''Ijoollee 35 fi maatii 25'n qaba garuu homtuusaanii kan koo miti''

Yu'ichi Ishii nama qal'innisa halaala mul'atu garuu ijjisaa fuula nama dadhabe fakkaaturraa ifu.
Aja'ibas miti, ganna 38tti ijoollee hedduu namni umrii isaarra jiru horatee hin beekne qaba.
Garuu guyyaatti sa'aatii afur hin caallee isaan waliin tura. Torban muraasaaf fuudhee waliin tura, isayyuu fedhii maamilasaa ilaaleetu.
Waggaa 10 dura ture Ishiin kaampaanii maatii, hiriyyaa fi jaalallee kireessu kan hundeessee.
Hojjattootta akka abbaa ,haadhaa, wasiilaa, eessumaa ,akaakaayyuu fi firaatti ilaalaman maatii diigame tajaajilan 2,200 qaba.
Kaampaaniin isaa ta'e kabajaa fi jaalalli inni namoota biratti qabu amma yaadeen ol guddate.
Maarree Ishiin abbaa ijoollee 35 fi maatii 25 miira itti dhaga'amu BBCtti himeera.

Gowwoomsadha garuu sirriiidha
Ishiin akka jedhetti ,yaadni jaalala maatii waggaa 14'n kana hiriyaan isaa ilmasaa oolma daa'immani galchuuf af-gaaffiin daa'imaa fi maatii wayita barbaachise yaadni kunis naaf dhufe jedhe.
Haadha daa'imashi abbaa malee guddistu bira deeme ture.
''akkan yaadetti warraa ta'uufin dadhabe.garuu maatiin akka barbaachisun yaade'' jedhe.
Jaalalli maati namoota deeggarsa barbaadaniif waan guutuu qabaa jedha.
''garuu dhugaa miti, Sa'aati muraasaaf hiriyaa ykn fira siif ta'uun danda'a'' jedha.

Hiriyaa fi warra kiraan
Maamiloonnisaa fedhi hedduu qabu.
Kaan isaanii hiriyaan isaanii warrasaanii akka argu barbaadu, garuu waanuma fedhetu hafa malee maatii isaatiin dhugumaan wal hin barsiisu. hojjattuun isaa fira dheerina, qajjiisa fi umriin wal gitu barbaadeefi walitti fiddi.
Ishiin akka jedhuttu ''namootni hiriyaa hin qabne hiriyaa kireeffatu''
''akkuma hiriya dhugaatti waliin suuqii deemna, waliin haasofna''
''yeroo tokko tokko Namoonni umriin achi hiiqan intala durba ,ilma fi akaakayyuu kanaan dura hin qabne argachuu fedhu.''

Madda suuraa, Getty Images
Abbummaan qooda baayyee jaalatamu
Qoodni baayyee barbaadamu kan abbaati jedha Ishiin.
Jaappaan keessatti waggaatti namoonni 200,000 waggaatti wal hiiku ,sababii kanaan daa'imman qophumasaanii haati ykn abbaan guddisu.
Ishiin warrii ijoolee qophaa guddisan tajaalillisaa deeggaree jira jechuun falma.
garuu namni fakkeenyummaa hundaaf ta'uu danda'e hin jiruu jedha.
namoonni kaan abbaa isaan cimsee hordofuu barbaadu ,kaanimmoo hin fedhan.
hojiin jabduun yeroo Ishiin isaan daa'immaan tajaajilan 'nagaattii' jedhe gaggeessuu .
''daa'imman amansiisuutu ulfaata. wayita boo'an arguunimmoo nama gaddisisa , kanaaf cimaa'' jedha.

Madda suuraa, Getty Images
Ijoollee koo ta'uun yaadadha
Hojjataan maatii shan qofaa tajaajila. gaafa hojiicha eegalu garuu jaalallee maatii 25 ture.
Ijoolleen 35 abbaasaanii dhugumaa akkan ta'eetti na beeku.Hiriyummaa jaalalaa sobaa namoota 69 waliin qaba.
Otoon iddoo hojii hin deemiin guyyaa hundumaa odeffannoo maatiin adda baasa. yaadannoo koorratti maqaasaanii ,odeeffannoon barbaadu waliini ilaala jedhaIshiin.
yeroo tokko tokko maqaa masoosaanii fa'aan irraanfadhee yaadannoo koorraa barbaada ''jedha.
hojichi Ispoortii, waltajjirra fi hojii biraarratti hirmachuurraa akka isan dhorkine hime.
''Boqonnaa hin qabu, hojiitu natti heddummata ''jedha Ishiin.
''Yeroon ani qabu halkan qixxeedha, amma fedheyyuu dadhabu Filmiin ilaala, fakkiin kaasa, kana boqonnaan koo. guyyaatti sa'aatii 3 qofaan rafa ''jedha.

Madda suuraa, Getty Images
Miiraa fi Biizinasii
Ishiin hin fuune , daa'ima ofiif dhalches dhugumatti hin qabu,horachuus hin fedhu.
Yoon ofii kootiif warroome, miira maatii koo 25'n sanaan jeeqa jedheen yaada.
''Yoon fuudhe miiraa akkamii keessan seena laata?'' jedhe yaada jedhe Ishiin.
'Otoon daa'imman ofiiif dhalche qabaadhe, isaan arguus nan sodaadha , maatii sobaa sana waliin na harkaa wal makaa ''jedha.
Ishiin akka jedheetti, taatummaan kun jaalala namatti agarsiisuu kan gaafatu ta'us, bizinasiin isa garuu wal hubannoo taatotaa fi maamiltotarratti hunda'aa jedha.
Saalqunnamtii ykn wal dhungachuun dhorkaadha. Kaampaanichi tajaajila gosa 30 qajeelfama gargar ta'e qabu waliin kenna.
''Maamilli sa'aati 4 keessatti geejjiba fi soorataaf doolara 180 kaffala.Haadha tokkoof maallaqni ammasi xiqqaa miti.''jedhe Ishiin.

Madda suuraa, Getty Images
dhugaa hadhooftu
dhaadannoon maatiisaatii'' gammachuun waan mul'atuun oli''jedha.garuu yeroon booda dhoksuun hin danda'amu.
Ishiin intalaasaa ganna 20 abbaa koo dhugaati jettuun abbumma isaa irraa kaasu yaadeera.
Maatiin dhugaa jiru ijoolleetti himuu qabuu jedha Ishiin ,garuu ani murtessuu hin dandeenyee jedheetu gaabbaa.
kaampaaniin hundeesse namoota rakkina dhuunfaa qabaniif barbaachisa ta'udha dubbata.
''Aadaan Jaappanotaa mijataadha, walkabajuu fi gatii waliif kennuudha. garuu yaaddoon keenya namni waa'ee keenya maal hima isa jedhudha.
''nuti of ibsuuf rakkanna, waan ta'uu feenu taanerramoo jennetu.
''Hawaasni keenya tajaajila akkasii otoo barbaaduu baatee gaariidha jedheen yaada, garuu akkas miti''jedhe.













