Itoophiyaatti oggeessoonni fayyaa dubartootaa maaliif osoo dhiira hin makatiin wallaansa baqaqsanii yaaluu raawwatan?

Madda suuraa, St. Paul's Hospital Millennium Medical College
Hospitaalli Kolleejjii Meedikaalaa Miliiniyeem Qulqulluu Paawuloositti gareen ogeeyyii fayyaa dubartoota qofa hirmaachise tokko baatii kana keessa waldhaansa baqaqsanii yaaluu hojjate.
Gareen waliigalatti ogeeyyii fayyaa 53 hammate kun waldhaansa baqaqsanii yaaluu 10 ol taasiseera. Ministeerri Fayyaa, Dr. Maqdas Dhaabaas garee kana daaw'atteetti.
Waldhaansi baqaqsanii yaaluu garee ogeeyyii fayyaa dubartoota qofaan kenname kun kaayyoonsaa maaliidha? Dubartootaaf hiika maal qaba?
Gaaffiilee kanaaf deebii argachuuf BBC'n Sab-ispeeshaalistoota garee waldhaansa kana keessatti hirmaatan Dr. Hanaan Allabbachaw fi Dr. Maartaa Fiqiramaariyaam dubbiseera.
Yeroo baay'ee ogummaan waldhaansa baqasanii yaaluu dhiirotaan kan dhuunfatamedha jedhamuun beekama. Ilaalchi dogongoraa ogummichi jabina qaamaa waan barbaaduuf dubartoonni hin danda'an jedhu jiraachuu kaasu sabiispeeshaalistoonni BBC'n dubbise kunneen.
Dr. Hanaan Allabbachaw waldhaansa baqaqsanii yaaluutiin ispeeshaalayiiz kan goote yoo ta'u, amma Sabispeeshaalistii harmaa fi dhiitooti (breast and endocrine surgery)dha.
Gulantaa barnootaan ammoo gargaartuu Pirofeesaraa ta'uun Hospitaala Kolleejjii Meedikaalaa Qul. Paawuloosiitti barsiisti.
Waldhaansi baqaqsanii yaaluu ogeeyyii fayyaa dubartoota qofaan taasifame kunis dubartoota onnachiisuudhaaf akkasumas gumaacha ogeeyyii fayyaa dubartootaa kabajuuf ta'u ibsiti.
'Itti gafatamummaa lubbuu namaatu sitti kennama'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubartoonni gama yaala fayyaatiin gahee olaanaa akka qaban kan kaastu Dr. Hanaan, kaayyoon gareen ogeessota fayyaa dubartoota qofaa kunis kutaa baqaqsanii yaaluu afuritti qindaa'uun waldhansa baqaqsanii yaaluu kudhanii ol taasisuus dubbatti.
"Waldhaansi baqaqsanii yaaluu hojii gareeti" kan jettu Dr. Hanaan, garichi ogeeyyii Anisteezyiyaa, ispeeshaalistoota, sabispeeshalistootaa fi narsoota kan hammatedha jechuun ibsiti.
Dubartiin hunduu itti gaafatamummaa dachaa qabaachaa qaba. Ogummaan waldhaansa fayyaa ammoo "itti gafatamummaa lubbuu namaatu sitti kennama. Gara manaatti ennaa deebitu ammoo haadha ta'uun jira, dirqamni hawaasummaa jira. Itti gaafatmummaa kana hunda walcinaa deemsisuu qabna,'' jettiDr. Hanaan.
''Dhugaadha ni ulfaata. Hunduu qormaata mataasaa qaba. Garuu yeroo qaban walsimsiisuudhaan kan dursa argachuu qabuuf dursa kennuun haaluma dhufaatii isaatti keessummeessuun haalaan yerootti fayyadamuun barbaachisaadha'' jetti.
Ispeeshaalistii baqaqsanii waldhaanuu ta'uuf fedhii guddaa qabaachuu kan yaadachiistu Dr. Hanaan, qormaatas qabaachuu dubbatti.
Namoonni isheetti dhiyoo turan "gara fuulduraatti yeroo bultoo dhaabbattu dhiibbaa sirratti uuma. Halkan waamamuun jiraachuu mala. Dhiibbaan hojii jira. Daa'ima deessee guddisuu qabaatta. Wantoota kanneen hunda akkamiin adeemsista? Haala kanaan jiraachuun ni dandeessaa?" jechuun ciminni ogummaa kanaa hangam akka ulfaatu itti himaa turuu yaadatti.
