TikTok Ameerikaatti gurguramuu isaan dura appii isaa jijjiruuf ta'uu beeksise

Tik tok

Madda suuraa, Social Media

TikTok invastarootaa Ameerikaatti akka gurguramu ta'uu baannaan akka cufamu murtee US'n irratti darbe irratti hundaa'uun gurguramuu isaa dura aappii haaraa fayyadamtoota U.S. keessa jiraniif uumuuf akka jiru 'The Information' wabeffachuun Rooyiters gabaaseera

Dhhabbatichi tarkaanfii kana kan fudhate prezidaantiin U.S. Doonaald Tiraamp waliigaltee dhimma TikTok irratti ta'uu danda'u ilaalchisee Chaayinaa waliin Wixata ykn Kibxata marii akka jalqaban Jimaata darbe beeksisuu isaanii hordofeeti.

Ameerikaan gurgurtaa appii viidiyoo gabaabaa TikTok irratti waliigaltee xumuraa irra ga'uun akka dhihaate ibsiteerti.

TikTok appii haaraa kana Fulbaana 5irraa eegalee manneen appii Ameerikaatti eegaluuf karoora baafachuu isaa gabaasni kun ni mul'isa.

Baatii darbe keeessa Tiraamp yeroo xumuraaf Dhaabbata Tik tok Chaayinaa keessatti argamu' ByteDance' qabeenya TikTok U.S.'tti gurguruuf kaa'e hanga Fulbaana 17tti dheeressee ture.

Gabaasni kun itti dabaluudhaan fayyadamtoonni TikTok tajaajila kana fayyadamuu itti fufuuf appii haaraa kana buufachuu akka qaban ibseera.

Haa ta'u malee appiin amma jiru hanga Bitootessa bara dhufutti hojiirra kan oolu ta'aa jedhame.

BBC'n gabaasa kana addatti dhaabbata Tik tok irraa mirkaneessuu hin dandeenye.

Jalqaba bara kanaa hojii TikTok U.S. keessatti adda baasuun dhaabbata haaraa harka caalu kan invastaroota U.S.n geggeeffamutti akka gurguramu karoorfamee ture.

Garuu kun kan dhaabbate erga Chaayinaan tarkaanfii kana akka hin raggaasifne ibsiteen booda Tiraamp oomishaalee Chaayinaa irratti qaraxa olaanaa labsuu isaanii hordofeeti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Miidiyaa hawaasaa yeroo gabaabaa keessatti jaalatamummaa argate Tiktok abbaa qabeenyicha dhabbatichi Chaayinaa irraa akka adda bahu mana murtii US tti falmii ijibaaataa taasisaa ture.

Manni murtii Ameerikaas yoo Ameerikaatti hin gurguramne Tik tok akka cufamu murteessera. Tiraamp amma marsaa sadiif akka dheeratu taasisaniiru.

Seerri kun appii kana fayyadamuu kan dhorku utuu hin taane dhaabbileen teeknooloojii gurguddoon kanneen akka Apple fi Google dhiyeessuu akka dhiisanii fi update akka dhorkan kan gaafatu yoo ta'u, kunis yeroon boodaa aappichi akka dhabamu kan taasisudha.

TikTok qabeenyummaan isaa kan kampanii Chaayinaa ByteDance jedhamu bara 2012 keessa hundeeffameeti.

Dhaabbanni buufatasaa Beejing godhate kun Odola Kayimaan keessatti kan galmaa'e yoo ta'u, waajiraalee gara garaa guutummaa Awurooppaafi US keessaa qaba.

Tik Tok sooftiweerii viidiyoo ittiin gulaalan CapCut jedhamus qaba. Kana malees, appiiwwan gara garaa Chaayinaa keessatti qofa argaman ni qaba..