Jaappaan dargaggoonni alkoolii akka dhuganiif maaliif duula eegalte?

Dargaggoota Jaappaan

Madda suuraa, Getty Images

Dargaggoonni Jaappaan hedduun dhugaatii alkoolii dhuguurraa of qusatu- qondaaltonni biyyattii garuu laganna kana duula haaraa gaggeessanii geeddaruu barbaadu.

Dargaggoonni dhaloota haaraan akka warra isaanii alkoolii baay'ee hin dhugani. Warra isaanii gadi dhugaatii alkoolii dhugu.

Taateen kun garuu qaraxaa fi galii dhugaatii ruuziirraa qophaa’uu fa’aa haalaan hubeera.

Kanarraa ka’uun Ejensiin Taaksii Biyyaaleessa Jaappaan dorgommii akka biyyaleessaatti qopheessuun yaada dhugaatii alkoolii lagachuu biyyattii keessatti hammaate geeddaru barbaada.

Duulli dhugaatii alkoolii jajjabeessu ’’Sake Viva!’’ jedhamu karoora dhugaatii alkoolii caalatti hawwaataa taasisu fi galii warshaalee biyyattii guddisu qaba.

Yaad-rimeen dhiyaate sun dargaggoonni umrii 20 hanga 39 gidduu jiran yaada daldala jalqabuuf isaan gargaaru akka himan gaafatamaniiru.

Gartuun dorgommii Abbaa Taayitaa Taaksii Jaappaan waliin ta’uun qindeessu akka jedhutti, yeroo weerara Covidi-19tti barsiifanni baratameefi akkasuma namoonni umriin jaaran alkoolii dhuguu xiqqeessuun gurgurtaa dhugaatii gadi buuse.

Gartuun kun namoonni dhugaatii alkoolii hawaasatti beeksisuurratti waldorgoman sirnaan dhaadhessuurraa qabee hanga hubannoo namtolchee (artificial intelligence) akka gargaaramuf karoorsan barbaadu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Miidiyaaleen Jaappaan akka jedhanitti, dhimmi dhugaati alkoolii yaada walmakaa; qeeqaafi barsiifata sirrii hin taane jajjabeessuudha jedhu.

Taatullee namoonni kaan yaadota qabatamaatti taatoonni fiilmii bebbeekamoon wayita kilabii dijitaalaarratti keessuummeessan agarsiisu fa’aa toora intarneetirratti maxxansan.

Namoonni dhugaatii alkoolii beeksisuurratti waldorgoman hanga xumura ji’a Fulbaanatti yaadasaanii dhiyeessutu isaanirraa eegama.

Marsariitiin duullii kun ittiin gaggeeffamu akka jedhutti, gabaan dhugaatii alkoolii Jaappaan kan gadi adeemu danda'e namoonni umriin raagan dabaluun, hammii daa’imman haaraa dhalatanii gadi hir’achuun sababadha.

Ragaan Ejensiin Taaksii biyyattii baase akka agarsiisutti, hangi dhugaatii alkoolii bara 2020'tti namoonni dhugan wayita kan bara 1995 wajjiin wal bira qabamu gadi xiqqaate.

Galiin taaksii dhugaatii alkooliirra argamu turtii waggootaan lakkaa’amu keessatti gadi hir’ateera.

Akka Gaaazexaan Jaappaan Taayimsi jedhutti, bara 1980'tti galii %5 ta’u biyyattiin dhugaatii alkooliirraa argatti ture, bara 2020'tti garuu galiin argamu %1.7tti gadi hir’ate.

Baankiin Addunyaa akka jedhutti lammiilee Jaappaan keessa %29 umriin isaanii ganna 65 fi isaa oli. Kunis biyya addunyaarratti hanga namoota umriin raagaan hunda caala qabdu taasiseera.