'Dubartiin hakima taatee akkamiin na yaalti jedhanii baay'ee sodaatu'
"Altokko tokko waan onneenkee siin jedhuu fi iddoo fedhiinkee jirutti luucceffachuunkee hin hafu. Duraan yeroo digirii jalqabaa barannu ogummaa baqaqsanii waldhaanuutiin hakima dubartootaa baay'ee hin argannu. Gahaa ta'uu baatus, amma garuu dubartoonni gara ogummaa kanaatti dhufaa jiru'' jechuun fooyyeen jiraachu kaafti.
Duraan ilaalchi dogongoraatu ture. ''Dubartiin akka waan hojii waldhaansa fayyaa hin dandeenyeetti yaadama ture. Dubartiin hakima taatee akkamiin na yaalti jedhanii baay'ee sodaatu.''
Dubartiin narsiidha jedhanii waan yaadaniif hakimiin dubartii jalqabaa baqaqsanii yaaluu Dr. Asteer yeroo nutti himtu, akkuma reefu hakima taateen waldhaanuun isheetti ulfaatee turef" jechuun ilaalchi hawaasni ogeettii fayyaa dubartootaaf duraan qabu ulfaataa akka ture waan dhageesse kaafti Dr. Hanaan.
"Isheen garuu jaalala ogummichaaf qabdu irraa kan ka'e, ogeessa narsii dhiiraa waliin ta'uudhaan waldhaanaa turte. Isa akka doktaraatti ishee garuu akka narsiitti ilaalu" jechuun waan hakimni buleettiin Dr. Asteer itti himte kaastt Dr. Hanaan.
"Bara isaanii kan ture haala ulfaataadha. Haalli amma jiru garuu fooyyee qaba. Haala dubartoota jajjabeessudha. Amma ilaalchi jiruufi fudhatamummaan dubartootaa jijjiiramaa jira" jechuun ibsiti.
"Dubartoota hakima ta'an yeroo hedduu bakka hojiitti 'siistar mee waan kana akkas godhi' jedhamaatii kan waamaman. Dubartii taatee hakima ta'uun [akka danda'amu] hubannoosaa kan hin qabne jira," jetti.
Yeroo waldhaantu gorsa hakima dubartootaa "amanuu dhabuun, yaada biraa ogeessa fayyaa dhiira ta'erraa dhaga'uu" barbaaduun jira.
"Namoonni ani yaalu na amananii, akkam goonu jedhanii na mariisisu. Kun adeemsa yeroo keessa jijjiiramaa kan dhufedha jedheen yaada. Ammas lakkoofsi [dubartoota hakima ta'anii] gahaa miti. Sirriitti hojjetamuu qaba. Dubartoota jajjabeessuun waan barbaadan akka baratan gochuu qabna.
''Dubara gara fuulduraatti fiduu, gahoomsuu qabna. Dubartiin tokko ogummaa ishee irratti gammaddeetti taanaan, haadha gammadde, haadha manaa gammadde ta'uun biyya isheetiif waan guddaa gumaachiti. Kanaaf, dubartii jajjabeessuun gara duraatti fiduun barbaachisaa" jetti Dr. Hanaan.
'Sadarkaa ministeeraatti isaan arguun nu onnachiisa'
Kolleejjii Meedikalaa Paawuloos bakkasheen gargaartuu Pirofeesaraa ta'uun itti barsiisaa jirtutti, duran dubartoota gara gaggeessummaattii fiduun kan hin baratamne ta'uu kan kaastu sab-ispeeshaalistiin kun, amma "dubartoonni baay'een sadarkaa aangoo gara garaa irratti kolleejjicha tajaajilaa jiru" jechuun jijjiirama jiru ibsiti.
Ministeerri ministeera fayyaa duraanii Dr. Liyaan, akkasumas Ministeerri ministeera fayyaa ammaa Dr. Maqdasis Kolleejjii Meedikaalaa Paawuloosii akka bahan. "Sadarkaa ministeeraatti isaan yeroo agarru, dadammaqinaa guddaa nuuf ta'uun nu onnachiisu" jechuun dubbatti.
