Dhaabbanni TikTok Ameerikaatti gurguramuuf waliigaltee mallatteesse

Asxaa Tik Tok

Madda suuraa, Getty Images

TikTok invastarootaa Ameerikaatti akka gurguramu ta'uu baannaan akka cufamu murtee US'n irratti darbe irratti hundaa'uun gurguruuf waligaltee mallatteesse.

Fayyadamtootni inveestarootni haaraan fayyadama Tik Tok jijjiruu danda'uu laata sodaa jedhu qabu.

Dhaabbanni Chaayinaa TikTok 'ByteDance' jedhamu qooda Tik Tok harka caalu invastaroota Ameerikaa fi addunyaatti gurguruuf waliigaltee dirqamaa mallatteessuu isaa ibseera.

Dhhabbatichi tarkaanfii kana kan fudhate murtee pirezidaantiin U.S. Doonaald Tiraamp waliigaltee dhimma TikTok irratti ta'uu dura dhabbatichaaf marsaa hedduuf yeroon kennamfin waligaltee dirqama kana fudhachuu hogganaan TikTok Kamisa darbe hojjettoota beeksiseera.

Gareen invastarootaa Amerikaa kanneen akka 'Oracle, Silver Lake, fi dhaabbata invastimantii Emireet MGX ' jedhaman walakkaa qooda Tik Tok kana bitatan ta'uu ragaan hoji gaggeessaa olaanaa Tik Tok Shu Zi Chew irraa argameen ni mul'isa.

Waligalteen Tiraamp yeroo xumuraaf Dhaabbata Tik tok Chaayinaa keessatti argamu' ByteDance' qabeenya TikTok U.S.'tti gurguruuf kaa'e Amajjii 22 xumurama.

Yaaliin waggoota dheeraaf mootummaan Ameerikaa BaayitDance waliin dhimma nageenya biyyaattif jecha Ameerikaa keessaa cufuu ykn gurguruu jedhuun eegamaa ture kan xumureedha.

Ameerikaan gurgurtaa appii viidiyoo gabaabaa TikTok irratti waliigaltee xumuraa Fulbaana darbetti qabatte turte milkaa'uu dhabnaan erga cufamuuf qrqararra ga'ee booda murtee Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampin hanga Amajjii 22tti dheeratee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Manni murtii Ameerikaa yoo dhabatichii murtee kana hin fudhannee Tik tok akka cufamu itti murtessus Tiraamp marsaa sadiif akka dheeratu taasisuun ni yaadatama.

Tik Tok waligalteen kun ''lammiileen Ameerikaa miiliyoona 170 ol ta'an qaama hawaasa addunyaa barbaachisaa ta'an waliin addunyaa carraa hedduun guutamte qorachuu akka itti fufan kan taasisu'' ta'uu eere.

Akka waliigaltee kanaatti, Dhabbatni Tik Tok ByteDance qooda dhaabatichaa dhibbentaa 19.9 kan qabatu yoo ta'u, Oracle, Silver Lake, fi Abu Dabi-based MGX'n tokkoon tokkoon isaanii dhibbentaa15 qabaatu.

Dabalataanis, harka 30.1 kan ta'u hidhata invastaroota BaayiteDance waliin qabaniin kan qabamuu ta'uu waligaltee kana keessatti eeramuun ibsameera.

Waayit Haawus kanaan dura deeggaraa Tiraamp Laarii Eliisan waliin kan hundeeffame Oraakiliin akka qaama waliigaltee kanaatti algorizimiin yaada TikTok hayyama akka argatu akeekee ture.

Waliigalteen kun kan taasifame falmiifi harkifannaa hedduu hordofeeti.

Tik Tok

Madda suuraa, Tik Tok

Jalqabarra Ebla bara 2024, bara aangoo Pirezidaantii duraanii Ameerikaa Joo Baayiden, Kongireessiin Ameerikaa seera appii kun yoo gurgurame malee yaaddoo nageenya biyyaatiif akka dhorkamu baase.

Seerri kun Amajjii 20, 2025 irraa eegalee hojiirra oola jedhamee osoo eegamuu, Tiraamp garuu dhabbaticha wajjin mari'achuuf waliigaltee san marsaa dabarsuun akka harkifatu ta'eera.

Ji'a Fulbaanaa keessa Tiraamp Pirezidaantii Chaayinaa Shii Jiinping waliin bilbilaan haasa'uu isaanii ibsuun waliigaltee kana raggaasiseera jedhan.

Hoggantoonni lamaan Onkoloolessa keessa qaamaan erga wal arganii boodas egeree Tik Tok maal akka ta'u waanti ifa ta'e hin turre.

Hireen appii kanaa walxaxaa kan ta'e waldhabdee biyyoota lamaan gidduutti daldalaa fi dhimmoota biroo ilaalchisee itti fufee jiruutti ture.

Dhiheenya kana waldhabdeen sun salphachuu isaatiin, amma Beejiing hayyama caasaa fi algorizmii kana raggaasisuu danddeesse.

Waayit Haawus ta'ee dhabbileen daldaalaa kunneen ammatti BBC'f yaada hin kennine.

Miseensonni paartii Demokiraatotaa waligalticha kan qeeqan yoo ta'u, isaanis ''iccitii fayyadamtoota Ameerikaa eeguuf waan tokkollee akka hin hojjenne ibsan.

Akka waliigaltee kanaatti, algorizimiin yaada kennuu TikTok daataa fayyadamtoota Ameerikaa fayyadamuun irra deebiin kan kennamu yoo ta'u humnoota alaatiif akka hin saaxilamne ni hojjata.

"Kun dhuguma algorizimiin TikTok harka nageenya qabu keessa akka galchu mirkanaa'aa miti," jedhuun miseensi senetiin Ameerikaa Roon Waayide kan yaada kennan

Fayyadamtoonni tokko tokkos yaada invastaroota haaraa dhufan irratti yaaddoo agarsiisaniiru.

Abbaan qabeenyaa daldala xixiqqaa hordoftoota heddu Tik Tok irraa qabdu tokko invastarootni haaraan kun kan muuxannoo fayyadamaa walfakkaatu akka qabaatan abdii qabdu ibsiteetti.

"Abbootiin qabeenyaa kunneen daldala xixiqqaa akka eegan abdiin qaba," jette

TikTok akka gabaasetti daldaltoonni xixiqqaa miliyoona torbaa ol oomishaa fi tajaajila isaanii waltajjii kana irratti US keessatti beeksisu.