Ertiraafi TPLF himannaa Itoophiyaa "waraana labsuuf waliin hojjachaa jiru'' jedhu haalaan

Preezdaantiin TPLF Debretsion Gebremichael fi Ministira Odeeffannoo Eertiraa Yamen Gebremeskel

Ertiraa fi gareen TPLF "waraana labsuuf" waliin hojjechaa jiru jechuun himannaa mootummaan Itoophiyaa irratti dhiyeesse haalaniiru.

Ministeerri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa xalayaa UN'f barreessen mootummaan Ertiraa fi Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) " adda "Tsimdo" jedhamu ijaaruun Itoophiyaarratti waraana banuuf qophaayaa jiru jechuun himateef deebii kennan.

TPLF xalayaa kaleessa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif ergeen, "Ministeerri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa himannaa sobaa fi madaala siyaasaa hin qabne TPLF fi ummata Tigraay irratti dhiheesse" jedheera.

"Himannaan sobaa akkasii mootummaan federaalaa irra deddeebiin Waliigaltee Piriitooriyaa cabsuu irraa darbee burjaajjii uumuun xiyyeeffannaa dhabsiisudha'' jechuun beeksisee.

Ministirri Odeeffannoo Ertiraa, Yamanee Gabremeskel, fuula X isaaniirratti, Xalayaan Itoophiyaan UN'f barreessite qeequun, "himata dogoograa ija jabinaan guutamee'' jechuun ibsan.

''Qacceen ofii dhaantee ofii iyyiti'' jechuunis qeeqan.

"Waggoota lamaan darbaniif mootummaan Paartii Badhaadhinaa Itoophiyaa 'yoo danda'ame karaa seeratiin, yoo ta'uu baate humna waraanaatiin' buufata galaanaa argachuuf irra deddeebi'ee dubbachaa tureera" jedhe.

Itti dabaluunis, "duulli olola naannoo babal'ifachuuf kaayyeffate kun doorsisa of eeggannoo hin qabnee fi bu'uura seeraa hin qabnee," jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa Xalayaan Onkoloolessa 2,2025 barreesseen Ertiraa fi TPLF "Yaalii tibbana hidhattoonni Faanoo magaalaa guddoo Wolloo Kaabaa kan taate Waldiyaa to'achuuf taasisan keessatti hirmaataniiru" jechuun himate.

Deebii kanaaf xalayaan gareen TPLF UN'f erge, mootummaan Itoophiyaa "TPLF irratti himannaa sobaa dhiyeessuun xiyyeeffannaa hawaasa addunyaa gara biraatti deebisuuf yaalaa jira," jedheera.

Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon Ximootewos barreessaa olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereeziif barreessan, "ji'oota muraasa darban keessatti qindoominii mootummaa Ertiraa fi garee TPLF finxaaleyyii Wayyaanee gidduu jiru daran ifa ta'aa dhufeera" jedhan.

TPLF xalayaa Onkoloolessa 8, 2025 Guterres'f barreessiteen "gufuuwwan adeemsa nagaa mudatee fi yaaddoo guddachaa jiru irratti xiyyeeffachuu qabdu" jedhe.

TPLF himannaa mootummaa Itoophiyaa kana "bu'uura kan hin qabne" jechuun "walitti dhufeenyi ummataa ummata Tigraay fi Eertiraa wabii nagaa fi araara naannoo yoo ta'u, himannaan bu'uura hin qabne ammoo naannicha keessatti waraana biraa Kaasaa jira" jedhe.

''Mootummaan federaalaa himannaa bu'uura hin qabneen naannichatti waraana biraa eegaluuf waan qophaa'aa jiru fakkaata,'' jechuun xalayaa kanarratti ibseera.

Ministirri Odeeffannoo Eertiraa Yaamen Gebremeskel, ergaa fuula X irratti maxxansaniin, xalayaa Ministeerri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa erge, "uummata Itoophiyaa fi addunyaa dogoggorsaa fi tuffachiise" jechuun kuffiseera.

