Ameerikaan sagantaa DV lootarii addaan kutte

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaanti Doonaald Tiraamp torban darbe Yunivarsiitii Biraawuun keessatti dhukaasa banameen namoonni lama ajjeefamuu hordofuun lootorii Kaardii Magariisaa Ameerikaa (DV1) addaan kutaniiru.
Shakkamaan haleellaa sana raawwachuun shakkame bara 2017 sagantaa lootarii DV injifachuun kaardii magariisaa kennameefii ture.
Ministirri Nageenya Biyya keessaa Kristi Nohem, akka jedhanitti, sagantaan viizaa kun qajeelfama Tiraampiin yeroodhaaf kan addaan cite yoo ta'u, ''lammiileen Ameerikaa sagantaa suukaneessaa kanaan akka hin miidhamne mirkaneessuufi'' jedhan.
Qondaaltonni Ameerikaa akka jedhanitti shakkamaan ganna 48 Kilaawudiyoo Neevees Vaaleentee jalqaba torbee kanaa piroofeesara Inistiitiyuutii Teeknooloojii Masaachusets lammii Poortugaal Nuunoo Looreeroo ajjeesee jedhu.
Sagantaan lootarii DV waggaatti lammiilee biyyoota godaansa gahaa gara Ameerikaa hin arganneef viizaa kuma 50 kenna. Akkasumas carraa lammummaa US akka argatan taasisa.
Noham akka jedhanitti, Tiraamp kanaan dura dura bara 2017 magaalaa Niiw Yoorkitti namoonni saddeet konkolaataa fe'umsaatiin erga ajjeefamanii booda saganticha xumuruuf "yaalaa" turan.
Lammiin Uzbekistan Sayfullo Sahipov, deeggaraa garee Islaamummaa haleellaa sana raawate jedhame adabbii umurii guutuun adabamaa jira.
Innis charraa lootorii DV tin US seene jedhan Nohem.
Qondalli kun sagantaan kun adda cituu kan beeksisan erga dhukaasaa Yunivarsiitii Biraawuun Neves Valente mana kuusaa Salem, New Hampshire keessatti du'ee argamee sa'aatii muraasa booda.
Poolisiin akka jedhetti namni kun ofumaa ofitti dhukaasuun raasasan of rukutee du'e.
Sakatta'iinsa guyyoota jahaa booda poolisiin dhumarratti namni barbaadamaa ture bakka balaan kun itti dhaqqabetti argamuu mirkaneesse.
Reeffa shakkamaa cinatti boorsaa fi meeshaan waraanaa lamas argameera.
Ragaan konkolaataa naannoo sana jiru bakka dhukaasni Yunivarsiitii Biraawuun Piroovidensitti argamu waliin walsimaa jedha Abbaan Alangaa Waliigalaa Rood Aayilaandi Piitar Neeroonhaan.

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidaantiin Yunivarsiitii Biraawuun Kiriistiinaa Paaksan akka jedhanitti Neevees Vaaleentee mana barumsaa beekamaa kana keessatti galmaa'ee fi doktorummaa isaa fiiziksiin barachaa akka ture himaniiru.
Itti dabaluudhaanis, "Baraawunii wajjin walitti dhufeenya akka hin qabne" dubbatteetti.
Angawoonni akka amananitti, Neves Valente piroofeesara Inistiitiyuutii Teeknooloojii Masaachusets (MIT) ganna 47 Nuno Lourero guyyaa Wixataa mana jireenyaa isaa irraa gara maayilii 80 fagaatutti rasaasaan rukutamee ajjeefame.
Namoonni lamaan dhuma bara 1990moota keessa Yunivarsiitii Poorchugaal keessatti baratan jedha poolisiin.
Angawoonni akka jedhanitti shakkamaan kun yakka kana kan raawwachuu ragaa viidiyoo kaameraa nageenyaa irraa argamee fi kanneen Yunivarsiitii Biraawunitti ijaan argan irratti hundaa'uun ta'uu himaniiru.
Konkolaataan kun naannoo bakka dhukaasni itti banameetti argame.
Angawoonni haleellaa lamaanuuf sababni maal akka ta'e ifa hin baafne.
Mudde 13, 2025 namni qawwee hidhate tokko gamoo mana barumsaa injinariingii Yunivarsiitii Biraawuun seenee dhukaasa banuun barattoota lama ajjeesee sagal madeesse.
Ameerikaan bara 1995 irraa eegalee godaantotni karaa lootarii DV gara biyyattii akka seenan hayyamaa kan turte yoo ta'u, yeroon iyyannoo DV 2027 harkifateera.
Bulchiinsi Tiraamp iyyattoonni bara kanaa doolaara 1 akka kaffalan ibsee ture, garuu sun ammallee harkifatee jira.
Prezidaant Doonaald Tiraamp erga aangoo qabatanii as lakkoofsi godaantota Ameerikaa seenan hir'isuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhataniiru.
Akkasumas godaantota waraqaa ragaa hin qabne biyyattii keessa jiran biyyaa ari'uu irrattis xiyyeeffachuun hojjechaa jira.
Torban darban keessa baqataan Afgaanistaan tokko miseensota Eegdota Biyyoolessaa Ameerikaa lama Waashingitan D.C. keessatti rasaasaan erga ajjeesee booda bulchiinsi Traamp heyyama jireenyaa fi hojii godaantota biyyoota 19 irraa dhufan irra deebi'ee akka qoratu beeksiseera.
Akkasumas Afgaanistaan dabalatee biyyoota hedduu irraa godaantotni koolugaltummaa dhaabuun lakkoofsa godaantota seeraan alaa to'achuuf tarkaanfiiwwan walduraa duubaan fudhattee jirti.















