Bulchiinsonni mootummaa Ameerikaa gariin cufamuun dhiibbaa guddaa fideera

Balfi Paarkii Biyyaalessaa keessatti walitti qabameera

Madda suuraa, Win McNamee via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Balfi Paarkii Biyyaalessaa keessatti walitti qabameera

Doonaaldi Tiraampi dhimma daangaa Meksiikoo fi Ameerikaa gidduutti dallaa ijaaru jedhu irratti Kongireensii waliin waliigaluu dhabuun bulchiinsonni mootummaa gariin erga cufamanii bara haaraan galus waliigaltee irra hin gahamne.

Waajjiraaleen federaalaa guyyota 12'f cufamuu irraa kan ka'e hojjettotni 800,000 tahan kaffaltii malee hojjechaa jiru.

Baajatni kaffalamus waan hin jirreef rakkoo guddaaf saaxilamaa jiru.

Tiraampi hanga baajata ijaarsa dallaa daangaa Ameerikaa fi Meksiikoo argadhutti waajjiraaleen bulchiinsota cufamanii haaluma kanaan itti fufu jedhan.

Kaleessa dursitoota paartii Rippaablikaanaa fi Dimokiraatotaa waliin wal arguun marii gaggeessaniiru.

Miseensonni Kongirensii Jimaata boruu gara hojiitti deebina jechuun isaanii ammoo dhimmicha irratti Tiraampi waliin marii gaggeessanii booda tarii waajjiraaleen cufamanii turan akka banaman taasisa abdii jedhus kennera.

Ejensiiwwan tokko tokko hojiiwwaan bu'uuraa hin taane cufuun isaanii hanga Washingitan irra darbutti dhiibbaa guddaa fideera.

Lammiileen Ameerikaa dhimmi kun akka malee isaan aarses baasii keenya guyyaa guyyaa fi mana yaalaatti illee waan kaffalannu dhabne jechuun miira isaanii karaa miidiyaalee hawwaasaa barrreessaa turaniiru.

Kun erga Mudde 22 as kan itti fufe yoo tahu Tiraampis ejjennookoo hin jijjiiru jedhan.

Waajjiraaleen bulchiinsotaa gariin cufamuu irraa kan ka'e bulchiinsi federaalaa 25% tahu baajata kaffaltii raawwatuhin argatu.

Keessumaa waajiraleen sagala akka malee warra miidhaman yoo tahu isaanis Waajjira Dhimma Nageenyaa Biyya Keessaa, Waajjira Haqaa, Manneetii, Qonnaa fi Komersii isaan muraasadha.

Waldaan Tokkummaa Hojjetootaa ammoo Tiraampi seera dafqaan bulaa biyyittii cabsuun miindaan hojii isaanii akka hin kaffalamne taasiseera jechuun himata irratti dhiyeessaniiru.

Waldaan himata kana dhiyeesse hojjettota 400,000 bakka bu'a.

Paarkiin Biyaalessaa Ameerikaa dawwattotaafis tahe namoota kaaniif wantoota bu'uura tahan irraa kan hafe tajaajila kennaa hin jiru. Keessumaa mana fincaanii dabalatee wantoota balfa uumuu danda'an dhorkeera.

Sababni isaa ammoo hojjettota 21,000 qabaatus kaffaltiin raawwatamu waan hin jirreef namni hojii qulqullinaa irratti bobba'eeru hin jiru.

Magaalota kan akka Waashingitan dabaltee balfi daandii irra dabalatee bakka adda adddaatti heddumachuun fayyaa keenya miidhaa jira jechuun jiraattotni komii kaasaa jiru.

Tiraampi yeroo dulaa filannoo Godaantota Meksiikoo irraa Ameerikaa galan dhaabuuf dallaan ijaara jdhee waan waadaa gale raawwachuuf jecha tarkaanfiiwwan kanneen fudhate.