Finfinnee: Boombii dhoheen namni lama yoo du'u, sadii haala yaaddessaa keessa jiru
Hiriirri deeggarsaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmadiif Sambata darbe magaalaa Finfinneetti qophaa'e irratti boombii darbatameen namoonni lama lubbuu dhabuun mirkanaa'ee jira.
Waliigalatti namoonni miidhaman 156 yoo ta'an namoonni 43 hospitaalaatti yaalamaa akka jiran, isaan keessaa namoonni sadii haala yaaddessaa keessa jiraachuu Ministirri Fayyaa Obbo Amiir Amaan beeksisaniiru.
Ka'umsi balaa kanaafi qaamni raawwate armaan dura hin baramne.
Komiishanara Itti aanaa Poolisii magaalaa Finfinnee dabalatee miseensonni poolisii federaalaafi magaalaa Finfinnee 9 to'annoo jala ooluu isaanii Miidiyaan biyyaalessaa gabaasee jira.
Walumaagalatti lakkoofsi namoota dhohiinsa boombii kanaan shakkamanii to'annoo jala oolanii 30 gahuus gabaaseera.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad ergaa balaa sana booda ETV irratti taasisaniin, 'Yaadni hammeenyaa keessan isiiniif hin milkoofne' jechuun warra du'aniifi kan miidhamaniif gadda itti dhagahame ibsaniiru.
'Jijjiiramni eegale akka fuulduratti hin deemne, hiriirichis nagaan akka hin xumuramne warra barbaadaniin kan raawwatedha jedhu dura taa'aan koree qindeessituu hiriirichaa Obbo Guddataa Galaalchaa.

Madda suuraa, Anadolu Agency
Boombii dhuka'een alatti boombii harkaa borsaatti baatanii namoonni uummataan qabaman poolisiitti kennamus Obbo Guddataan himaniiru.
''Namoonni boombiin waliin qabaman kunneenis battalumatti akka irratti murtaa'u, uummanni gaafachaas jira,'' jedhan.
"Nageenya ilaalchisuun poolisii Federaalaa, kan magaalaa Finfinneefi kan Oromiyaa waliin qindoominaan hojjetaa turre, haa ta'u malee wanti amma ta'e kun gama qaama nageenyaatiin mudaan akka jiru nutti agarsiisa" jedhu.
Ergaan dabarsuuf yaadameefi kaayyoon hiriirichi waamameef garuu guutummaan guutuutti milkaa'eera jedhu.
Jaappaanitti ambaasaaddarri Ertiraa Isxifaanos Afawarqii kan Twiit godhan (Afaan Ingiliizii)
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 1
Mootummaan Naannoo Tigraayis gochaa kana akka balaaleeffatanis ibsan (Afaan Tigree)
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 2















