Poolisiin magaalaa Finfinnee waa'ee namoota miseensummaa Illuminaatiif nama afeeranii maal jedhe?

Mallattoo Illuminaatii

Madda suuraa, Getty Images

Namoota miidiyaalee hawaasaarratti ergaawwan faallaa aadaaf safuu hawaasaa ta'an qoodan 'karaa kamiinuu akka hin obsine' Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Tarkaanfiin namoota dhuunfaas ta'e gareewwan gochaa kana raawwatanirratti fudhatamus cimaa akka ta'u Poolisiin BBC'tti himeera.

Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tiktokaroota "Nuti miseensota waldaa seexanaati nu fakkaadhaa, maallaqa baay'ee argattu'' jedhan dabalatee namoota afur to'achuusaa ibsa Roobii galgala baaseen himeera.

Tarkaanfii tibbana fudhachaa jiru kana ilaalchisees BBC'f yaada kenneera.

Qajeelcha Waliigalaa Poolisii Finfinneetti Itti Gaafatamaa Qunnamtii Ummataafi Komunikeeshinii kan ta'an Komaandar Maarqos Taaddasa, "Hawaasni akka hubatu kan barbaannu, tarkaanfii kana cimsinee itti fufna" jedhaniiru.

Dhimma 'Illuminatii ykn waldaa seexanaa'

Poolisiin Magaalaa Finfinnee shakkamtoonni 'nuti miseensota waldaa seexanaati, nu fakkaadhaa' jechuun to'ataman Zaharaa Mahaammad fi Fatiyaa Eliyaas akka jedhaman ibseera.

Namoonni kun "Kallattiidhaan 'Nuti miseensota waldaa seexanaati. Yoo kanatti makamtan maallaqa ni argattu' jechuun ergaa yemmuu dabarsani kan argaman" jedhan Komaandar Maarqos.

Dabaluunis "Kun immoo amantaa, aadaa akkuma waliigalaatti duudhaa keenya waliin faallaa kan ta'edha" jedhan.

Wanti kun hawaasa mufachiisuu kan himan Komaandarichi, yaadawwan 'Poolisiin yoom tarkaanfii fudhata?' jedhan irra deddeebiin dhagahamaa turuu himaniiru.

"Jiraattonni magaalichaa bilbilanii 'maalif tarkaanfii hinfudhattan?' nun jechaa turan" jedhan.

Dabalataan namoonni miseensa 'illuminati yookiin waldaa seexanaa' akka ta'aniif affeeramuun goyyomsuun yookiin yakki biraan irratti raawwatame gara waajjiraalee poolisii deemuun odeeffannoo kennuu akka danda'anis himaniiru.

Poolisiinis odeeffannoowwan dhiyaatan fudhatee akka qulqulleessu himaniiru.

'Ka'umsi tarkaanfii keenyaa seeradha'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itti fayyadama miidiyaa hawaasaa ilaalchisee kunneen qabiyyee qoodan barnoota akka argataniif poolisiin yeroo kennee akka ture Komaandar Maarqos himu.

"Haa ta'u malee dhimmichi yeroo gara yerootti hammaachaa dhufee sadarkaa olaanaarra waan gaheef yeroo dhiyoo as tarkaanfii fudhachaa jirra" jedhan.

Poolisiin tarkaanfii kana fudhachuuf ka'umsa kan ta'eef seera akka ta'es himan.

"Ka'umsi tarkaanfii keenyaa seeradha. Ergaawwan faallaa aadaa, hamileefi duudhaa hawaasaa ta'an karaa kamiinuu tamsaasuun yakka" jedhan.

Tarkaanfiin kunis fayyadamtoota miidiyaalee hawaasaa qabiyyeewwan faallaa aadaafi safuu hawaasaa ta'an sagaleen, suuraan, suur-sagaleen akkasumas barreeffamaan qoodan irratti fudhatamaa akka jirus himaniiru.

"Miidiyaan hawaasaa kan qophaa'e wantoota gaarii akka waliif qoodnufi barnoota akka irraa argannuufi. Namoonni tokko tokko garuu (miidiyaa hawaasaa) dhimmoota yakka ta'aniif dhimma itti bahaa jiru" jedhan.

Kanaafis "Hanga aadaa, jiruuf jireenya, hamilee, duudhaafi amantaa hawaasaatiin faallaa ta'etti tarkaanfii akka fudhannu hawaasni akka hubatu ni barbaanna" jedhan.

Gama biraatiin maatiin, dursitoonni amantaafi guutummaan hawaasaas dhimma kanaan walqabatee gahee irraa eegamu bahachuu akka qaban himu.

Keessattuu maatiin miidiyaalee hawaasaa ijoolleensaanii fayyadaman beekuu, hordofuufi to'achuu akka qaban eeran.

"Keessattuu maatiin ijoolleen wantoota sammuusaanii hinmadaalle akka hin daawwanneef hordoffii cimaa gochuu qabu" jedhan Komaandarichi.

Dhumarrattis "Namootas ta'e gareewwan wanta faallaa aadaa, hamilee, duudhaafi amantaa keenya ta'e miidiyaa hawaasaarratti qoodan karaa kamiinuu hin obsinu, tarkaanfiin keenyas cimaa ta'a" jedhaniiru.