Ogeeyyiin fayyaa "gama dhiyeessi meeshaalee fayyaatiinis ta'ee kafaltii ogummaatiin" qormaanni baay'een akka isaan mudatu kan kaastu Dr. Hanaan, "ogummaan fayyaa waan namatti tolu, waan qaaliidha. Dhalli namaa na amanee, lubbuusaa yeroo natti kennu kabajaa fi imaanaa guddaadha'' jetti.
Itti dabaluunis, ''Kunis itti gaafatamummaa guddaadhas. Lubbuu fi jireenya namaa irratti amanamuun ammoo waan guddaadha. Sanaan ol gammachuu kan sii kennu hin jiru. Yaaliin anaaf jireenyadha, hojii dinqiidha" jechuun jaalala ogummasheef qabdu ibsiti Dr. Hanaan.
"Bakkeerra sagaleen jeequmsaa, qormaanni baay'een jira. Rakkinni ogummicha bira otoo hin taane, qaawwa hojimaataa fi haallonni xiyyeeffannoo barbaadan dhabuu irraa kan ka'e jireenya gahaa akka hin jiraanne taasisus, hojiikoo kabajeefi jaaladheen hojjedha; waan kabajamaadhas" jetteetti.

Madda suuraa, St. Paul's Hospital Millennium Medical College
'Dubartii ta'uun hakima ta'uurra nama hin daangessu'
"Maal akka barbaannu beekuuf onnee keenya dhaggeeffachuutu nurra jiraata. Waan ta'uu barbaannurraa [dubartummaan] keenya nu hin daangessu. Dubartii ta'uun qormaata mataasaa ni qabaata. Danqaaleen bakka gahuu barbaannu irraa kan nu hambisuu malan baay'eenis ni jiraatu" jechuun ibsiti Dr. Hanaan.
Haata'u malee, jabinaafi kutannoon waan tokko irratti xiyyeeffattee hojjennaan dubartiin waan ta'uu barbaaddu, bakka gahuu feetu irraa kan daangessu akka hin jirres himti.
"Sagalee naannoo keenyaa hin dandeessu jedhutti otoo gurra hin kenniin, jabinaa fi cichoominaan hojjechuu qabna jedheen yaada. Dubartii ta'uun hakima ta'uurra nama hin daangessu. Sababni bakka yaannu hin geenyeefis homtuu hin jiru; jaabaadhaa" jechuun barattoota ogummaa waldhaansa namaa barachuuf yaadaniif dhaamteetti.
"Dubartiin lafee dugdaa hawaasaa" waan taateef xiyyeeffannoo guddaan akka barbaachisus himti Dr. Hanaan.
Dr. Maartaa Fiqiramaariyaam, waldhaansa baqaqsanii yaaluutiin barnoota ispeeshaalitii ishee xumurte.
Waldhaansa baqaqsanii yaaluu pilaastikaa fi wayyeessuutiin (plastic and reconstructive surgery) ammoo sabispeeshaalistiidha. Gargaartuu Pirofeesaraa ta'uunis Hospitaaluma Kolleejjii Meedikalaa Paawulosiitti barsiisaa jirti.
Akka Itoophiyaattis ispeeshaalistii waldhaansa baqaqsanii yaaluu (surgeon) dubartii torbaffaa ta'uu kan kaaastu Dr. Maartaan, danqaaleen hakimoota dubartoota ta'an mudatan jiraachuu eerti.
Waldhaansa baqaqsanii yaluu garee ogeeyyii fayyaa dubartoota qofa hirmaachiseen taasifame irrattis qooda fudhatteetti. Waldhaansi garee kanaan taasifames yaada, "ogummaa yaala fayyaa irratti hirmaachuu kan barbaadanii fi kaanis ni onnachiisa. Daandii gaarii akeeka" jedhuun qabaachu ibsiti Dr. Maartaan.
Ispeeshaalitii waldhaansa baqaqsanii yaaluu (surgeon) ta'uun itti ulfaata jedhamee yaadama
"Dhugaadha, yeroon barnoota ispeeshaalitiif waldhaansa baqaqsanii yaaluu [surgery] galu, akka biyya keenyaatti dubartoota muraasatu ture. Ani dubartii torbaffaa ispeeshaalistii waldhaansa baqaqsanii yaaluun ture. Yeroo baay'ee hin baramne. Itti ulfaata jedhamee yaadama,'' jetti.
"Durumaan hakima baqaqsanii yaaluu ta'uudhaaf fedhii guddaan qaba ture. Barattuu digirii jalqabaa ta'eeyyuu baay'een jaaldhan ture. Yeroon ogummaa baqaqsanii yaaluu [surgery] barachuudhaaf galus barsiisonnikoo haala gaariin na simatani,'' jetti.
