Mootummaan Ameerikaa eegumsa seeraa baqattoota Itoophiyaaf kennaa ture adda kute

Ministeera nageenyaa biyya keessaa Ameerikaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ministeera nageenyaa biyya keessaa Ameerikaa, kan eegumsa seeraa lammiilee Itoophiyaaf kennamaa ture adda kute

Mootummaan Ameerikaa waggaa sadi dura lammiileen Itoophiyaa eegumsa seeraa yeroo murtaa'eef kenname jala akka jiraatan wabii ta'eefii kan ture amma dhaabuusaa ibseera.

Eegumsi seeraa yeroof kennamu kun lammiilee Itoophiyaa sababa walitti bu'iinsa, balaa uumamaa ykn sodaa nageenyaa biroo keessa galanii fi lubbuusaaniif sodaachuun biyyaa baqataniif kennamaa ture.

Eegumsi seeraa baqattootaaf addatti kenname kun baqattoonni Itoophiyaa Ameerikaa keessatti akka hojjetanii fi biyyaa akka hin ari'amne wabii ta'aafii ture.

Sagantaan kun bara bulchiinsa Joo Baayidan kan eegale yoo ta'u, addatti baqattoota waraana Tigraay dheessanii biyyaa ba'aniif wabii ta'ee ture.

Seerri baqattoota Itoophiyaaf eegumsa addaa kennu kun bulchiinsa Tiraamp, kan baqattoota irratti tarkaanfii hamaa fudhataa jiru, keessatti iddoo dhabeera.

Bulchiinsi Tiraamp duula baqattootarratti eegale keessaa tokko sagantaawwan akkanaa dhaabsisuudha.

Hooggantuun waajjira dhimma nageenya biyya keessaa Ameerikaa Kiristii Noom waltajjii mootummaa federaalaa kan ejjennoowwan jajjaboon mootummaa biyyattii irratti ibsaman irratti murtee kana labsan.

''Haala qabatamaa biyyattii gamaaggamuu fi qaamolee mootummaa Ameerikaa dhimmi kun ilaallatu waliin dubbachuun, Itoophiyaan yeroo ammaa haala baqattoota biyyattiif eegumsi seeraa addaa barbaachisuuf keessa akka hin jirre murteessineerra,'' jechuun murteesaanii labsan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummaan Ameerikaa eegumsa seeraa addatti baqattoota Itoophiyaaf kan mirkaneesse Onkoloolessa 21, 2022 yoo ta'u, yeroo sana ji'oota jalqabaa 18f akka hojiirra oolu murtaa'e.

Yeroo sana tarkaanfii mootummaa Ameerikaa kana kan labsan Hoogganaa Waajjira Nageenya biyya keessaa Ameerikaa kan turan Aleyaandiroo Maayoorkaas turan.

Tibba sanatti haala Itoophiyaa keessa ture- walitti bu'iinsaa fi waraana ilaalcha keessa galchuun baqattoonni Itoophiyaa eeyyama jireenyaa malee Ameerikaa keessa turan yeroof eegumsa seeraa kana akka argatan murtaa'e.

Murteen kun erga yeroo sanaatii waggoota sadiif hojiirra oolaa tureera.

Yeroo eegumsi seeraa yeroof turu kun lammiilee Itoophiyaaf akka kennamu murtaa'e sanatti baqattoonni Itoophiyaa kuma 27 ta'an fayyadamtoota ni ta'u jedhamee akka eegamaa ture dubbi himaan waajjira dhimma nageenya biyya keessaa Ameerikaa dubbatanii turan.

Sagantaa kanarraa fayyadamuuf baqattoonni Itoophiyaa sagantaan kun labsamuu dura waggaa dheeraaf Ameerikaa keessa turuusaanii mirkaneessuu akka qaban irraa eegamaa ture.

Erga murteen kun labsamee booda baqattoonni Ameerikaa seenan sagantaa kanarraa hin fayyadaman jedhamee ture.

Haala kanaan eegumsi seeraa baqattootaaf kennamu lammiilee Itoophiyaa qofaaf osoo hin taane biyyoota hedduufis hojiirra oolaa tureera.

Sagantaa kanarraa hunda caalaa kan fayyadaman baqattoota Venizuweelaa yoo ta'an isaanis baayyinaan kuma 600 ta'u.

Baqattoonni Heeyitii sagantaa kanarraa fayyadaman ammoo kuma 521 ta'u.

Garuu erga Pirezidanti Tiraamp aangoo qabatanii as qondaaltonni Nageenya Biyya keessaa dhiheenya kana lammiilee biyyoota hedduurraa faayidaa kaasaniiru.

Lammiileen Itiyoophiyaa amma eegumsi seeraa irraa kaafame yeroo ammaa lammiilee Heeyitii, Miyanmaar, Sudaan Kibbaa, Sooriyaa, Venezuweelaa fi Somaaliyaa kanaan dura faayidaan kun irraa dhaabbatetti makamaniiru.

Itoophiyaa fi lammiileen biroo sagantaa kanaan Ameerikaatti hojjechuu fi jiraachuuf carraan kennameef yeroo bulchiinsi Pirezidanti Tiraamp godaantota biyyaa ari'uu itti fufee jirutti akkaan saaxilamoo ta'uu danda'u.

Kaayyoon bulchiinsa Traamp inni guddaan godaantota seeraan alaa kuma dhibbaan lakkaa'aman Ameerikaa keessaa baasuu, akkasumas sanadoota namoota hayyama jireenyaa fi hojii seera qabeessa qaban sakatta'uudha.