Imeeliin yakkamaan haleellaa saalaa Ippistiin Tiraampiin eeruun barreesse maal jedha?

Madda suuraa, Getty Images
Seera tumtoonni Ameerikaa mana nama haleellaa saalaan yakkamaa jedhamee hidhaa ture Jeefrii Ippistiin irraa sanada abbaa fuula 20,000 kan Tiraamp keessatti maqaan eerame gadhiisaniiru.
Roobii darbe Demookiraatonni imeeliiwwan sadii abbaa qabeenyaa Ippistiin kan bara 2019 mana hidhaatti lubbuun darbee Koree Demookiraatii Qoratuun gadhiifame.
Imeeliin kuni haasaa michuusaa yeroo ammaa kana haleellaa saalaan balleessaa jedhame adabbii waggaa 20 tajaajilaa jiru Giisleen Maaksiweel wajjin taasifame dha.
Kana malees imeelii Ippistiniifii barreessaa Mayikil Woolfi waa'ee Tiraamp kitaaba baayyee barreesse wajjin walitti erganis gadhiisaniiru.
Sa'atiiwwan gidduutti Rippaablikaanoti sanada baayyee warra Demookiraatii morkatu gadhiisuun ''huuba funaanu'' ittiin jedhan. ''Seenessa sobaa uumuun maqaa gaarii Tiraamp balleessuuf yaalaa jiru,'' jedhan.
Imeeliiwwan kunneen Koree Dhimma Hojjettoota Federaalaa qoratuuf galchanii ergasii mana Ippiistiin bananii akka qoratamu godhan.
Pirees Seekreetarii Waayit Haawus Kaarolaayiin Leeviit imeeliin Koree Qorannoo Demookiraatotaan ''miidiyaa warra libaraalaa irratti maqaa Tiraamp balleesuudhaaf filameetu dhiyaate,'' jette.
''Pireezidant Tiraamp waggaa kudhan dura Jeefrii Ippistiiniin kilaba isaa keessaa kan arii'e sababa inni hojjettoota dubartootaa irratti waan ''namatti hin tolle'' waan godheef ture,'' jette.
Tiraamp hiriyyaa Ippiistiin yeroo dheeraati, haa tahu malee pireezidnatichi bara 2000 keessa wal-dhabuu dubbatu. Kunis Ippistiin hidhamuu waggaa lama dura dha.Tiraamp Ippiistiin wajjin wal-qabatee balleessaa raawwachuu irra deddeebiin wakkaataniiru.
Imeeliin Ippiistiin Maaksweelitti erge maal jedha
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Imeelii jalqabaa warri Demookiraatii gadhiisan kan bara 2011 barreefame yoo tahu innis ergaa Ippiistiinii fi Maaksiweel walii erganii dha.
Imeelii kana keessatti Ippiistiin Maaksiweeliidhaaf akkas jedhee barreessee: ''Saree hin iyyine jechuun Tiraamp akka tahe sitti himuun barbaada...(MIIDHAMTUUN) manakootti sa'atii dheeraa Tiraamp wajjin dabarsiteetti.
Ippiistiin dabaluunis poolisii dabalatee ''takkaayyuu maqaan Tiraamp hin eeramne,'' jechuun barreesseera.
Maaksiweel yeroo deebisu: ''waa'ee sanaa yaadaan ture..'' jedha.
Imeelii warri Demookiraatii argatan kana keessatti maqaan miidhamtuu hin mul'ifamne haat tahu malee sanada koreen gadhiise irratti maqaan miidhamtuu Varjiiniyaa jedha.
Varjiiniyaa Giifar duabartii Ippiistiiniidhaan himachaa turte yoo tahu jalqaba bara kanaa lubbuu ofii baasteetti. Waayit Haawus, ''Varjiiniyaan irra deddeebiin Tiraamp waan badaa keessatti hin hirmaanne, hariiroo gabaabaa qabanuun nama, nama hiriyyomfatu dha,'' jechuun ibsiteetti jedha.
Bara 2016ttis jecha seeraa kenniteen Tiraamp haleellaa kamirrattiyyuu hirmaachuu takkaa akka hin argine himte. Pireezidantichas kana balleesseera jettee hin himanne.
Koreen Demookiraatotaa imeelii kana gadhiisee maqaashee maaliif akka dhokse yoo gafatamu eeyyama maatii wajjin waan raawwatu dha jedhan.