'''Akkami ni dandeessaa' gaafii jedhufaa naa dhiyeessaniiru. Akkan danda'u mirkanan ture. Wanti ijoon fedhii isaati jedheen gale. Barsiisonnikoos hin shakkiine, namni ciminina qaamaa qofa waan barbaadu itti fakkaata; kun ogummaa waan barbaadudha. Inumaayyuu dubartoonni ogeeyyii waan ta'aniif akka gara ogummaa kanaa dhufan barbaanna jedhanii na onnachiisan" jechuun barsiisotashee ishee onnachiisuu yaadatti.
"Yeroon seenu garuu 'ni dandeessii laata' ilaalchi jedhu ture. Fedhii guutuun gammaddee ennaa waa hojjettu, bu'aa gaarii argachaa deemta" kan jettu Dr. Maartaan ilaalcha sana jijjiirsisaa akka dhuftes himti.
"Waanti hundumtuu hojjettee ennaa agarsiistudha fudhatama kan argatu. Hojii keenya yeroo argan hundumtuu fudhataa dhufani. Ana boodas dubartoonni galan turani" jechuun dabaltee ibsiti Sab-ispeeshaalistiin waldhaansa baqaqsanii yaaluu pilaastikaa fi wayyeessuu Dr. Maartaan.
"Yeroon barnoota fayyaa digirii jalqabaa baradhu, akka carraa ta'ee barsiisonni hedduun dubartiidha kan hakima ta'uu qabdu jedhanii amanu. Akka qabxii gaarii galmeessinu, hakima gaarii akka taanu baay'ee kan nu onnachiisan turan. Dubartiin hakimni dhukkubsattoota sirnaan waldhaanti jedhaniis amanu turan" jechuun barsiisonnishee akka dubartoota onnachiisan himti.
"Waldhaansi baqaqsanii yaaluu ammoo sa'aatii dheeraa dhaabachuu gaafata. Baqaqsanii yaaluu [surgery] sa'aatii dheeraa fudhatantu taasifama. Sun ammoo jabina qaamaa barbaada yaanni jedhu waan jiruuf hawaasnis ta'ee ogeeyyiin fayyaa" dubartoonni gara waldhaansa baqaqsanii yaaluutti dhufan irratti gaafii akka kaasan ibsiti.
Ilaalchi kun jijjiiramaa deemus bifa gara garaatiin akka itti fufe ibsiti Dr. Maartaan.
'Otoon hakima hin taane ta'ee, homaa ta'uu hin danda'un ture'
Waldhaansi baqaqsanii yaaluu miidhaa hin yaadamne (complication) qabaachuu akka malu kan kaastu Dr. Maartaan, kun waldhaansa fayyaa kam keessattuu mudachuu akka danda'us ibsiti.
Adeemsa waldhaansaa keessatti "taateen akkasii yeroo mudatu dubartii waan taateef jedhanii namoonni yaadan jiru. Ogummaa isaanii malee yaada kan siif kennuu barbaadanis jiru. Yeroo dhiirri [hakimni] ajaju tole jedhanii fudhatanii, yeroo ati ajajju ammoo yaada kennuu ykn ajajamuuf hayyamamaa ta'uu dhabuun ni jiraata.
''Uumamumakootiin wantonni akkasii ennaa na mudatan dubara waanan ta'eefi jedhee hin yaadu. Yeroo baay'ee namooonni kunneen hubannoo gadaanaa waan qabaniifidha deebii akkasii kan kennan jedheen hojiikoo sirreessee itti fufa. Irra caalmaan garuu dhaabatee kan si jajjabeessu, wanti sitti hin tolle yoo jiraate kan sirreessanidha" jechuun waan ofiin hubatte dubbatti.
Barattoonni yaala fayyaa namaa (medicine) digirii jalqabaa waggaa dhumaatti intarnii jedhamuudhaan qabatamaadhaan dhukkubsattoota waldhaanu. Waan yeroo sana kutaa yaala battalaa [emergency]'tti ishee mudate akkasiin yaadachiisti Dr. Maartaan.
"Barnoonni yaala fayyaa sa'aatii baay'ee dubbisuu akkasumas hojjechuu gaafata. Hundumti keenya qaqal'oo turre; ijoollee fakkaanna. Kutaa yaala battalaa keessan ture. Ana walii ammoo narsoonni dhiirotaa qaamaanis, umuriinis na caalan waliin turre'' jetti.
