Bulchiinsi Tiraamp lammiilee biyya 19 'Giriin Kaard' argatanii deebisee qorachuuf

Donaaldi Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Bulchiinsi Tiraamp namoota biyyoota 19 irraa gara Ameerikaa deemuun 'giriin kaardii' argatan deebisee ilaaluuf tahuu ibse.

Hogganaan Tajaajila Lammummaafi Godaansaa Jooseef Edloow pireezidantichi ''giriin kaardiin namoota biyyoota 'nu yaaddeessu' jedhamanirraa godaananii bal'inaan irra deebiin ilaalamuu qaba,'' jechuun na ajajaniiru jedhe.

Giriin kaardii biyyoota kamiitu irra deebiin ilaalamuuf tarree keessa gale jedhee BBC'n dhabbata Tajaajila Lammummaafi Godaansaa gaafatee ture. Dhaabbatichi labsii Waxabajjii darbe Waayit Haawus baase eeruun Afgaanistaan, Kiyuubaa, Heeytii, Iraan, Somaaliyaa fi Veenixuweelaan faa' keessa jiru jedhe.

Murtoon kuni kan darbe gaafa Roobii Waashingitan DC'tti lammiin Afgaanistaan loltoota National Guard'tti dhukaasuun booda dha.

Shakkamaan Raaahmaanullaah Laakaanwaal jedhamu bara 2021 ture gara Ameerikaa kan deeme, kunis yeroo Ameerikaan Afgaanistaanii baate sagantaa lammiilee biyyattiif eegumsa kennu dhiyeessiteen achi gale.

Pireezidant Donaald Tiraamp haleellaan kuni yaaddoo nageenyaa biyyaalessaa dha jedhan.

Edloow garuu ergaa miidiyaa hawaasaa irratti maxxansaniin garuu giriin kaardii deebisanii ilaaluu kana, haleellicha waliin kallattiin wal-qabachuu hin ibsine.

''Eegumsi biyya kanaa fi uummatashee waan hunda caalaa murteessaa dha, lammiileen Ameerikaa murtoofi imaammata badaa bulchiinsa kana dura turee baachuu hin qaban,'' jedhan

Irra deebiin ilaalamuu giriin kaardii kanaa maal fakkaachuu akka danda'u ibsi dabalataa kenname hin jiru.

Labsiin June proclamation jedhameefi kan dhaabbanni Edloow eere kun lammiilee biyya alaa gara Ameerikaa galan daangeessuu irratti kan xiyyeefatu yoo tahu kunis ''shororkeessitootaafi kanneen nageenya biyyaalessaaf yaaddoo tahan irraa eeguufi''

Bulchiinsi Tiraamp yaaddoo nageenyaafi biyyattii keessa yeroo dheeraaf turuun yaaddoo dha jechuun viizaan barattootaafi tuuristii sababa tokko biyyattiin tarree biyyootaa yaadoo irraa qabdu akka adda baastu kan godhe.

Roobii darbe Ameerikaan iyyata viizaa godaantotaa Afgaan hunda yeroof dhorkitee jirti.

Tajaajilli Lammummaafi Godaansaa murtoo viizaa kennuun kan yeroo akka turu taasifame ''adeemsa nageenyaafi qorannoo jabeessuuf,'' jedhameera.