Itti dabaluunis Eertiraan akkuma kanaan dura ibsite ''haala akkasii keessa harkifamtee hin seentu'' jedhan. Qaamni dhimmi ilaallatu tarkaanfii kanaan akka hin raafamne jedhan obbo Yameenen.

TPLF dirqama Waliigaltee Piriitooriyaa lola dhiigaan dhangalaase kana xumure kabajuu itti fufee osoo jiruu, mootummaan federaalaa garuu buqqaatonni akka deebi'aniif itti gaafatamummaa isaa bahuu dabalatee dirqama waliigaltee kanaan qabu ba'achu dadhabe jedhe.

''Buqqaatonni kuma dhibbaan lakkaa'aman haala hamaa keessa jiraachaa jiru. Bakka jireenyaa, nyaataa fi kunuunsa yaalaa hin qaban. Irra caalaan Tigraay humnoota miseensa Raayyaa Ittisa Itoophiyaa hin taane jala jirti,'' jechuun TPLF UN'tti barreesse

"Humnoonni kun irra caalaan humna ittisaatiin deeggaramanii lafa ummata Tigraay dhuunfatanii jiru. Kunis caasaa dimogiraafii Tigraay jijjiiruuf hojjetamaa jira.

Dhaabbileen mootummaa federaalaa falmii lixa Tigraay qaama naannoo Amaaraati jedhu ifatti dhiibuun Waliigaltee Piriitooriyaa cabsaniirus" jedha.

Mootummaan Itoophiyaa xalayaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif barreesseen, TPLF fi Ertiraan "gareewwan hidhattootaa akka Faanoo maallaqaan gargaaraa, gurmaa'anii, hoogganuudhaan waldhabdeen akka hammatuu itaasisaa jiru" jechuun himate.

Kana malees haleellaa hidhattoonni Faanoo tibbana Wolloo Kaabaa magaalaa Woldiyaatti raawwatame keessatti mootummaan Eertiraa fi TPLF harka keessaa qabu jechuun himate.

Xalayaan Ministeera Dhimma Alaa kun walitti bu'iinsa Woldiyaa fi jeequmsa Raayyaa fi Wolkaayit keessatti uumame keessatti ajajoonni waraanaa fi loltootni TPLF kallattiin hirmaachuu isaaniis hubachiisee jira.

Mootummaan Itoophiyaa xalayaa isaa keessatti TPLF Waliigaltee Piriitooriyaa cabse jechuun himatus, TPLF gama isaan mootummaan federaalaatu waliigaltee kana cabsee jechuun himachuun deebii kenne.

Xalayaa kana keessatti TPLF "humnoonni miseensaa raayya Ittisa biyaa hin taane akkuma Waliigaltee Piritooriyaa keessatti tumameen Tigraay keessaa bahuu hin dandeenye" jechuun waliigaltee kana cabsuun himuun kun ammoo "adeemsa nagaa gufachiisuun tasgabbii akk dhabamuu fi yaaddoon waraanaa akka babal'atu gumaacheera" jedhe

Wayyaaneen Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beekamtii seeraa Wayyaanee, kan waliigaltee Piritooriyaa faallaa ta'e, "ka'umsa siyaasaatiin kan ka'e" ta'uu dhowwuun himattee, "sochii waraanaa Tigraay fi naannawa ishee keessatti dabalaa dhufuun balaadha" jetteetti.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, TPLF "sochii waraanaa Tigraay fi naannoo ishee keessatti dabalaa dhufeen balaadhaaf saaxilameera" jechuun Waliigaltee Piriitooriyaa cabsuun "ka'umsa siyaasaatiin" beekamtii seeraa dhorkachuus himate.

Mootummaan Itoophiyaas loltoota waraana Tigraay irraa foxxoqan "leenjisuu fi hidhachiisuu itti fufa" jechuun himate.

Kun ammoo "waldhabdee haaraa akka eegaluuf sababa ta'uu haaromsuu akka danda'u" ibse

Ministirri Beeksisaa Ertiraa gamasaatiin, ergaa fuula X isaarratti baaseen, kanaan dura pirezidanti Isaayyaas Af-warqii gaaffiifi deebii taasiseen, "fedhii waraanaa hin qabnu, akkasumas kayyoo daangaa bulchiinsa olloota keenyaa fudhachuu hin qabnu. Haata'u malee, seenaanis akkuma ragaa bahu yoo tuqamne akkamitti akka biyya keenya eeguu dandeenyu ni beekna," jechuusaa eereera.