''Intarnii yeroo taatu jalqaba namoonni dhukkubsatan si biratti dhiyaatu. Maatiin nama yaalamu fidanii dhufan akkuma kutaa battalaa seenaniin 'maaloo mee doktara nuuf waami, nu jalaa kufteetuu' naan jedhan. Yaaluuf jedhee yeroon itti siqu ol jedhanii ilaalan'' jette yaadatti.
Itti dabalunis ''Akka carraa ta'ee narsiin dheeraa simboo qabu kan dabareensaa ana waliin ture aragani. Egaa adaraa doktar kootuutii nuuf ilaali jedhaniin. Inni ganna dheeraa yaala fayyaarra waan tureef kolfaa, tole dura doktarri erga isin ilaalteen booda waan isheen jettu dhageenyee isin ilaala jedhee ogummaadhaan bira darbe. Inni waan natti amaneef, isaanis nama fidanii dhufan natti amananii akkan waldhaanu godhaniiru, jetti.
Ergan gara waldhaansa baqaqsanii yaaluu galee ammoo gareedhaan sadii, afur taanee gaafannee yaalla waan ta'eef, qorannee murteessina, kan jettu Dr Maartaan, ''waanan barsiisuuf dhukkubsataa fuunee gara kutaa baqaqsanii yaaluutti yeroo gallu barattoonnikoos na waliin jiru. Maatiin nama yaalamu sanaas ni jiraata. Dirqama wantoonni mallattaa'an ni jiraatu.
''Qaamaan nama ija guutu yoo hin taane ni cinqamu. Kan sitti hin amannes jiru. Haa ta'uutii garuu maatii fi yaalamaa waliin ifaan haasofnee akka waldhaanuu dandeenyu yeroo hubatan fuula isaanii irraa miira gammachuutu dubbifama" jechuun qormaata yaala fayyaarratti ishee mudatanyaadatti.
"Otoon hakima hin taane ta'ee maalan ta'an ture jedhee yeroon of gaafadhu, homaa ta'uu hin danda'un ture. Hawaasa keenya waldhaantu harkakee dhungatee, si eebbisee, altokko tokko waanuma hin qabnerraa maatiin kennaa sii fiduu barbaadan jiru.
''Namoota fayyaa dhaban waldhaantee gammadanii yeroo deeman arguu caala kan gammachuu namaaf kennu addunyaa kanarra hin jiru jedheen yaada. Hikkiminnaan furtuu madda gammachuuti" jechuun jaalala ogummaasheef qabdu dubbatti Dr. Maartaan.
'Eenyullee haadha malee hin dhalatu'
"Dubartoonni ogummaa barbaadan irratti bobba'uun milkeessuu akka danda'an karaa gara garaatiin mul'ateera. Inni ijoon fedhii qabaachuu qabna. Waan sana milkeessuu nan danda'a kutannoo jedhu qabaachuun barbaachisaadha.
''Dubartii waan taaneef qofa otoo hin taane, eenyuyyuu kaayyoo isaa milkeessuuf yeroo deemu danqaan ni mudata. Danqaa sana bira darbee bakkan gahuu yaade nan gaha jedhanii of amansiisuun, kutannoon hojjechuun barbaachisaadha" jechuun dubartootaaf dhaamti Dr. Maartaan.
Dubartoota waan taaneef qormaanni naannoo keenyatti nu mudachuu malan garuu jiru. Danqaaleen kunneen akka nu hin cabsinetti of eeggannee darbuun nurra jiraata jechuun dabaltee dubartoota gorsiti.
Gosa hojii kam irrattuu garaa garummaan uumamaa dhiirotaa fi dubaroota gidduu jiraachuun hubatamuu qaba kan jettu Dr. Maartaan, "garaa garummaa uumamaa kana akka dadhabinaatti namoonni yaadan" jiraachuus kaasti.
"Eenyullee haadha malee hin dhalatu. Dubartiin haadhadha. Hundi keenyayyuu gaafa waa'ee dubartii yaannu haadha keenya yaadaa dubartoota kunuunsinee, deggarree" milkaa'ina isaaniitiif gumaachuu qabna jechuun dhaamti gargaartuun pirofeesaraa kun.












