Intalli mootii Jaappaan Makoon kabajaa intala warra mootii dhiistee jaalallee isheetti heerumte

Madda suuraa, GETTY IMAGES
Intalli warra mootii Jaappaan Makoo jedhamtu mirga (kabajaa) akka intala mootiitti qabdu dhiistee jaalallee ishee kolleejjitti wal beekan Keyi Komuroo jedhamutti heerumte.
Akka seera Jaappanitti intalli warraa mootii yoo nama gulantaa akkashee hin qabneefi miseensa warra mootii hin taanetti heerumte intala mootii jedhamu dhaabdi, dhiirri garuu yoo fudhaa akkasi raawwate ilma mootii jedhamuu hin dhabu.
Makoon silaa maatii warra mootii keessaa yeroo baatu kaffaltii dolaara miiliyoona 1.3 kanfalamufillee fudhachuu didde.
Makoon dubartii miseensa maatii warra mootii yeroo jalqabaatiif lamaanuu dhiifte taatetti.
Jaalalleewwan bultii ijaarratan lamaan gara US tti akka qajeelanitu eegama. Ameerikaatti Aab Komuroon gaa’ilaan booda akka ogeessa seeraatti hojjata.
Tarkaanifi kana fudhachuun jaalalleewwan kana maatii warra mootii Bitiish Meegan Markeeliifi ilma mootii Haarii waliin otoo hin beekamiin akka madalaaman taasiseera.
Kanarraa ka’uun warri reefu bultii ijaarratan kunneen maqaa masoo ‘’Haariifi Meegaan Jaappaan,‘’ jedhu argataniiru.
Akkuma Makoo, Aab Komuron jaalallee Makoo ta’u erga beeksise as dhiibbaan itti cimee ture.
Tibbana wayita Jaappaanitti deebi’etti akkatti rifeensa mataa isaa duubatti hidhate qeequ.
Gaafa Kibxataa kanneen jaalalleewwan lamaan gaa'ila raawwachuu isaanii mormun daanditti kan bahan turani.

Madda suuraa, Getty Images
Ibsa gaafa Kibxataa kennaniin Makoon sababa gaa'ila isheetin waan mudate hundaaf dhiifama jetteetti.
Abba Komuroon immoo Makoo akka jaalateefi bara jireenya isaa ishee waliin jiraachuu akka fedhu dubbate.
Intalli warra mootii Makoon iddoo jiraattu Tookiyoorraa Kibxata gaa’ila ishee galmeessifachuu kan deemte yoo ta’u, yeroo hedduu qomaan gadi qabuun ilma mootii Fumihitoo fi intala mootii Kiikootti nagaatti dhaamte.
Makoon otoo manaa hin bahiin dura obboleetti ishee quxisuu hammatteeni akka turte toorri oduu Kiyodoo jedhamu himeera.
Jaappaan keessatti hariiroon jaalalleewwan kanaa walfamisiisaa ta’eera.
Bara 2017 eegalee Aab Komuroo waliin hariiroo jalaala kan qabaata turan yoo ta’u, bara ittaanu wal fuudhu jedhame ture.
Haati Komuroo maallaqa dhabuu isaaniitiin gaa’illi isaanii otoo hin raaawwatamiin turuutu kaafama.
Akka gabaafamaetti taanaan maallaqa jaalallee isaanii duraanirraa liqeeffatan osoo hin deebisin hafan.
Masaraan biyyaleessaa Jaappaan garuu sababii kanaaf gaa’illi isaanii harkifachuu haalera.















