'Ertiraafi TPLF Itoophiyaarratti waraana banuufi'- Mootummaa Itoophiyaa

Ministira Haajaa Alaa Itoophiyaa, Geediyoon Ximootiwoos

Mootummaan Itoophiyaa Eertiraafi Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) waliin Itoophiyaarratti waraana banuufi jechuun UNtti himate.

Xalayaa Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaarraa barraa'e jedhame Eertiraafi TPLF adda "Tsimdo" jedhamu ijaaruun Itoophiyaarratti waraana banuuf qophaayaa jiru jedha.

Xalayaan kun dhugaa ta'uufi dhiisuu mirkaneessuuf BBCn aanga'oota Ministeerichaaf barreessee deebii eegaa jira.

Barruun Addis Standard xalayaan kun Ministeericharraa barreeffamuu eeruun odeeffannicha dursee gabaaseera.

Xalayaan Fulbaana 2/2025 gara Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez ergame ''gartuun TPLF fi Eertiraan adda waloo ijaaruun sochiin godhan ji'oota darban jabaatee mul'ataa jira'' jedha.

Torbanoota darbe hidhattooti naannoo Amaaraa keessa socho'an magaalaa Waldiyaa to'atanii ture. Lola naannoo sanitti gaggeeffameenis loltoota mootummaarra miidhaan guddaan gahuun gabaafame ture.

Ministeerichi xalayaa isaa kana keessatti humnootni gartuu TPLF fi Ertiraa Waldiyatti wanta ta'e keessaa harka qabu jedheera.

Ajajoonni waraanaafi loltootni TPLF lola Waldiyaa to'achuuf godhame keessatti kallattiin hirmaataniiru jedha. Raayyaa fi Walqaayiit keessattis sochiin ture keessaa qooda qabaachuu ibse.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Itoophiyaarratti waraana banuuf si'oominaan qophaa'aa jiru'' kan jedhu xalyichi, dabalataan hidhattoota Faannoo maallaqaanfi humnaan tumsaa dirree waraanaa Faannoo bali'suuf yaalaa jiru jedheera.

Gochaan kun waliigaltee Piriitooriyaa bara 2022 mallatteeffamee fi dhukaasni dhaabbiidhaan akka dhaabatu ajaju ni sarbaa jedheera xaliyichi.

Amma dura Eertiraan gama isheen mootummaan Itoophiyaa naannoon Gaanfa Afrikaa akka tasgabbii dhabu gochaa jira jechuun UNtti himateera

Himannaan Itoophiyaa inni alanaa kun wayita Itoophiyaan sababa handaara Galaana Diimaa Eertiraa waliin ''waraanatti galuunshee hin oolu'' inummaayyuu yeroo dhiyootti ta'uus ni mala tilmaamni jehdu dabalaa dhufetti dhagaahame.

Xalayaan Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa kun Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa sochii gartuun TPLFfi kan Eertiraa godhan ofirraa qolachuurratti qofa xiyyeefatee deebii kennaa akka jiru ibsee ''ejjennoon ofirraa qolachuu jedhu kun garuu kan hin jijiiramneefi iddoo itti dhaabatu hin qabne miti'' jechuun akeekkachiiseera.

Eertiraan gama maallaqaan, meeshaafi, siyaasaan mromitoota deeggaruun naannicha goolti jechuun kallattiin himateera.

Dabaluun Itoophiyaatiin doorsifamaa akka jirtu fi balaa dhima galaana diimaa wajjin walqabatuun itti aggaamamuu malu ''qolachuuttin jira jechaa fedhii barootaa naannicha gooluushee itti fufteetti jedha xalayaan Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa.

Xalayaa Ministirichi Geediyoon Ximootiyoos barreessan jedhame kanarratti Itoophiyana ulaa galaanaa karaa naga aargachuuf tattaaffiin gootu akka itti fuftu mirkaneesseera.

Fedhiin Itoophiyaa haala tokkummaa daanga fi birrmadummaa biyyaa biyyoota lamaanii hin miineen'' ulaa galaanaa argachuun badhaadhina walii mirkaneessuudhas jedhaniiru.

Ministirichi xalayaa isaanii kana keessatti Itoophiyaan dhimma ulaa Galaana Diimaarratti mariyachuuf qophii tauu ibsaniiru, Hawaasni idila addunyaas dhimma kanarratti dhiibbaa akka godhu gaafataniiru.

Ammoo ''Eertiraan kallattiinis ta'e al-kallattiin diinummaa gaggeessutu akka dhaabdu tokkumma daangaafi birmadumma Itoophiyaa akka eegdu'' akekkachiisan.

Itoophiyaan ji'a Adoolessaa darbes Ertiraan garee TPLF fottoqe waliin ta'uun akkasumas humoota hidhatan biroo waliin Itoophiyaa keessatti hokkorri akka dhalatu gochaa jirtii jechuun Ministira Haajaa Alaa US Maarkoo Ruubiyootti xalayaa ergiteen himatee ture.

Itoophiyaa fi Ertiraan dhimma ulaa galaanaaf wal waraanuutti deemuu?

Itoophiyaan dogoggora siyaasaan buufata galaanaa Asab, kan Galaana Diimaarra jiru dhabde jechun buufata qaama Itoophiyaa ture jettu deebifachuunshee hin oolu jetti.

Ministirri Muummee Abiy wayita kitaabsaaanii, Mootummaa Ida'amuu, eebbisan haasaa godhan keessatti Galaanni Diimaa 'keenya, ulaatti bahuun keenya hin oolu' jedhan.

''[Itoophiyaan] Nageenya ni dursiifti. Hiyyummaa waldhaansoo ni qabdi. Karaa ittiin baatee galtus ni tolfatti.

''Kuni waan hin oolle ta'uusaa hubatanii obbolootni keenya ariifatanii mariidhaaf akka of qopheessan,'' jechuun gaafatan.

''Gaaffii Galaana Diimaa ija kamiinuu sirrii miti jedhanii afaanfaajjeessuu yaaluun baandummaan alatti sababa amansiisaa tokkollee hin qabus'' jedhe.

Dhimma kana irratti ''aarsaa barbaachisu kaffaluuf'' qophii ta'uus ibseera.

Ajajaa waranaa duraanii Itoophiyaa kan turan Let Jeneraal Yohaannis Gabremasqel ''osoo ta'uu baateen hawwa, garuu ammoo waraanni waan hin oolle fakkaachaa dhufeera'' jechuun BBCtti himaniiru.

Gaaffiin Itoophiyaan Galaana Diimaarratti kaasaa jirtu hanga waraanaa deemuu akka danda'u kan kaasan qondaalli waraanaa duranii kun, carraan biraan waraana bira osoo hin gahiin Itoophiyaan deebii gaarii itti argattu jira jedhu.

''Tasa Isaayyaas gara mariitti dhufuu danda'a. Amalli Isaayyaas tasa jijjjiiramuu danda'a.''

''Ta'uu baannaan garuu filannoon inni sun[waraanni] hin oolu.''