Hindii: Namni bakka amantaatti safuu cabsee jedhame reebamee ajjeefame

Madda suuraa, GETTY IMAGES
Poolisiin magaalaa Indiyaa Amiritsar akka himetti, namtichi iddoo hordoftoota amamtii ‘Sikhism’ biratti hunda qulqulluu jedhamee beekamu dhaqee, wanta hordoftoonni amantichaa qulqulluu jedhanii amanan gocha sarbu raawwatuun shakkame reebamee ajjeefame.
Ta’iin kun yeroo sagadaatti kan mudate yoo ta’u, magalaa siidaa amantii warqee fakkaatu qabdu Amiritsaritti Sambata qaqqabuu isaa miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.
Namtichi seera amanti sarbuun shakkame kun iddoo kitaabni qulqulluu ‘Sikhism’ moggaasa ‘Guru Granth Sahib’ jedhamu kaa’amu seenuuf yaaluu isaatu shakkama.
Sana booda namtichi eeboo kitaabicha cina kaa’ame xuquuf kan yaale yoo ta’u, eegdotaafi namoota waaqeffannaarra turaniin tuquurraa dhorkame.
Jalqaba waldhabbiin yeroo gabaabaaf mudate san kadhannaan kallattiin waan darbaa tureef kaameraan waraabamee ture.
Ta’ii sana booda maaltu akka raawwatame garuu ifa miti.
Poolisiin akka ibsetti, qondaalonni poolisii wayita naannicha qaqqabanitti namtichi mi’a amantii xuquuf yaale du’aan isaa argamuufi qorannoo gaggeeffamaa jira jedhe.
Ministirri Punjaab Charanti Singi Channi bakka sanatti ‘shira ta’ii sana duuba jiru’ akka qoratan poolisoota ajajuun isaanii toora tiwitaraa gubbaatti barreessan.
Ta’iin kun kan mudate namni biraan tokko kitaaba qulqulluu Siki ‘Gutka Sahib’ jedhamee waamamu bishaan siidaa iddoo amantaa kana marsee jirutti darbachuu isaatiif erga to’atamee guyyoota muraasa booda ture.
‘Guru Granth Sahib’ kabaja dhorkachuun hawaasa Siki biratti dhimma mufii uumedha.
Bara 2014 fi 2015 iddoo amantii kana kabajaa dhorkuun dhimma siyaasa ta’uun yeroo filannoo Punjaab bara 2017 fi 2019 gaggeeffametti ka’aa ture.
Paartiin Kongiraasii biyyattii bulchaa jiru namoota seera amantichaa cabsan seeratti dhiyeessuu dadhabe jedhamee mormitootaan qeeqamaa ture.













