafni alaa erga kaardii isaarra galeef booda eessayyu ta'ee itti fayyadamuudhaaf wanti isa dhorku hin jiru.

Haata'u malee, baankonni tokko tokko tajaajila isaa daangessuu danda'u jechuun BBCf ibse.

Fakkeenyaaf, baankonni tokko tokko maamilaaf dolaara kaardii galchanii kennan ATM fi 'poost maashin' irratti qofa akka fayyadaman gochuu danda'u.

Tokko tokko ammoo tiraanzaakshinii kamiifiyyu akka itti fayyadaman hayyamuu danda'u. Kun akka hojmaata baankotaatti kan murtaa'u ta'a.

Namoota ATM walitti kennaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

"Dolaara 400 ol baasuun hin danda'amu"

Baankiin Daashen dhiyeenya kana kan jalqabsiise kaardii virchuwaal ta'eefi pilaastik kaard kan jedhamu akka ta'e eerameera.

Garaa garummaan isaanii maalidha?

Lamaan isaanii kan dursa kaffalamu (prepaid) ta'uun isaanii wal isaan fakkeessa jedha Obbo Kaasaayeen.

Garaagarummaan isaa virchuwaal taanaan maamilicha kaardii pilaastikaa hin barbaadu. Kaardii osoo hin taane lakkoofsa qofaatu ergamaaf. Akkuma kaardiin bilbilaa irraa soqamee guuttataniitti jechuudha.

Fakkeenyaaf maamilli tokko Amaazoon irraa meeshaa bitachuu yoo barbaade waan sadii gaafatama.

Tokkoffaan, lakkoofsa kaardii, lakkoofsa mirkaneessituu kaardii, CVV (Card Verification Value) kan jedhamu duuba kaardiirratti kan argamu, akkasumas sadaffaan ji'aafi bara kaardichi itti hojiin ala ta'udha.

Bittaafi gurgurtaa marsariitii idil-addunyaa (E-commerce) kamiifiyyu ragaaleen barbaachisan isaan kanadha.

Akkaataa kanaan maamilli virchuwaal kaardiin barbaada yoo jedhe ragaawwan olitti ibsaman kan qabate galagalchi elektirooniksiin ni ergamaaf.

Kana argachuu kan danda'u eenyduha?

Maamilli kamiyyu dolaara isaa kaardiirra galfannaan (top up) virchuwaal kan ta'e kaardii Koomersii kana argachuu danda'a.

Garaagramuumaan isaa virchuwaal ta'uufi fiizikaal ta'uu isaati. Inni tokko kan qabamuufi qaqqabatamudha, inni kaan ammoo yaadaan (virchuwaal) kan ta'edha.

Obbo Kaasaayeen kan biraa kan kaase namni biyya alaaatii karaa seeraan beeksisee (Declare) godhee dolaara qabatee gale, baankii deemee kaardiirra naaf galchaa yoo jedhe carraan kaardii dolaaraa ittiin argachuu danda'u jira jechuudha.

virchuwaal inni ta'e 'E-commerce' qofaaf kan tajaajilu yoo ta'u, kaardiin pilaastikaa garuu biyya kamittiyyu poost maashinii (Point of Sale Machine ykn ATM irratti fayyadamuun ni danda'ama.

Tarii maamilichi biyya alaa deemee booda dolaara kaardiirra galeef maallaqa calllaan (cash) baafachuu yoo barbaade hoo?

Kun kaardii pilaastikaatiin ni danda'ama. Haata'u malee, daangaa qaba. Dolaara 400 qofa baafachuu danda'a.

"Nuti maamilli kaardii akka fayyadamu barbaadna," jedha Obbo Kaasaayeen sababa hedduu eeruun.

Baankonni sharafa alaa kaardiirra galchanii kennuu maaliif filatu?

"Dolaara kaardiirra galchanii kennuun jireenya salphaa taasisa," jedhu ogeessonni baankii BBCn haasofsiise lamaan. Akkamiin?

Tokkoffaa Noottiin dolaaraa (maallaqa waraqaa) akka garaatti hin argamu. Lamaffaa ammoo, sababa hanqina callaa irraa kan ka'een baankonni maamiltoota keessummeessuuf rakkatanii ture.

"Maamilli tokko dolaaran barbaade jechaa osoo jiruu hinqabu yoo jettu miira gaarii hin uumu," jedha Obbo Kaasaayeen. Kaardonni kunneen amma garuu rakoowwan kanneen gam-tokkoon furaa jiru.

Hojmaati sharafa alaa karaa kaardii kanaan dhiyeessuun kun mataa dhukkubbii baankotaa kan hir'iseef ta'eera jedha Obbo Kaasaayeen.

"Nuufis maamiltoota keenyaafis nagaa sammuu kan fidedha" jechuun jejata.

Kanaan dura maamiltoonni sharafa alaa wayita gaafatanitti baankonni hanga gaafataman kennuudhaaf ni rakkatu ture.

Ammas taanaan rakkinichi ni salphate malee hin furamne.