Dhohiinsa boombii mudateefi dirmannaa ogeeyyii fayyaa

Hojjettoota fayyaa

Madda suuraa, YONAS TADESSE

Tamsaasa hiriira deeggarsaa midiyaalee garaa garaatiin kallattiin darbaa tureerratti, Minnistirri mummee haasawaa ummataaf taasisan akkuma xumuraniin sagaleen dhohiinsaa dhagahamusaatti aanee namoonni achi turan yoo figan mul'ataniiru.

Namoonni haaleelichaan miidhaa irra qaqabees gara hospitaalota Zawudituu, Xiquri Anbassaa fi Alarti kan geeffaman yoo ta'u, hojjatan hospitaala Zawiditu irraa dubbifne tokkoos ambulaansiin namoota hubaman qabatanii yoo seenan arguu himeera.

Miidhaa qaqqabeen boodas ministirri mummee Dr Abiyi haasawa taasisaniin badiinsa lubbuu qaqqabeef gadda isaanitti dhagahame ibsan.

Minstirri Fayyaa Dr. Amiir Amaan lubbuun nama lamaa darbuusaa fuula Tiwiitaraa isaaniirra ibsaniiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Ittigaafatamaan waajjira ministira muummee Obbo Fitsum Araggaa gama isaanitiin 83 miidhamusaanii isaan keessaa namoonni 3 ammoo miidhaa olaanaan irra qaqabu dubbataniiru.

Gama biraatin ammoo namoonni 40 ta'an balaa irra qaqabeen gara hospitaala Xiquranbasaatti ergamuusaanii fi kanneen keessaa namoonni 30 cabiinsi lafee, kanneen 10 ta'an ammoo mataa isanii irraa nmiidhaan qaqabuu maddi BBC dubbisee himeera.

Miidhaa ciman kannee irra qaqabe keessaa muraansi isaanii waan miidhaa olaanaa qabaniif gara hospitaala Minilikiifi Abeetiitti ergamu narsiin maqaan ishee akka hineramne himtee fi keenya hospitaala Xiqir Anbasa irraa dubbifne nutti himeera.

Akkasumas Itti gaafatamaan dhaabbata Fannoo Diimaa damee Finfinnee Obbo Ababaawu Baqalaa wayita halleelaan raawwatu achi turusaanii himanii, namoonni 165 ol ta'an miidhamanii hospitaala garaa garaatti ergamu dubbataniiru.

Bakka halleellaan raawwatameetti deegarsa tasaa taasisuuf dunkaana dhaabamuu isaafi narsoonni 4 fi namoonni tola oltummaa hojjatan 80 hirmaachaa jiru jedhaniiru.

Hospitaala Zawudituu

''Balaan qaqabee cimaa ta'usaa ambulaansiiwwan dhiigaan makamu himaniiru,'' kan jedhan Obbo Ababaaw namoonni 165 hospitaal galaniiru jedheera.

Kana malees erga hallellaan dhaqabeen booda namoonni yoo figan miidhaa qaqabuusa dabaluun himaniiru.

''Qaamooleen nageenyaa waan baayyee hojjannee jira garuu humnoonni kunneen qophii olaanaa taasisuu isaanitiin miidhaa kun qaqabeera,'' jedhaniiru komishinarichi.

Akkasumas dhimmacharratti qorannoon gaggeefamaa jiraachuufi akkuma qulqullefaneen kan ummataaf ifa taasisan ta'u dubbataniiru.