Artistii Gameessi Alii Birraa du'aan boqote

Alii Birraa

Madda suuraa, OCB

Artistiin gameessi, Alii Birraa kan jaarraa walakkaatiif hojiiwwan aartii isaa barri irraa hin darbineen Itoophiyaarra darbee sadarkaa addunyaatti diniqisifannaa olaanaa argate du'aan boqote.

Biiroon Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ibsa gaddaa galgala, "Gaaddisa artii Oromoo, falmaa bilisummaafi waqixxummaa dhala namaa kan ta'e Dr. Artist Alii Birraa du'aan boqochuun ummata Itoophiyaa maraaf, addatti ammoo ummata Oromoof gadda ulfaataadha.

Artisitiin gameessi Alii Birraa dhukkubsatee jalqaba Onkoloolessaarraa kaasee wallaansarra jiraachuu maatiifi namoonni qaaman hospitaalatti argan BBCtti himanii ture.

Gameessi ganna 75 Alii Birraa, amma duralleen dhukkubsatee biyya keessaafi alatti erga yaalamee booda wayyaa’ee ture.

"Alii Birraa guddina artii Oromoo qofa otoo hin taane kallattii guddina siyaas-diinagdeefi hawaasummaa ummata Oromoo akeekuun injifannoo ummanni keenya har'a gonfateef nama gumaachaa qaalii taasisedha" jedha ibsi Biiroo Komunikeeshinii Mootummaa Oromiyaa kun.

Gumaacha Artiist Alii Birraa taasise dhaloonni bara baraan yaadata kan jedhu ibsi gaddaa bahe kun, Artiist Alii Birraa nama artiif amanamee ummataaf jiraate waan ta'eef sirboonni isaa Itoophiyaa biratti jaalala, sadarkaa idil-addunyaatti ammoo dinqisifannaa guddaa argachuu danda'aniiru jedha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Dr. Kabajaa Alii Birraaf Jannata ummata Oromoo, dinqisifattootaafi maatii isaatiif ammoo jajjabina hawwaa sirna geggeessaa goota tokkoof raawwachuudhaaf Koreen Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaan hogganamu hojjetamaa jiraachuus eerer ibsi kun.

Kanaan dura Alii Birraa dhibee onneefi sukkaaratiin rakkataa akka ture BBCtti himee ture.

Jaarraa walakkaa darbeef guddina aartii Oromoo keessatti gahee guddaa gumaachaa ture.

Artist Alii Birraa Afaan Oromootiin alattis afaanota gara shanii ta'aniin akka weellisaa ture seenaan isaa ni mul'isa.

Dhimmoota aadaa, afaan, hawaasummaa, siyaasa, qaroomina, ispoortii, jaalala, walqixxummaafi kaan hedduu irratti weelluuwwan dhaloota irraa dhalootatti darbaniin beekama.