Poolisiin federaalaa tiktookaroota Itoophiyaa 'safuu cabsan' to'ate

Tiktookaroota poolisiin qorataa jiru

Madda suuraa, Ethiopian Federal Police

Ibsa waa'ee suuraa, Tiktookaroota poolisiin qorataa jiru

Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa tiktookaroota akkaataa uffataa ''aadaafi safuu biyya keenyaa cabse'' uffatan jechuun shakke to'achuu beeksise.

Namoonni kunneen uffata aadaa hawaasaa hin madaalle kan uffatan addabaabayiifi sagantaa televijinii kallattiin ummataaf tamsa'anirrattidha jedheera.

Dhihoo Itoophiyaa keessatti yeroo sadaffaaf badhaasni tiktookarootaa ''G-Power TikTok Creative Award'' jedhamuun qophaa'e taasifameera.

Sagantaa dorgommii cimaan irratti mul'ate kanarratti ture tiktookaroonni hordoftoota baay'ee qaban uffata gosa garagaraa uffatanii kan mul'atan.

Haa ta'u malee, kanneen ''aadaafii naamusaa ummata Itoophiyaarraa maqe'' uffatanii dhufan akka jiran kan poolisiin ibse.

Kunneenis, uffata qaama isaanii mul'isu uffachuu poolisiin ibsa isaa keessatti kan eere.

Shakkamtoota kanas michuuwwan isaanii waliin to'atee qorannoo eegaluu Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa beeksiseera.

Michuuwwan kunneenis kanneen hirmaatan ala kan saganticha ispoonsara godhaniifi qindeessan akka ta'an eere.

Kanneen shakkamanii to'atamanii qoratamaa jiran akkaataan uffataa isaanii ''ummataa biratti fudhatama kan hin qabne'' akka ta'e ibse poolisiin.

Sababa seeratti dhiheessuun barbaachiseefis yeroo eeru kanneen ''aadaa hawaasaa hin taaneefi aadaawwan alaa dhufan dhalootarratti miidhaa akka hin finne'' akka ta'e eere.

Shakkamtoota kanarratti ''itti gaafatamummaa seeraa mirkaaneessuuf qorannoo eegale cimsee akka itti fufu beeksisa,'' jedheera.

Shakkamtoonni maqaan eeraman kuni namoota shanidha.

Wangeelaawwit Gabra Indiriyaas, Barakat Tsaggaayee, Maqdim Darajjee, Giruum Gazzaahanyiifi Yohaannis Mokonniin jedhamu.

Himannaa poolisiin irratti dhiheesserratti shakkamtoonni kuni wanti isaan jedhan hin beekamu.

Haa ta'u malee, kanneen uffata isaan uffataniin ijoo dubbii ta'an turaniiru.

Eegasiis kan dhiifama gaafatan akka jiran gabaafamaa ture.