Dargaggoonni Arabaa maaliif qoricha miira saal-quunnamtii kakaasutti fuula deebifatan?

Dukkaana qoricha aadaa magaalaa guddoo Masrii Kaayiroo, ollaa seenaa-qabeettii Baab Al-Shaariyaa keeessatti ogeessi qorichaa Raabaayi al-Habashi "bulbula qorichaa ajaa’iba," jedhu agarsiifata.
Al-Habashiin qoricha miira saal-quunnamtii kakaasu gurguruun Kaayiroo keessatti maqaa horateera. Waggoota darban keessatti garuu wanti maamiloonni barbaadan jijjiiramuu argeera jedha.
"Yeroo ammaa dhiironni baay'ee vaayaagiraa ykn ‘blue pills’ dhaabilee biyyoota Lixaa irraa bitu," jedhe.
Qorannoowwan baay'een dhiironni biyyoota Arabaa qorichoota miiraa fi qaama saalaa saanii kaasan kanneen akka Vaayaagiraa, Vaardeenaafil fi Tadalaafiil jedhaman fayyadamu.
Ragaaleen kunneen jiraatanillee ammoo dhiironni baay'een BBC’n dubbise garuu qorichoota kunneen fayyadamuu isaanii ni waakkatu. Kaan immoo gonkumaa dhimma kanarratti dubbachuu hin barbaadan. "Naamuusa hawaasa isaaniin ala," akka tahes himu.
Qorannoo bara 2012tti taasifameen qoricha qaamni saalaa dhiiraa akka ka’uu godhu fayyadamuun biyyoota Arabaa keessaa Masriin sadarkaa lammaffaa irra jirti.
Gaazexaan Saa’udii Al-Riyaadhi bara gabaasa kana baasetti, Saa’udiin waggaatti qoricha miira saal-quunamtii kakaasu irratti doolaara biiliyoona 1.5 baasti jedhe.
Haala kanaan Saa’udiin Raashiyaa lakkoofsa uummataa dachaa shan caalu qabdurra dachaa kudhan kiniinii kana fayyadamti.
Masriin ammoo warreen sadarkaa jalqabaa jiran keessaati.
Ragaan mootummaa akka agarsiisutti, biyyattiin waggaatti kiniinii qaama saalaa dhiiraa kaasu kan doolaara miiliyoona 127'n tilmaamamu gurgurteetti.
Kun immoo gabaa qorichaa Masrii waliigalaa keessaa 2.8 kan tahuun qixxeedha.
‘Dhiibbaa dhiiraa’
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 2014tti kiniiniin miira saal-quunnamtii kakaasu kan Al-Fankoosh jedhamuu gabaa Masrii keessatti bifa chokkolaataan dhiyaate.
Yeroo muraasa booda garuu kiniinin kun ni dhorkame. Oomishtoonni hidhaa bu’an, miidiyaaleen biyya keessaa qorichi kun ijoolleetti akka gurguramaa ture himan.
Kiniinii farraa dadhabbii saal-quunnamtii yeroo baay'ee dhiirota dargaggoo irra warra ga’eessaatu fayyadama. Yaman keessatti garuu ragaan ministeera fayyaa dhiiroti umriin isaanii 20-45 keessa jiran kiniinii kana fayyadamu jedha.
Gabaasoti biyyoota kanaa kiniiniiwwan kanneen akka Vaayaagiraa dargaggoonni bashannanaaf akka fudhatan himu. Kunis waraana walii waliinii Yaman finciltoota Huutii fi mootummaa biyyattii Saa’udii Arabiyaan deeggaramuun booda waan baramaa dhufe dha jedhan.
Mohaammad Safaaksii Tuunisiyaatti piroofeesara wallaansa baqaqsanii hodhuu qaama wal-hormaataafi ujummoo fincaaniidha. Akka isaan jedhaniitti kiniiniiwwan kunneen ‘miira saal-qunnamtii kakaasuuf,’’ miti kan tolfaman, rakkoo namoota umrii ga’essummaarra darban miidhu wal’aanuuf kan tolfamanidha.
Gama biraan ogeettiin dhimma saal-quunnamtii Baha Gidduugalaa Sheriin El Fakii, dargaggoonni biyyoota Arabaa kiniiniiwwan kunneen kan fayyadaman waan aadaa tahaa dhufeefi jetti.
Qorannoo wal-qixxummaa koorniyaa Mootummoota Gamtoomaniin bara 2017’n taasifame irratti yaada kenniteen, "dhiiroti qorannoo irratti hirmaatan hundi sadarkaa jedhamuun egeree isaaniifi waa’ee maatii isaanii deeggaruu irratti ni yaadda’u.
Dhiiroti baay'ee dhiira tahuun ba’aa guddaa qaba yoo jedhan, dubartoonni immoo, "dhiiroti ammaa akka dhiiraa mitii," jedhu jette.
"Hiikni dhiirummaa geeddaramaa dhufuufi dandeettiin saal-quunnamtii immoo dhimma aadaa dhiirummaa ibsu keessa waan jiruuf, saal-quunnamtii raawwachuu irrattis dhiibbaa gochaa jira," jetti.
Kana malees Adde El Fakiin waa’ee dandeetti saal-qunnamtii dhipachuun yaada dogoggoraa filmiii saal-quunnamtii pornoogiraafii ilaaluun uumamudha.
"Kunimmoo dargaggoonni saal-quunnamtiin inni ‘sirriin’ maali kan jedhurratti yaada isaanii jijjiireera,'' jetti.

Madda suuraa, Getty Images
Seenaan Arabaa maal jedha?
Kiniinii fedhii saal-quunnatiif fayyadamuun biyyoota Arabaatti akka taatee ammayyaatti haa ilaalamuyyuu malee, nyaata ykn dhugaatii fedhii saal-quunnamtiif kakaasu fayyadamuun garuu seenaa biyyoota Arabaa keessatti durumaa qabee waan ture dha.
Hayyuufi barreessaan Islaamaa jaarraa 14ffaa Ibiin Qayiim al-Jaawziyyaa, kitaaba isaa keessatti, biqiloota fedhii saal-quunnamtii dabaluuf gargaaran tarreesseera.
Sheriin El Fakiin aadaa Arabaa keessatti "dubartoonni fedhii fi dandeetti saal qunnamtii jabaa akka qabaniifi dhiironni garuu fedhii dubartootaan qixxachuuf fooyyeessuu akka qabanitti ilaalama" jetti.
Yaadni kuni yeroo bulchiinsa Impaayara Otoomaanii barreessaa Ahimad bin Suleemaaniin barreefame.
Kitaabichi insaayikiloopidiyaa (kuusaa) qorichaa fi biqiloota dhukkuba saal-quunnamtii fayyisuufi fedhii dhiiraafi dubartii foyyeesuuf gargaaran qabateera.
Waggoota dhibba meeqaan booda, dargaggoonni biyyoota Arabaa biqilootaafi dhugaatii dandeettii saal-quunnatii foyyeesuuf gargaaranitti deebi’aa jiru.












