Poolisiin TikTookaroota 'waldaa seexanaatti makamaa' jedhaniifi kaan to'ate

Tiktookaroota to'ataman

Madda suuraa, Poolisii Finfinnee

Ibsa waa'ee suuraa, Poolisiin tiktookaroonni kuni waan safuu cabse dalagani jechuun himate

Poolisin tiiktookaroota dabalataa afur miidiyaa hawaasummaa fayyadamuun safuu, duudhaafi kabaja ogummaa dhowwan jedhe to'achuu beeksise.

Kunneen, ''miidiyaa hawaasummaarratti dhiibbaa uumna, qabiyyee qopheessina'' jechuun hidhaan akkanaa akka itti fufu akeekkachiise.

Poolisiin magaalaa Finfinnee ibsa baaseen kunneen kan hawaasa ''kabaja dhowwan, ergaawwan aadaafi duudhaa faallaa ta'an facaasan'' jedhee qorachaa akka jiru beeksise.

Itoophiyaatti torban darbe eegalee poolisiin namoota miidiyaa hawaasummaa, keessumaa TikTok irratti qabiyyee dhiheessana to'ataa jira.

Kanneen torban dura tiktookaroota sagal to'achuu beeksise keessaa TikTok gubbaaa hordoftoota miiliyoona afur kan qabu Adonaay hiikamee jira.

Torban kanammoo tiktookarootaa haaraa to'achuu beeksiseera.

Poolisiin Magaalaa Finfinnee ibsa Roobii galgala baaseen kanneen to'ate keessaa tiktookaroota ''aadaa, duudhaa, amantaa fi naamusa hin madaallen illuminaatii ykn miseensota waldaa seexanaati nu fakkaadhaa, maallaqa baay'ee argattu'' kan jedhan akka jiran hime.

Kanneen ergaa miseensa illuminaatii ta'a jedhanii dhaaman jedhee shakke Zaharaa Mahaammad fii Fatiyaa Eliyaas jedhamu jechuun ibseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Poolisiin ibsa isaa keessatti ''itti fayyadama miidiyaa hawaasummaa hin to'atamne akka dhaabatu'' lammiileen gaafataa jiru jedhe.

Poolisiin namoota miidiyaa hawaasummaa fayyadamuun ''ogummaa kabaja kan dhowwan'' to'achuus himeera.

Shakkamaan sadaffaa Lataa Darajjee Tarrafaa kan jedhamu yoo ta'u ''haala ogummaa barsiisummaafi kabaja barsiisotaa xureessuun'' vidiyoowwan TikTokii dalaguu hime.

Shakkamaan kuni ''uffata danbiii barataa uffachuun teessuma barnootaarra dhaabatee sirbaa, barsiisotarratti qoosuu [ashoofuu], kiisiii barataa keessaa maallaqa hatuu'' dalagaa turuu mirkaaneessuu hime.

Shakkamaan afraffaa Edoom Miiliyoon kan jedhamu yoo ta'u barataadha jedheera poolisiin ibsa isaa keessatti.

Dargaggoon kuni TikTokii fayyadamuun dugdaa ol uffata baasuun ''saggix fammis'' jechaa karaarrattii hawaasa ''naasisaa, tirii [sahaanii] irrattii soorata qabatee hawaasa yoo afaan isin kaa'e malee'' jechaa qabiyyee hawaaasa ''naasisu'' osoo dalaguu to'atamuu ibse.

Poolisiin namoota gocha walfakkaataa dalagaa ''rogeeyyiidha'' jedhan akka hin obsine akeekkachiiseera.

Dhimma kanarratti shakkamtoonni wanti jedhan yoo jiraate hin beekamu.

Poolisiin torban dura eegalee hidhaa tiktookaroota irratti cimse namoonni kaan yooo deeggaran, kaanimmoo qeeqaa jiru.