Itti dabaluun pirezidant Isaayyaas, "Badhaadhinni waa'ee diroonota bitatee, misaa'eloota lafa fagoo deemanii, taakniiwwan, kkf odeessa. Akka Ertiraarratti haleellaa raawwatan dhaadatu. Kun sammuutiin olidha. Warra seenaa beekan qofatu dhaggeeffata," jechuun ibseera.

Obbo Yamaaneen, " deebiin keenya ummata Itoophiyaa waraana hiika hin qbnetti hin naqiinaa. Rakkoo keessan isa sirrii furadhaa. Of adabadhaa taa'aa!" jechuun dubbii pirezidant eereera.

TPLF ammoo Antooniyoo Guteereez eeruun xalayaa barreesseen, "waliigaltee Piritooriyaa hojiitti hin hiikamiin ilaalchisuun Gamtaan Afrikaa gamagama akka taasisu gaafanneerra. Isinis mariin siyaasaa akka taasifamuuf akka deeggertan ni gaafanna," jedheera.

"Mariin siyaasa qaamoleen waliigaltee Piritooriyaa mallatteessan tokko isa kaanirratti amantaa qaban akka haaromsataniif gargaara, hojiirra oolmaa waliigaltee kanaas ni mirkaneessa," jechuun dabalee ibseera.

Ministeerri dhimma alaa xalayaa dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif barreesseen, Itoophiyaan "yaalii ulaa galaanaa argachuuf taasifturraa" kan ka'een Ertiraan yaaddoo keessa akka galte eeruun kaayyoo Itophiyaa "gooluufi qoqqooduu" qabdi jechuun himateera.

Ministeerichi, "Ertiran gocha dubbii barbaaduushee kana akka tooftaa dursitee ofirraa ittisuutti" fayyadamteetti jechuun yaaliin akka kanaa "sbaba Ertiraan gocha Itoophiyaa diiguuf barootaaf gochaa turte dhokfachuuf dhiyeessitudha jechuun," jechuun ibseera.

Mootummaan Itoophiyaa TPLF fi Ertiraan "waraana labsuuf" waloon hojjechaa jiru jechuun xalayaa himateef TPLF deebii kenneen "ministeerri dhimma alaa hala jiru akka hin taanetti dabsaa jira, isa weerare akka miidhamaatti, miidhamaa ammoo akka weeraraatti dhiyeesseera," jedhe.

Mootummaan Ertiraa waraana isaa Itoophiyaa cinaa hiriirsuun waraana Tigraay dhiiga dhangalaasserratti kan hirmaate yoo ta'u, waliigaltee Piritooriyaan boda hariiroon isaanii deebiyee laafeera.

Waxabajji darbe Itoophiyaan, Ertiraan gartuu TPLF fi qaamolee hidhatan biroo waliin ji'oota gannaa keessa haleellaa banuudhaaf "wal tumsaafi qindoomina uumaa" jirujechuun Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaarratti himachuun ishee ni yaadatama.

Kana hordofee Ertiraan walakkeessa ji'a Waxabajjii keessa, mootummaan Itoophiyaa ajandaa waraanaasaatiif deeggarsa walitti qabachuuf duula dippilomaasii narratti cimseera jechuun himachuun ishee ni yaadatama.

Ji'a Adoolessaa keessa ammoo dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti bakka bu'aan Itoophiyaa Ambaasaaddar Tsagga'aab Kibabawu miseensonni humna waraanaa Ertiraa bakkawwan daangaa Itoophiyaarratti argaman to'atanii akka jiraniifi yakkawwan hamoo raawwachuu itti fufuu gabaasaaleen bahaa akka jiran dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif ibseera.

Ertiraan gamasheetiin daangaa hawaasni idil-addunya beekurratti daangeffamtee akka jirtu ibsuun, komii Ambaasaaddarichaa fudhatama hin qabu jetteetti.