Itoophiyaatti harki guutummaatti balaadhaan citee ture akkamiin walitti deebi'e?

Madda suuraa, Hakim
Daarektarri Meedikaalaa Giddugala Baqaqsanii Hodhuu Samaariyaa Doktar Anteneh Kahlu dargaggeessi harkisa balaan guutummaan guutuutti citee irraa bu'e baqaqsanii hodhuun walitti deebi'uun milkaa'uu BBCtti hime.
Baqaqsanii hodhuun milkaa'aa akkasii kun "yeroo jalqabaatiif" Itoophiyaatti raawwatamuu mala jechuunis tilmaamaniiru.
Dr. Anteneh akka ibsanitti miidhamaan ganna 20 kun torban sadii dura maashinii mukaa hojjechaa osoo jiruu harki isaa muramee hospitaala seene.
"Harki isaa ciqileen gaditti cite. Harki isaa guutummaatti qaama isaa irraa adda bahee ture," jedha doktorichi.
"Dhukkubsataan dursee dhufe. Hirki citemmoo cabbeeffamee maramee daqiiqaa muraasa booda dhufe. Kan fide maatii isaati," jedha doktorichi.
Doktarri kun harki murame osoo cabbiidhaan maramee hin kaahamne ta'ee carraan baqaqsanii hodhuu milkaa'uu ni hir'ata ture jedheera.
"Cabbii keessa jiraachuun qaamni cite akka hin duune gargaara sababiin isaas marsaa dhiigaa waan hin qabneef."
Dargaggeessi kun gara wiirtuu baqaqsanii hodhuutti osoo hin geeffamin dura bakka wal'aansa jalqabaa itti argatetti dhiiga "hamma guddaa" akka dhabees gabaafameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dargaggeessa balaa suukaneessaan booda gara dhaabbata yaalaa geeffame harka walitti deebisuun garmalee rakkisaa fi walxaxaa akka ta'e ogeeyyiin ni dubbatu.
"Dhibbeentaa 100 mirkanaa'aa ta'uu baadhus, akka odeeffannoo ani qabutti, biyya keenyatti yeroo jalqabaaf implaantiin kan hojjetamedha," jedhan daayreektarri giddugalichaa.
Doktarri kun akka ibsetti, namoonni tokko tokko yeroo qubni isaanii citu baqaqsanii hodhuu xiqqaa gochuun akka baratame hima.
"Garuu inni kun harki guddaan murameera. Mucaa fi harkisaa addaan ba'anii dhufan," jechuun ibseera.
Haalli kun adeemsa yaalaa baay'ee walxaxaa waan barbaaduuf ogeessota beekumsaa fi muuxannoo gadi fageenya qabu damee adda addaa irratti hirmaachisuun baay'ee barbaachisaadha.
"Ogeeyyiin hundi hirmaatan... ispeeshaaliistiin lafee, ispeeshaaliistiin baqaqsanii hodhuu pilaastikii, ispeeshaaliistiin ujummoolee dhiigaa fi ispeeshaaliistiin qoricha qaama hadoochu waliin ta'uun karoora baqaqsanii hodhuu baasan."
Baqaqsanii hodhuu walxaxaa kana sab-ispeeshaalistoota afur damee yaalaa adda addaa irraa dhufaniin kan raawwatame ta'uu Dr. Anteneh hmeera.
Dabalataanis, baqaqsanii hodhuun of eeggannoo cimaa barbaadu kun marsaa lamatti raawwatame; baqaqsanii hodhuun jalqabaa sa'aatii jaha fudhate.
Baqaqsanii hodhuun lammaffaan torban lama booda kan raawwatame yoo ta'u, gara sa'aatii jahaa fudhate.
Kanaaf ogeeyyiin harka dhukkubsataa qaama isaa isa hafe waliin akka walitti deebi'u baqaqsanii hodhuu sa'aatii 12 fi hordoffii torban hedduu raawwachaa turaniiru.
Yeroo baqaqsanii hodhuu kanaatti xiyyeeffannoo guddaan kan kenname "lafee fi ujummoo dhiigaafi ujummoon dhiigaa yeroo walitti deebi'u walitti qaamni cite akka hin duune taasifameera. Ogeeyyiin ujummoon dhiigaa fi lafeen bakka isaanii erga ga'ee booda narvii fi ligamentiin yeroon akka kennamuu fi baqaqsanii hodhuu sadarkaa sadarkaan akka raawwatamu murteessan."

Madda suuraa, Hakim
Lafeen cite erga deebi'ee maxxanee booda fayyuu akka danda'u kan dubbatan Dr. Anteneh, qaamni cite soorata akka argatu ujummoon dhiigaa deebi'ee akka walitti hidhamus ibseera.
Dargaggeessi ganna 20 kun erga narvii fi maashaan suphamee booda harki isaa akka idileetti akka hojjetu gargaaruuf fiiziyooteraapii itti fufiinsa qabu akka isa barbaachisu dubbateera.
Itti dabaluudhaanis dargaggeessi kun baqaqsanii hodhuu marsaa lamaa booda harkisaa ''fayyaa guutuu qaba'' jedheera.
Dr. Anteneh akka jedhutti physiotherapy (rehabilitation treatment) kan akka sochii qaamaa erga fudhatanii booda harki dargaggeessa kanaa akkuma duraanii gaarii ta'a.
Wal'aansa walfakkaataa kanaan dura Itoophiyaa keessatti raawwatame kamiyyuu, kutaa qaamaa qaama namaarraa citee bu'e deebisanii dhaabuun fayyaa ta'ee akka turu taasisuu ilaalchisee odeeffannoo argachuun hin danda'amne.
Harka guutummaatti murame baqaqsanii hodhuun dhiheenya kana irra deebiin walitti hidhamuun kun waggoota dhiyoo asitti Itoophiyaa keessatti hojiiwwan yaalaa gurguddoo ta'an keessaa tokko ta'ee fudhatamuu mala.
Ji'oota durasa gareen gargaarsaa hakiimota dhalattoota Itoophiyaa biyya alaarraa dhufaniin kutaa onnee osoo hin saaqiin baqaqsanii hodhuu milkaaha Itoophiyaatti isa jalqabaa ta'e gaggeessuun danda'ameera.
Baqaqsanii hodhuu walxaxaa akkasii raawwachuun milkaa'ina isaa mirkaneessuun, Itoophiyaa keessatti qormaanni adda addaa damee fayyaa keessatti mul'atu keessatti qormaata ta'a.
Doktar Anteenah Itiyoophiyaatti baqaqsanii hodhuu akkanaa raawwachuuf gufuu ta'uu ogeeyyii muuxannoo qaban dhabuun, bu'uuraaleen yaalaa daangeffamuun qormaata biraa ta'uu eeraniiru.












