Tiraampi seera haaraa godaantota harka qalleeyyii miidhu baasan

Hogganaa ol'aanaa Immigireeshinii USA.

Madda suuraa, Win McNamee

Ibsa waa'ee suuraa, Hogganaa ol'aanaa Immigireeshinii USA.

Bulchiinsi Tiraamp godaantota harka qalleeyyii Ameerikaa jiraatan irratti jireenyi akka cimuuf xiyyeeffannoo itti kennanii hoijjechaa jiru jedhame.

Tiraamp godaantota harka qalleeyyiif karaa seera qabeessaan Ameerikaa galaniif viizaa yeroo turtii ykn eeyyama jireenyaa[green card] kennuu irratti akka xiyyeeffatan himame.

Seerri haaraan baasaa jiran namoota deeggarsa nyaataa, ykn mana jireenyaa waggaa tokkoo oliif argataniif haalotni akka ulfaatan taasisa jedhame.

Kana booda deeggarsa hawwaasaa irratti ykn deeggarsa mootummaan kennu irratti kan hundaa'an yoo tahe Viizaan akk dheeratuuf ykn hayyama jireenyaaf gaaffiin dhiyeesan jalaa haqamuu danda'a.

Seerichi kan of danda'anii jiraatan kan jajjabeessu tahas jedhama.

Seerri haaraan 'Public Charge rule' jedhamu Wiixatagalmee seeraota Federaalaarratti kan maxxanfame yommuu ta'u, Onkoloolessa 15 irraa eegalee ammoo hojii irra kan oolu taha.

Eenyufaatu miidhama?

Godaantotni dhaabbiidhaan Ameerikaa keessa jiraatan waan miidhaman miti. Akkasumas baqattotaa fi koolugaltummaa namootni gaafatanis akkasuma kanneen miidhaman keessatti hin hammataman.

Garuu namootni yeroo turtii viizaa isaanii dheeressuu, hayyama jireenyaa fi lammummaaf gafatan seera haara bahe kanaan miidhamuu danda'u.

Namootni sadarkaa galii jireenyaa nama tokoof barbaachisu argachuu hin dandeenye, kanneen deeggarsa fayyaa mootummaan kennurratti hirkatan fi mana jireenyaa mootummaan kennuuf keessa jiraachuu barbaadan seera haaraa bahaa jiruun akka biyyattii hin galle taasifamuu danda'u.

Warri amma Ameerikaa keessa jiraachaa jiran illee iyyatni isaanii jalaa haqamuu danda'a.

Namootni karaa seera qabeessaan Ameerikaa keessa jiraachaa jiranii fi lammummaa hin qabne tilmaamaan miliyoona 22 tahu.

Gareeleen mirga namoomaaf falman ammoo seerichi jiraattota galii gadi aanaa argatan irratti kan xiyyeeffate waan taheef haqqummaa hin qabu jechuun mormu.

Giduugalli seera Immigireeshinii Biyaalessaa, seera haaraa Tiraamp baasaa jiru kana akka hojiitti hin hiikamneef dhaabsisuuf akka hojjetu ibse.

Waayit Haawus ammoo seerri amma hojii irra jiru namoota of danda'anii hojjetatanii, qabeenya mootummaa fi uummataa osoo hin tuqiin jiraatan caalaa warra hidhata maatiin as jiraniifi qabeenya uummataa fayyadamanii bu'aa gaarii kennaa jira jechuun deebise.

Seerichi maaliif jijjirama?

Bara 2016 yeroo duula filannoo gaggeessaa ture Tiraamp xiyyeeffannoon isaanii godaantota irratti ture.

Erga aangoo qabataniis Tiraampi lakkoofsa godaantota wagga waggaan galmaa'anii xiqqeessaniiru.

Biyyoota akka ''boolla kosii'' keessaa hanga dhufan biyyota akka Noorway fa'aa irraa osoo dhufanii filanna jedhan.

Kana booda namoota Ameerikaa keessa jiraachuuf iyyataniif haalli maallaqa itti argatan, barnootni, umurii fi dandeettiin afaan Ingliffaa isaanii ni laalama jedha ibsi karaa Waayit Haawus bahe.

Namootni baay'een galii maatii isaanii irratti hirkatanii deeggarsa mootummaan kennuun akka jiraatanis ibsanii kun kana booddee hafuu akka qabu walii galuu ibsan.